-
Hojii Ergamootaa 10:25, 26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Pheexiros yommuu ol seenu, Qorneelewos isa simate; miila isaatti kufees isaaf sagade. 26 Pheexiros garuu, “Kaʼi; anis namuma akka keetii ti” jedhee ol isa kaase.+
-
-
Mulʼata 22:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Wantoota kana kan dhagaʼee fi kan arge ana Yohaannisi. Yeroon wantoota kana dhagaʼee fi argettis isa waaqeffachuuf miila maleekaa wantoota kana natti argisiisaa turee jalatti nan gombifame. 9 Inni garuu, “Of eeggadhu! Akkana hin godhin! Ani akkuma kee fi akkuma obboloota kee warra raajota taʼanii fi warra dubbii maraa kitaabaa kana keessa jiru eeganii garbicha dha. Waaqayyoon waaqeffadhu!”+ naan jedhe.
-