-
Hojii Ergamootaa 14:12-15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Achiis Barnaabaasiin, “Zuus” jedhan; Phaawulos immoo dursa fudhatee dubbachaa waan tureef, “Hermees” jedhanii isa waamuu jalqaban. 13 Lubni Zuus, inni manni qulqullummaa isaa karra magaalattii bira jirus namoota sanaa wajjin aarsaa isaanii dhiheessuuf, korommii fi abaaboo akka gonfootti dhaʼame fidee gara karrichaatti dhufe.
14 Haa taʼu malee, ergamoonni sun, jechuunis Barnaabaasii fi Phaawulos kana yommuu dhagaʼan uffata isaanii tarsaasanii utaalanii namoota sana gidduu seenuudhaan sagalee isaanii guddisanii akkana jedhan: 15 “Namoota nana, maaliif wanta akkasii gootu? Nuti namoota akkuma keessan dadhabina qabnu dha.+ Misiraachoo isiniif labsaa kan jirru, isin wantoota gatii hin qabne kana dhiistanii gara Waaqa jiraataa isa, samii, lafa, galaanaa fi wantoota isaan keessa jiran hundumaa uumetti akka deebitaniifi.+
-
-
Mulʼata 19:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Anis yeroo kanatti isa waaqeffachuuf miila isaa jalatti nan gombifame. Inni garuu akkana naan jedhe: “Of eeggadhu! Akkana hin godhin!+ Ani akkuma kee fi akkuma obboloota kee warra hojii waaʼee Yesuus dhugaa baʼuu+ hojjetan sanaa garbicha dha. Waaqayyoon waaqeffadhu!+ Sababiin isaas, raajiin kan dubbatamu waaʼee Yesuus dhugaa baʼuufi.”+
-
-
Mulʼata 22:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Wantoota kana kan dhagaʼee fi kan arge ana Yohaannisi. Yeroon wantoota kana dhagaʼee fi argettis isa waaqeffachuuf miila maleekaa wantoota kana natti argisiisaa turee jalatti nan gombifame. 9 Inni garuu, “Of eeggadhu! Akkana hin godhin! Ani akkuma kee fi akkuma obboloota kee warra raajota taʼanii fi warra dubbii maraa kitaabaa kana keessa jiru eeganii garbicha dha. Waaqayyoon waaqeffadhu!”+ naan jedhe.
-