-
Mulʼata 1:13-15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 baattuuwwan ibsaa sana gidduu, namni ilma namaa fakkaatu+ tokko uffata hamma miila isaatti dheeratu uffatee, akkasumas sabbata warqii qoma isaatti hidhatee jira ture. 14 Mataan isaa fi rifeensi isaa akka suufii adii fi akka cabbii addaata ture; ijji isaa labooba ibiddaa fakkaata ture;+ 15 miilli isaa sibiila diimaa baʼeessa+ iddoo ibiddaa keessatti diimeffame fakkaata ture; sagaleen isaa immoo akka sagalee bishaanota hedduu ture.
-