LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Qorontos 16
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 1 Qorontos

      • Kiristiyaanota Yerusaalemiif buusii walitti qabuu (1-4)

      • Karoora imalaa Phaawulos (5-9)

      • Ximotewosii fi Apholos gara Qorontos ni dhaqu (10-12)

      • Gorsaa fi nagaa dhaamame (13-24)

1 Qorontos 16:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 24:17; Rom 15:26; 2Qo 8:3, 4

1 Qorontos 16:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 88

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa,

    11/2023, ful. 3

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 55

    Masaraa Eegumsaa,

    12/15/2013, ful. 14

    7/15/2008, ful. 27

1 Qorontos 16:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Qo 8:19

1 Qorontos 16:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 19:21; 2Qo 1:15, 16

1 Qorontos 16:7

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 20:2

1 Qorontos 16:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 19:1

1 Qorontos 16:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 19:10, 11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    12/15/2008, ful. 18

1 Qorontos 16:10

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 16:1, 2
  • +Flp 2:19, 20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    5/15/2009, ful. 14-15

1 Qorontos 16:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 18:24, 25

1 Qorontos 16:13

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ija jabeeyyii taʼaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Ta 5:6
  • +1Qo 15:58; Flp 1:27
  • +HoE 4:29
  • +Efe 6:10; Qol 1:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    9/15/2015, ful. 13-17

1 Qorontos 16:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 13:4; 1Ph 4:8

1 Qorontos 16:15

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “firii jalqabaa.”

1 Qorontos 16:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Flp 2:29, 30; 1Ta 5:12; 1Xi 5:17

1 Qorontos 16:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 1:16

1 Qorontos 16:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 16:3, 5; Flm 2

1 Qorontos 16:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Barreeffamoota Qorannaa Walgaʼii, 5/2019, ful. 6

Yaada Wal Simu

1Qor. 16:1HoE 24:17; Rom 15:26; 2Qo 8:3, 4
1Qor. 16:32Qo 8:19
1Qor. 16:5HoE 19:21; 2Qo 1:15, 16
1Qor. 16:7HoE 20:2
1Qor. 16:8HoE 19:1
1Qor. 16:9HoE 19:10, 11
1Qor. 16:10HoE 16:1, 2
1Qor. 16:10Flp 2:19, 20
1Qor. 16:12HoE 18:24, 25
1Qor. 16:131Ta 5:6
1Qor. 16:131Qo 15:58; Flp 1:27
1Qor. 16:13HoE 4:29
1Qor. 16:13Efe 6:10; Qol 1:11
1Qor. 16:141Qo 13:4; 1Ph 4:8
1Qor. 16:16Flp 2:29, 30; 1Ta 5:12; 1Xi 5:17
1Qor. 16:171Qo 1:16
1Qor. 16:19Rom 16:3, 5; Flm 2
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Qorontos 16:1-24

Qorontos Tokkoffaa

16 Qulqullootaaf buusii walitti qabuu ilaalchisee,+ qajeelfama ani gumiiwwan Galaatiyaatti argamaniif kenne hordofuu dandeessu. 2 Buusiin kun kan walitti qabamu yeroo ani isin bira dhufutti akka hin taaneef, tokkoon tokkoon keessan guyyaa jalqabaa torbaniitti akkuma humna keessaniitti hamma tokko adda baasaatii kaaʼaa. 3 Yommuun achi gaʼus, kennaa isin gaarummaadhaan kennitan Yerusaalemitti akka geessaniif namoota isin amanamoo taʼuu isaanii xalayaa keessaniin mirkaneessitan nan erga.+ 4 Anis achi dhaquun koo barbaachisaa yoo taʼe, isaan anaa wajjin dhaqu.

5 Haa taʼu malee, Maqedooniyaa+ keessa darbee waanan deemuuf, yeroon Maqedooniyaa keessa darbu gara keessan nan dhufa; 6 iddoo ani deemutti hamma tokko akka na geggeessitaniif, tarii isin bira nan tura yookiin ganna iyyuu isin biratti nan dabarsa taʼa. 7 Yihowaan* yoo jedhe, yeroo muraasa isinii wajjin akkan dabarsu waanan abdadhuuf, amma utuun darbaa jiruu isin ilaaluu hin barbaadu.+ 8 Haa taʼu malee, hamma Ayyaana Phenxeqosxeetti Efesoon+ keessan tura; 9 sababiin isaas, balballi hojii balʼaan naaf banameera;+ taʼus mormitoonni hedduun jiru.

10 Ximotewos+ yommuu gara keessan dhufu isin gidduutti homaa akka hin sodaanne godhaa; inni akkuma koo hojii Yihowaa* hojjeta.+ 11 Kanaafuu, eenyu iyyuu isa hin tuffatin. Ani obbolootaa wajjin isa eegaa waanan jiruuf, gara koo akka dhufu nagaadhaan isa geggeessaa.

12 Obboleessa keenya Apholos+ ilaalchisee, akka inni obbolootaa wajjin gara keessan dhufu cimsee isa jajjabeesseera. Inni amma dhufuu hin yaadne; yommuu carraa argatu garuu ni dhufa.

13 Dammaqaa jiraadhaa,+ amantiitti cimaa dhaabbadhaa,+ dhiira taʼaa,*+ jaboo taʼaa.+ 14 Wanta hojjettan hunda jaalalaan hojjedhaa.+

15 Ammas yaa obbolootaa, ani isinan gorsa: Maatiin Isxifaanaas Akaayaa keessatti barattoota warra jalqabaa* akka taʼanii fi qulqulloota tajaajiluuf guutummaatti akka of kennan beektu. 16 Isinis namoota akkasiitiif, akkasumas warra nu deggeranii fi jabaatanii hojjetan hundumaaf bitamuu keessan itti fufaa.+ 17 Isxifaanaas,+ Farxunaaxosii fi Akaayiqos as jiraachuu isaaniitti baayʼeen gammade; sababiin isaas, isaan yeroo isin as hin jirretti baayʼee na gargaaraniiru. 18 Isaan hafuura koo fi hafuura keessan haaressaniiru. Kanaafuu, namoota akkasiitiif beekamtii kennaa.

19 Gumiiwwan Eeshiyaa keessa jiran nagaa isiniif dhaamaniiru. Aqiilaa fi Phirisqaan gumii mana isaanii jiruu wajjin,+ isin warra barattoota Gooftaa taataniif garaadhaa nagaa isiniif dhaamaniiru. 20 Obboloonni hundi nagaa isiniif dhaamaniiru. Dhungannaa qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa.

21 Kun nagaa koo isa ani Phaawulos harkuma kootiin barreesse dha.

22 Namni Gooftaa hin jaallanne kam iyyuu abaaramaa haa taʼu. Yaa Gooftaa keenya, kottu! 23 Gaarummaan Gooftaa Yesuus inni guddaan isinii wajjin haa taʼu. 24 Jaalalli koo isin warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabdan hundumaa wajjin haa taʼu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi