Naahom
2 Inni bittinneessu sun sitti* dhufeera.+
Dahoowwan eegi.
Daandicha dammaqinaan eegi.
Mudhii kee hidhadhu,* cimina kee hundumaas walitti qabadhu.
2 Yihowaan ulfina Yaaqoob,
Ulfina Israaʼelii wajjin iddootti ni deebisa,
Sababiin isaas, warri badiisa geessisan isaan balleessaniiru;+
Latiiwwan isaaniis mancaasaniiru.
3 Gaachanoonni namoota isaa warra jajjaboo taʼanii halluu diimaa dibamaniiru,
Loltoonni isaa uffata baayʼee diimaa taʼe uffataniiru.
Guyyaa inni waraanaaf qophaaʼutti,
Sibiilli gaariiwwan fardaa waraanaa isaa akka ibiddaatti calaqqisa,
Eeboowwan isaa muka gaattiraa qabanis ni mirmirfamu.
4 Gaariiwwan fardaa waraanaa daandiiwwan irra akka malee fiigu.
Addabaabayiiwwan irra olii fi gad ni fiigu.
Isaan akkuma guca bobaʼuu ni ifu, akkuma bakakkaas ni balaqqeessaʼu.
5 Inni ajajjoota isaa ni waama.
Isaan yommuu fuulduratti adeeman ni gufatu.
Isaan gara dallaa ishiitti ni fiigu;
Ittisa ni dhaabu.
6 Karrawwan lageenii ni banamu,
Manni mootummaas ni diigama.*
7 Kun labsameera:* Ishiin saaxilamteetti,
Boojuudhaan fudhatamteetti, garbittiiwwan ishiis ni aadu;
Isaan qoma* isaanii rukutaa sagalee akka gugee* dhageessisu.
8 Nanawween+ umurii ishii guutuu akkuma bishaan kuufamaa turte,
Amma garuu isaan ishii irraa ni baqatu.
Tokko tokko, “Dhaabbadhaa! Dhaabbadhaa!” jedhanii iyyu,
Garuu duubatti kan garagalu hin jiru.+
9 Meetii saamaa, warqii saamaa!
Qabeenyichi dhuma hin qabu.
Inni wantoota gatii guddaa qaban hundumaatiin guutameera.
10 Magaalattiin duwwaa dha, onteetti, baddeettis!+
Onneen isaanii sodaadhaan baqeera, jilbi isaanii laafeera, tafni isaanii ni hollata;
Fuulli hunda isaaniis diimateera.
11 Holqi leencotaa+ inni leenconni saafelli keessatti sooratan,
Iddoon eenyu iyyuu utuu isaan hin sodaachisin
Leenci ilmoolee isaa dura buʼee keessaa baʼu sun eessa jira?
12 Leencichi ilmoolee isaatiif hamma isaan gaʼu adamsee ni fide,
Leencota dhaltuudhaafis hudhee ni ajjeese.
Inni boolla isaa wanta adamseen,
Holqa isaas horii ciccireen ni guute.
13 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Kunoo, ani si irratti nan kaʼa,+
Gaariiwwan fardaa waraanaa kee guutummaatti nan guba,+
Goraadeenis leencota saafela kee ni nyaata.
Wanta adamsitu lafa irraa nan balleessa,
Sagaleen ergamtoota keetiis kana booda hin dhagaʼamu.”+