-
Mulʼata 17:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Maleekota torban saaniiwwan torba qaban sana keessaa inni tokko+ dhufee akkana naan jedhe: “Kottu, murtii sagaagaltuu guddittii bishaanota hedduu irra teessu sana irratti dabarfame sitti nan argisiisa;+ 2 mootonni lafaa ishii wajjin halalummaa*+ raawwataniiru; jiraattonni lafa irraas daadhii wayinii halalummaa* ishiitiin machaaʼaniiru.”+
-
-
Mulʼata 18:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhee iyye: “Kufteetti! Baabilon Guddittiin kufteetti;+ ishiin bakka jinniiwwan jiraatan, bakka hafuuronni xuraaʼoon hundi, simbirroonni xuraaʼoonii fi jibbisiisoon hundi keessa jiraatan taateetti!+ 3 Wayinii kajeellaa* halalummaa* ishiitiin kan kaʼe saboonni hundi kufaniiru,+ mootonni lafaas ishii wajjin halalummaa raawwataniiru;+ daldaltoonni* lafaas jireenya qananii ishiin qaanii malee jiraattuun kan kaʼe sooreyyii taʼaniiru.”
-