Iyyoob
15 Eliifaaz+ Temaanichi akkana jedhee deebise:
2 “Namni ogeessi falmii duwwaa taʼeen* deebii ni kennaa?
Yookiin garaa isaa bubbee bahaatiin ni guutaa?
3 Jecha buʼaa hin qabneen ifachuun gatii hin qabu,
Dubbiin qoftis faayidaa hin qabu.
4 Sababiin isaas, ati Waaqa sodaachuuf iddoo hin kennitu,
Waaʼee Waaqayyoo yaaduus akka laayyootti ilaalta.
5 Akkanatti kan dubbattu, dogoggora keetiin kan kaʼe dha,*
Dubbii haxxummaas ni filatta.
6 Afaanuma keetu sitti murteessa malee, ana miti;
Hidhii keetu si irratti ragaa baʼa.+
7 Namni jalqaba dhalate siʼii?
Yookiin ati tabbawwan dura dhalattee?
8 Iccitii Waaqayyoo ni dhageessaa?
Yookiin ogummaa kan qabu si qofa dhaa?
9 Mee wanti ati beektuu fi nuti hin beekne maali dha?+
Wanti ati hubattuu fi nuti hin hubanne maali dha?
10 Namoonni mataa harrii fi umuriidhaan sokkan,
Namoonni angafa abbaa keetii taʼan nu gidduu jiru.+
11 Jajjabinni Waaqayyo biraa argatte,
Yookiin dubbiin gaarummaadhaan sitti dubbatame si hin gaʼuu?
12 Miirri* kee akka si toʼatu kan heyyamtu maaliifi?
Ijji kee hoo aariidhaan kan bobaʼu maaliifi?
13 Ati Waaqayyotti ni aarta,*
Jechoonni kunis afaanuma kee keessaa akka baʼan heyyamta.
14 Namni duʼu qulqulluu taʼuu,
Yookiin namni dubartii irraa dhalate kam iyyuu qajeelaa taʼuu ni dandaʼaa?+
15 Kunoo, inni qulqulloota isaa irratti amantii hin qabu,
Samiin illee ija isaa duratti qulqulluu miti.+
16 Maarree, namni jibbisiisaa fi mancaʼaa taʼe,
Namni jalʼina akka bishaaniitti dhugu hammam haa xinnaatu!+
17 Sittan hima, na dhagaʼi!
Wantan arge nan dubbadha,
18 Wanta namoonni ogeeyyiin dubbatanii fi hin dhoksine,
Wantoota isaan abbootii isaanii irraa argatan nan dubbadha.+
19 Lafattiin isaaniif qofa kennamtee turte,
Ormi tokko illees isaan gidduu hin darbine.
20 Namni hamaan umurii isaa guutuu,
Waggoota isa nama cunqursu sanaaf ramadaman hundumaatti dhiphinaan jiraata.
21 Sagalee sodaachisaan gurra isaa keessa jira;+
Yeroo nagaatti weerartoonni isa ni haleelu.
22 Inni dukkana jalaa akka miliqu hin amanu;+
Inni goraadeedhaaf kaaʼameera.
23 Inni, ‘Eessa jira?’ jedhee nyaata* barbaaduuf asii fi achi joora.
Guyyaan dukkanaa dhihaachuu isaa akka gaariitti beeka.
24 Dhiphinnii fi jeequmsi isa sodaachisuu isaanii itti fufu;
Isaan akka mootii haleellaa jalqabuuf qophaaʼeetti isa ni moʼu.
25 Sababiin isaas, inni harka isaa Waaqayyo irratti ni kaasa,
Isa Hundumaa Dandaʼu mormuufis* yaalii ni godha;
26 Inni gaachana isaa isa furdaa fi cimaa taʼe* qabatee,
Mata jabinaan gara isaatti ni fiiga;
27 Fuulli isaa coomaan haguugameera,
Luqqeettuun isaas coomaan dhiitaʼeera.
28 Inni magaalota diigamuuf jedhan,
Manneen namni tokko illee keessa hin jiraanne,
Warra tuullaa dhagaa taʼuuf jedhan keessa jiraata.
29 Inni sooressa hin taʼu, qabeenyi isaa walitti hin qabamu,
Badhaadhinni isaas biyyattii keessatti hin babalʼatu.
30 Inni dukkana jalaa hin miliqu;
Laboobni damee isaa ni gogsa,*
31 Inni karaa irraa goruus taʼe wanta gatii hin qabnetti amanamuu hin qabu,
Sababiin isaas, wanti inni kana irraa argatu gatii hin qabaatu;
32 Guyyaan isaa gaʼuu isaa dura kun ni taʼa,
Dameewwan isaas matumaa hin lalisan.+
33 Inni akka muka wayinii firii wayinii isaa isa dheedhii of irraa hurgufuu,
Akka muka ejersaa* daraaraa isaa of irraa harcaasuus ni taʼa.
34 Sababiin isaas, yaaʼiin warra Waaqa hin qabnee* ni maseena,+
Ibiddis dunkaana warra mattaʼaa fudhatanii ni nyaata.
35 Isaan rakkina ni ulfaaʼu, wanta hamaa taʼes ni dhalu,
Gadameessi isaaniis gowwoomsaadhaan kan guutame dha.”