LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Zakkaariyaas 5
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Zakkaariyaas

      • Mulʼata 6: Maraa kitaabaa balaliʼu (1-4)

      • Mulʼata 7: Miʼa eefaa (5-11)

        • Dubartiin achi keessa jirtu Hammina jedhamte (8)

        • Miʼichi gara Shinaaritti geeffame (9-11)

Zakkaariyaas 5:2

Miiljaleewwan

  • *

    Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    10/2017, ful. 22

Zakkaariyaas 5:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 20:15
  • +Bau 20:7; Lew 19:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Barreeffamoota Qorannaa Walgaʼii, 12/2019, ful. 3

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    10/2017, ful. 22

Zakkaariyaas 5:4

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    10/2017, ful. 22-24

Zakkaariyaas 5:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    10/2017, ful. 24

Zakkaariyaas 5:6

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Kun eefaa,” as irratti miʼa ykn guuboo eefaa tokko safaruuf oolu argisiisa. Eefaan tokko 22 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    10/2017, ful. 24

Zakkaariyaas 5:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    10/2017, ful. 24

Zakkaariyaas 5:9

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “lafaa fi samii gidduutti.”

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    10/2017, ful. 24-25

Zakkaariyaas 5:11

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, Baabiloniyaa.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 10:8, 10; 11:1, 2; Dan 1:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    10/2017, ful. 24-25

Yaada Wal Simu

Zak. 5:3Bau 20:15
Zak. 5:3Bau 20:7; Lew 19:12
Zak. 5:11Uma 10:8, 10; 11:1, 2; Dan 1:2
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Zakkaariyaas 5:1-11

Zakkaariyaas

5 Ammas ol jedhee yommuun ilaalu, maraa kitaabaa balaliʼu tokko nan arge. 2 Innis, “Maaltu sitti mulʼata?” jedhee na gaafate.

Anis, “Maraa kitaabaa balaliʼuu fi dheerinni isaa dhundhuma* 20, dalgi isaa immoo dhundhuma 10 taʼe tokkotu natti mulʼata” jedheen deebise.

3 Achiis akkana naan jedhe: “Kun abaarsa guutummaa lafaa irratti baʼu dha; sababiin isaas, namni hatu kam iyyuu+ akka karaa tokkoon isa irratti barreeffametti hin adabamne; namni kakaa kakatu kam iyyuus+ akka karaa isa kan biraatiin irratti barreeffametti hin adabamne. 4 ‘Ani isa ergeera, innis mana hattuu sanaa fi mana isa maqaa kootiin sobaan kakatu sanaa keessa ni seena; manuma sana keessa turees, manicha, muka isaa fi dhagaa isaa ni nyaata’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.”

5 Achiis maleekaan anaa wajjin dubbachaa ture sun natti dhihaatee, “Maaloo, ol jedhiitii wanta baʼaa jiru ilaali” naan jedhe.

6 Anis, “Maali dha?” jedheen gaafadhe.

Innis, “Kun miʼa eefaa* baʼaa jiru dha” jedhee naaf deebise. Itti fufees, “Guutummaa lafaa irratti bifti isaanii kana dha” naan jedhe. 7 Achiis qadaadni geengoon sibiila irsaasii irraa tolfame tokko yommuu ol kaafamu nan arge; miʼa sana keessas dubartiin takka teessee turte. 8 Innis, “Dubartiin tun hammina bakka buuti” naan jedhe. Achiis inni miʼa safartuu eefaa sana keessatti gad ishii deebisee qadaada sibiila irsaasii irraa tolfame sana afaan isaatti qadaade.

9 Achiis ol jedhee yommuun ilaalu dubartoonni lama gara fuulduraatti yommuu dhufan nan arge; isaan qilleensa keessa barrisaa turan. Isaan qoochoo kan akka allaattii awwaannisaa qabu turan. Achiis miʼicha qilleensa keessatti* ol fuudhan. 10 Anis maleekaa anaa wajjin dubbachaa ture sana, “Miʼa safartuu eefaa sana eessatti geessaa jiru?” jedheen gaafadhe.

11 Innis, “Mana ishiidhaaf ijaaruuf gara biyya Shinaaritti*+ ishii geessu; yommuu manichi qopheeffamus achi, iddoo ishii isa sirrii keessa kaaʼamti” jedhee deebise.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi