LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 27:1-7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Achiis maatiiwwan Minaasee isa ilma Yoseef taʼe keessaa, ijoolleen durbaa Zelofehaad+ isa ilma Hefeer, ilma Giiliyaad, ilma Maakiir, ilma Minaasee taʼe sanaa ni dhihaatan. Maqaan ijoollee durbaa isaa Maahlaa, Noh, Hoglaa, Miilkaa fi Tirzaa ture. 2 Isaanis balbala dunkaana walgaʼii irratti Musee, Eleʼazaar lubicha, ajajjootaa+ fi guutummaa yaaʼichaa dura dhaabbatanii akkana jedhan: 3 “Abbaan keenya lafa onaa keessatti duʼe; inni cubbuu ofii isaatiin duʼe malee, deggertoota Qoraa+ warra gareedhaan gurmaaʼanii Yihowaa morman sana keessaa tokko hin turre; ijoollee dhiiraas hin qabu ture. 4 Inni ilma waan hin qabneef, maqaan abbaa keenyaa maatii isaa keessaa maaliif bada ree? Obboloota abbaa keenyaa gidduutti dhaala nuuf kennaa.” 5 Kanaafuu, Museen dhimma isaanii Yihowaa duratti dhiheesse.+

      6 Yihowaanis Museedhaan akkana jedhe: 7 “Ijoolleen durbaa Zelofehaad sirrii dha. Obboloota abbaa isaanii gidduutti dhaala isaaniif kennuu fi dhaala abbaa isaanii gara isaaniitti naannessuu qabda.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi