Iyyoob
25 Bildaad+ Shuʼaatichi akkana jedhee deebise:
2 “Bulchiinsii fi jabinni sodaachisaan kan isaa ti;
Inni samii* keessatti nagaa ni hundeessa.
3 Loltoonni isaa lakkaaʼamuu ni dandaʼuu?
Ifni isaa kan hin ifne eenyu irratti?
4 Maarree, namni duʼu akkamitti Waaqayyo duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa?+
Yookiin namni dubartii irraa dhalate akkamitti qulqulluu taʼuu dandaʼa?+
5 Ija isaa duratti addeessi illee hin iftu,
Urjiileenis qulqulluu miti;
6 Egaa namni duʼu inni gatii hin qabne,
Ilmi namaa inni raammoo taʼes hammam haa xinnaatu ree!”