LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 28:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Yesuus isaanitti dhihaatee akkana isaaniin jedhe: “Samii fi lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera.+

  • 1 Qorontos 15:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Sababiin isaas, inni hanga Waaqayyo diinota isaa hunda miila isaa jala godhutti mootii taʼee bulchuu qaba.+

  • Efesoon 1:20, 21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 inni humna kanaan Kiristoosiin warra duʼan keessaa kaasee iddoowwan samii keessatti karaa mirga isaa akka taaʼu godheera;+ 21 sirna* ammaa keessatti qofa utuu hin taʼin sirna dhufu keessattis, mootummaa, aangoo, humna, gooftummaa fi maqaa moggaafamuu dandaʼu hundumaa gararraatti ol isa qabeera.+

  • Filiphisiyus 2:9, 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Kanaan kan kaʼes, Waaqayyo iddoo hunda caalu isaaf kennuudhaan ol isa godhe;+ akkasumas maqaa maqaa kan biraa kam irra iyyuu caalu gaarummaadhaan isaaf kenne;+ 10 kana kan godhes jilbi hundi, jechuunis samii keessa kan jiranii fi lafa irra kan jiran, akkasumas lafa jala kan jiran hundi maqaa Yesuusiin akka jilbeenfataniif,+

  • Ibroota 1:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Yeroo Ilma isaa isa Angafa+ lammata gara lafaatti fidu ilaalchisees, “Maleekonni Waaqayyoo hundi isaaf haa sagadan” jedheera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi