LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hojii Ergamootaa 12
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Hojii Ergamootaa

      • Yaaqoob ni ajjeefame; Pheexiros ni hidhame (1-5)

      • Pheexiros dinqiidhaan hiikame (6-19)

      • Maleekaan tokko Heroodisiin rukute (20-25)

Hojii Ergamootaa 12:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 15:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 88

    Masaraa Eegumsaa,

    5/1/2007, ful. 6

Hojii Ergamootaa 12:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 4:21
  • +Mat 20:20-23; Luq 11:49

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 88

    Masaraa Eegumsaa,

    1/15/2012, ful. 12

Hojii Ergamootaa 12:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 12:15; 23:15; Lew 23:6

Hojii Ergamootaa 12:4

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “murtiitti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 21:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 87, 88-89

    Masaraa Eegumsaa,

    1/15/2012, ful. 12

Hojii Ergamootaa 12:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Qo 1:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 89-90

    Masaraa Eegumsaa,

    1/15/2012, ful. 12

Hojii Ergamootaa 12:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 87, 90

Hojii Ergamootaa 12:7

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 34:7; Ibr 1:7, 14
  • +HoE 5:18, 19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    1/15/2012, ful. 12-13

Hojii Ergamootaa 12:8

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Hidhadhu.”

Hojii Ergamootaa 12:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 93

Hojii Ergamootaa 12:11

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Ph 2:9

Hojii Ergamootaa 12:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 13:5; 15:37, 38; Qol 4:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 19-20, 91, 134

    Masaraa Eegumsaa,

    3/15/2010, ful. 6-7

    4/1/2008, ful. 26

Hojii Ergamootaa 12:13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 91

    Masaraa Eegumsaa,

    3/15/2010, ful. 7

Hojii Ergamootaa 12:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 91

Hojii Ergamootaa 12:15

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 117

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 91

Hojii Ergamootaa 12:17

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 13:55; HoE 15:13; 21:18; 1Qo 15:7; Gal 1:19; 2:9

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 91-92, 126

Hojii Ergamootaa 12:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 16:27

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 92

Hojii Ergamootaa 12:20

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Siidoonii wajjin wal lolee.”

  • *

    Kal., “diinqa.”

Hojii Ergamootaa 12:21

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 92

Hojii Ergamootaa 12:23

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 94

Hojii Ergamootaa 12:24

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 6:7; 19:20; Qol 1:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 94

Hojii Ergamootaa 12:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 4:36, 37
  • +HoE 11:29, 30
  • +HoE 13:5; 15:37, 38

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 134

    Masaraa Eegumsaa,

    3/15/2010, ful. 7

Yaada Wal Simu

HoE. 12:1Yoh 15:20
HoE. 12:2Mat 4:21
HoE. 12:2Mat 20:20-23; Luq 11:49
HoE. 12:3Bau 12:15; 23:15; Lew 23:6
HoE. 12:4Luq 21:12
HoE. 12:52Qo 1:11
HoE. 12:7Fr 34:7; Ibr 1:7, 14
HoE. 12:7HoE 5:18, 19
HoE. 12:112Ph 2:9
HoE. 12:12HoE 13:5; 15:37, 38; Qol 4:10
HoE. 12:17Mat 13:55; HoE 15:13; 21:18; 1Qo 15:7; Gal 1:19; 2:9
HoE. 12:19HoE 16:27
HoE. 12:24HoE 6:7; 19:20; Qol 1:6
HoE. 12:25HoE 4:36, 37
HoE. 12:25HoE 11:29, 30
HoE. 12:25HoE 13:5; 15:37, 38
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Hojii Ergamootaa 12:1-25

Hojii Ergamootaa

12 Yeroo sana Heroodis Mootichi miseensota gumii tokko tokko irratti ariʼatama geessisuu jalqabe.+ 2 Inni, Yaaqoob obboleessa Yohaannis+ goraadeedhaan ni ajjeese.+ 3 Kana gochuun isaa Yihudoota akka gammachiise yommuu argu, Pheexirosiinis ni qabsiise. (Kun kan taʼe guyyoota Ayyaanni Maxinoo kabajamutti ture.)+ 4 Ayyaana Faasikaa booda namoota duratti* isa dhiheessuu waan barbaadeef, qabee mana hidhaatti erga isa galchee+ booda, loltoota dabaree afuriin isa eeganitti isa kenne; tokkoon tokkoon dabaree kanaa loltoota afur afur qaba ture. 5 Kanaafuu, Pheexiros mana hidhaa keessa akka turu godhame; gumichi garuu cimsee Waaqayyoon isaaf kadhata ture.+

6 Halkan Heroodis Pheexirosiin uummata duratti dhiheessuu barbaade sana dura turetti, Pheexiros funcaa lamaan hidhamee loltoota lama gidduu rafee ture; eegdonnis balbala dura dhaabbatanii mana hidhaa sana eegaa turan. 7 Haa taʼu malee, yeroo kanatti maleekaan Yihowaa* tokko dhufee achi dhaabbate;+ ifnis kutaa mana hidhaa sana keessatti ni ife. Achiis cinaacha Pheexiros tuttuqee isa dammaqsee, “Dafii kaʼi!” isaan jedhe. Funcaawwan sunis harka isaa irraa harcaʼan.+ 8 Maleekichi, “Uffadhu,* kophee kees godhadhu” isaan jedhe. Innis akkuma jedhame godhe. Dhuma irrattis, “Uffata kee isa irraan uffattu uffadhuutii na duukaa buʼi” isaan jedhe. 9 Achiis inni gad baʼee isa duukaa buʼe; haa taʼu malee, wanti maleekaan sun godhu dhugaa taʼuu isaa hin beekne. Kanaa mannaa, mulʼata argaa waan jiru isatti fakkaatee ture. 10 Isaan waardiyyaa isa jalqabaa fi isa lammaffaa bira erga darbanii booda, karra sibiilaa isa gara magaalattiitti baasu bira gaʼan; karrichis ofuma isaatiin isaaniif baname. Erga baʼanii booda, daandii tokko irra gad buʼan; maleekaan sunis yeruma sana isa irraa adda baʼe. 11 Achiis Pheexiros wanta taʼaa jiru hubatee, “Yihowaan* maleekaa isaa ergee harka Heroodisii fi wanta Yihudoonni akka na irra gaʼu eegan hundumaa irraa na oolchuu isaa amma dhuguma beekeera” jedhe.+

12 Erga kana hubatee booda, gara mana Maariyaam haadha Yohaannis isa Maarqos jedhamuu dhaqe;+ achitti barattoonni hedduun walitti qabamanii kadhachaa turan. 13 Pheexiros yommuu balbala karrichaa rurrukutu, tajaajiltuun Roodaa jedhamtu balbala banuuf dhufte. 14 Ishiin sagalee Pheexiros taʼuu isaa beektee baayʼee waan gammaddeef, karricha banuu dhiistee fiigdee gara keessaatti seenuudhaan Pheexiros karricha dura dhaabbachaa akka jiru isaanitti himte. 15 Isaanis, “Ni maraatte moo?” ishiidhaan jedhan. Ishiin garuu akkuma jette taʼuu isaa irra deddeebitee isaanitti himte. Isaanis, “Yoo taʼes, maleekaa isaa ti” jedhan. 16 Pheexiros garuu achuma dhaabbatee balbalicha rurrukuta ture. Yommuu balbalicha bananis isa arganii baayʼee dinqisiifatan. 17 Inni garuu akka callisan harka isaatiin mallattoo erga isaanitti argisiisee booda, Yihowaan* akkamitti mana hidhaa keessaa akka isa baase tokko tokkoon isaanitti hime; akkasumas, “Wantoota kana Yaaqoobii+ fi obbolootatti himaa” jedhe. Sana booda gad baʼee iddoo kan biraa dhaqe.

18 Yommuu bariʼus, Pheexiros eessa akka dhaqe ilaalchisee loltoota gidduutti jeequmsi guddaan ni uumame. 19 Heroodis cimsee barbaadee yommuu isa dhabu, eegdota sana erga qoratee booda geeffamanii akka adabaman ajaje;+ achiis Yihudaadhaa gara Qisaariyaatti gad buʼee yeroo muraasaaf achi ture.

20 Heroodis namoota Xiirosii fi Siidoonitti aaree* ture. Kanaafuu, isaan yaada tokkoon gara isaa dhufan; Bilaasxos isa itti gaafatamaa mana* mootichaa taʼe erga amansiisanii booda araara gaafatan; sababiin isaas, biyyi isaanii nyaata kan argattu biyya mootichaa keessaa ture. 21 Guyyaa qophiin addaa godhame tokkottis Heroodis uffata mootii uffatee, barcuma murtii irra taaʼee uummatichaaf haasaa dhiheessuu jalqabe. 22 Namoonni walitti qabaman sunis, “Kun sagalee waaqaa ti malee, sagalee namaa miti!” jedhanii iyyuu jalqaban. 23 Heroodis Waaqayyoof ulfina waan hin kennineef yeruma sana maleekaan Yihowaa* isa rukute; innis raammoodhaan nyaatamee duʼe.

24 Dubbiin Yihowaa* garuu guddachaa fi babalʼachaa deeme.+

25 Barnaabaasii+ fi Saaʼol Yerusaalem keessatti hojii gargaarsaa guutummaatti erga raawwatanii booda,+ Yohaannis isa Maarqos jedhamu of duukaa fudhatanii deebiʼan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi