19 “‘Isaan meetii isaanii daandii irratti gatu, warqiin isaaniis isaan biratti jibbamaa taʼa. Guyyaa dheekkamsa Yihowaatti meetiin isaaniis taʼe warqiin isaanii isaan oolchuu hin dandaʼu.+ Inni gufuu yakkamtoota isaan godhu waan taʼeef, isaan hin quufan, garaa isaaniis hin guuttatan.