LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 36
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Lakkoofsaa

      • Seera dubartiin dhaala argatte yeroo heerumtu hordoftu (1-13)

Lakkoofsa 36:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 26:29

Lakkoofsa 36:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 26:55; 33:54
  • +Lak 27:1-7

Lakkoofsa 36:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 25:10

Lakkoofsa 36:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 23:22

Lakkoofsa 36:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 36:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2008, ful. 4-5

Lakkoofsa 36:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 27:1

Lakkoofsa 36:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 26:3; 33:50; 35:1

Yaada Wal Simu

Lak. 36:1Lak 26:29
Lak. 36:2Lak 26:55; 33:54
Lak. 36:2Lak 27:1-7
Lak. 36:4Lew 25:10
Lak. 36:81Se 23:22
Lak. 36:10Lak 36:6
Lak. 36:11Lak 27:1
Lak. 36:13Lak 26:3; 33:50; 35:1
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Lakkoofsa 36:1-13

Lakkoofsa

36 Dura buutonni maatii sanyii Giiliyaad ilma Maakiir+ ilma Minaasee, warri maatiiwwan ilmaan Yoseef keessaa taʼan dhufanii Musee fi ajajjoota warra dura buutota maatii Israaʼelotaa taʼanitti ni dubbatan. 2 Akkana jedhan: “Yihowaan biyyattii carraadhaan akka dhaalaatti Israaʼelotaaf akka hiru gooftaa keenya ajajeera;+ dhaala obboleessa keenya Zelofehaad ijoollee durbaa isaatiif akka kennus Yihowaan gooftaa keenya ajajeera.+ 3 Isaan namoota gosa Israaʼel kan biraa keessa jiranitti yoo heeruman, dhaalli dubartoota kanaa dhaala abbootii keenyaa irraa fudhatamee dhaala gosa namoota isaan itti heeruman sanaatti ni dabalama; akka kanaan dhaalli sun dhaala keenya isa carraadhaan nuuf kenname irraa ni fudhatama. 4 Saba Israaʼeliif Iyyobeeliyyuun+ yommuu taʼutti, dhaalli dubartoota kanaa dhaala gosa namoota isaan itti heerumaniitti ni dabalama; akka kanaan dhaalli isaanii dhaala gosa abbootii keenyaa irraa ni fudhatama.”

5 Achiis Museen qajeelfama Yihowaatiin akkana jedhee Israaʼelota ajaje: “Wanti gosti ilmaan Yoseef jedhan sirrii dha. 6 Ijoollee durbaa Zelofehaad ilaalchisee wanti Yihowaan ajaje kana dha: ‘Isaan nama barbaadanitti heerumuu ni dandaʼu. Haa taʼu malee, isaan namoota maatii gosa abbaa isaanii keessaa taʼanitti heerumuu qabu. 7 Israaʼelonni dhaala gosa abbootii isaanii cimsanii qabachuu waan qabaniif, dhaala Israaʼelotaa keessaa kam iyyuu gosa tokko irraa gara gosa isa kaaniitti darbuu hin qabu. 8 Israaʼelonni dhaala abbootii isaanii qabatanii akka hafaniif, intalli gosoota Israaʼel keessatti dhaala argatte kam iyyuu sanyii gosa abbaa ishii taʼetti haa heerumtu.+ 9 Gosoonni Israaʼel dhaala ofii isaanii cimsanii qabachuu waan qabaniif, dhaalli kam iyyuu gosa tokko irraa gara gosa isa kaanitti darbuu hin qabu.’”

10 Ijoolleen durbaa Zelofehaadis akkuma Yihowaan Musee ajaje ni godhan.+  11 Kanaafuu, Maahlaan, Tirzaan, Hoglaan, Miilkaanii fi Noh warri ijoollee durbaa Zelofehaad+ taʼan ilmaan obboloota abbaa isaaniitti ni heeruman. 12 Dhaalli isaanii gosa maatii abbaa isaanii keessatti akka hafuuf, isaan namoota maatiiwwan Minaasee isa ilma Yoseef taʼe sanaa keessaa taʼanitti ni heeruman.

13 Ajajawwanii fi heerawwan Yihowaan gammoojjii Moʼaab isa Yerikoo gamatti, Yordaanos biratti argamu keessatti karaa Musee Israaʼelotaaf kenne kanneen kana dha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi