5 Sana booda Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe akkuma Yihowaan jedhetti achuma biyya Moʼaab keessatti ni duʼe.+ 6 Innis sulula isa biyya Moʼaab keessa, Beet Peʼoor gamatti argamu keessatti isa ni awwaale; hamma harʼaatti awwaalli isaa eessa akka taʼe namni beeku hin jiru.+