Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa
4 Ilmaan Yihudaa, Faares,+ Hesroon,+ Kaarmii, Huurii+ fi Shobaal+ turan. 2 Reʼaayaan ilmi Shobaal Yaahaatiin dhalche; Yaahaat Ahumaayii fi Laahaadiin dhalche. Kanneen kun maatii Zoraatotaa+ turan. 3 Kanneen kun ilmaan abbaa Etaam+ turan: Yezriʼel, Yishmaa fi Idbaash (maqaan obboleettii isaanii Hazelelpoonii ture), 4 Phenuʼel abbaa Geedor ture; Ezeer abbaa Hushaa ture. Kanneen kun ilmaan Huur+ isa ilma angafaa Efraataa taʼee fi abbaa Beetaliheem+ taʼe sanaa turan. 5 Ashihuur+ abbaan Teqoohaa,+ haadhotii manaa Heelaa fi Naʼaaraa jedhaman lama qaba ture. 6 Naʼaaraan Ahuzaamiin, Hefeeriin, Temenii fi Ahaashtaariin isaaf ni deesse. Kanneen kun ilmaan Naʼaaraa turan. 7 Ilmaan Heelaa immoo, Zereet, Yizhaarii fi Etnaan turan. 8 Qooz, Anuubiin, Zobebaa fi maatiiwwan Ahaarhel ilma Haruumiin dhalche.
9 Yaabeez obboloota isaa caalaa nama kabajamaa ture; haati isaas, “Ani dhiphinaan isa daʼeera” jechuudhaan Yaabeez* jettee maqaa isaaf moggaaste. 10 Yaabeezis, “Maaloo na eebbisi; daangaa koos naaf balʼisi; harki kee anaa wajjin haa taʼu; wanti hamaan akka na irra hin geenyeefis balaa irraa na oolchi!” jedhee Waaqa Israaʼeliin ni waammate. Waaqayyos wanta inni kadhate isaaf ni raawwate.
11 Keluub obboleessi Shuhaa, Mehiir isa abbaa Eshtoon taʼe ni dhalche. 12 Eshtoon Beet Raafaa, Paaseʼaa fi Tehiinaa isa abbaa Iir Nahaash taʼe ni dhalche. Kanneen kun namoota Reekaa turan. 13 Ilmaan Qeenaaz Otniʼelii+ fi Seraayaa turan; ilmi* Otniʼel Hataat ture. 14 Meʼonotaay Ofraa dhalche. Seraayaan Yoʼaab isa abbaa Gee Haraashim* taʼe dhalche; isaan maqaa kanaan kan waamaman ogeeyyii harkaa waan taʼaniif ture.
15 Ilmaan Kaaleb+ isa ilma Yofunee taʼe sanaa, Iruu, Eelaa fi Naaʼaam turan; ilmi* Eelaa Qeenaaz ture. 16 Ilmaan Yehaleliʼel, Ziif, Ziifaa, Tiriiyaa fi Asaarʼel turan. 17 Ilmaan Izraah, Yeteer, Mereed, Eefeerii fi Yaaloon turan; ishiin* ulfooftee Miiryaamiin, Shaamaayii fi Ishbaa isa abbaa Eeshtemoʼaa taʼe deesse. 18 (Haati manaa isaa ishiin Yihudii taate, Yereed isa abbaa Geedor taʼe, Hebeer isa abbaa Sookoo taʼee fi Yequtiʼel isa abbaa Zaanoʼaa taʼe ni deesse.) Kanneen kun ilmaan Biitiyaa ishii intala Faraʼoon taatee fi Mereed fuudhe sanaa turan.
19 Ilmaan haadha manaa Hodiyaa ishii obboleettii Naahaam taate sanaa, abbootii Qeyilaa Gaarmichaa fi Eeshtemoʼaa Maʼaakaatichaa turan. 20 Ilmaan Shimoon immoo Amnoon, Riinaa, Benhaanaanii fi Tiloon turan. Ilmaan Yishii, Zoheetii fi Benzoheet turan.
21 Ilmaan Sheelaa+ ilma Yihudaa, Eer isa abbaa Lekaa taʼe, Laʼaadaa isa abbaa Maareshaa taʼee fi maatiiwwan mana Ashbeʼaa warra uffata gaarii hojjetan, 22 akkasumas Yoqiim, namoota Kozebaa, Yoʼaasii fi Saaraaf warra abbootii manaa dubartoota Moʼaab taʼanii fi Yaashubii Laahem turan. Galmeewwan kun kan durii ti.* 23 Isaan suphe dhooftota Netaayimii fi Gederaa keessa jiraatan turan. Isaan achi jiraachaa mootichaaf hojjetu turan.
24 Ilmaan Simiʼoon,+ Nemuʼel, Yaamiin, Yaariib, Zaaraa fi Shaawul+ turan. 25 Ilmi Shaawul Shaalum, ilmi Shaalum Mibsaam, ilmi Misbaam Mishmaa ture. 26 Ilmi Mishmaa Hamuʼel, ilmi Hamuʼel Zaakur, ilmi Zaakur Shimeʼii ture. 27 Shimeʼiin ilmaan 16 fi ijoollee durbaa 6 qaba ture; obboloonni isaa garuu ilmaan hedduu hin qaban turan; maatiiwwan isaanii keessaa eenyu iyyuu akka namoota Yihudaatti hedduu hin turre.+ 28 Isaan kan jiraatan Ber Sheebaa,+ Molaadaa,+ Hazaar Shuʼaal,+ 29 Biilhaa, Eezem,+ Tolaad, 30 Beetuʼel,+ Hoormaa,+ Siqlaag,+ 31 Beet Maarkaaboot, Hazaar Suusiim,+ Beet Biirii fi Shaʼaaraayim keessa ture. Hamma Daawit bulchuu jalqabetti magaalonni kun kan isaanii turan.
32 Gandeen isaanii, Etaam, Aayin, Rimoon, Tookenii fi Ashaan+ walumaa galatti magaalota shan turan; 33 kana malees gandeen isaanii warri magaalota kanatti marsanii jiran hamma Baʼaalitti fagaatanii argamu turan. Galmeewwan hidda dhalootaa isaanii fi iddoowwan isaan itti jiraatan kanneen kana turan. 34 Akkasumas Meshobaab, Yaamleek, Yoshaa ilma Amaaziyaa, 35 Yooʼel, Yehuu ilma Yoshiibiyaa, ilma Seraayaa, ilma Asiʼeel, 36 Eliyoʼenaay, Yaaʼaaqobaa, Yeshohaayaa, Asaayaa, Adiʼel, Yesimiʼel, Benaayaa, 37 Ziizaa ilma Shiifii, ilma Aloon, ilma Yedaayaa, ilma Shimrii, ilma Shemaayaa; 38 warri maqaadhaan ibsaman kun maatii isaanii keessatti ajajjoota turan; maatiin abbootii isaaniis lakkoofsaan dabalaa deeme. 39 Isaanis horii isaaniitiif iddoo dheedichaa barbaaduuf hamma karra Geedor, hamma bakka sululicha irraa kallattii bahaatiin argamuutti ni deeman. 40 Dhuma irrattis iddoo dheedichaa lalisaa fi gaarii taʼe argatan; lafichis balʼaa, akkasumas nagaa fi tasgabbii kan qabu ture. Sana dura achi kan jiraatan Kaamota+ turan. 41 Warri maqaan isaanii tarreeffame kun, bara Hisqiyaas+ mootii Yihudaatti dhufanii dunkaanota Kaamotaa fi namoota Meʼuniim warra achi jiraachaa turan ni rukutan. Hamma harʼaatti arguun akka dandaʼamutti guutummaatti isaan balleessan; bakki dheedichaa horii isaanii achi waan tureef, isaan bakka isaanii irra ni buufatan.
42 Simiʼoonota keessaa tokko tokko, jechuunis namoonni 500 Pelaatiyaa, Neʼaariyaa, Refaayaa fi Uuziʼel warra ilmaan Yishii taʼanii fi isaan geggeessanii wajjin gara Gaara Seʼiir+ dhaqan. 43 Achiis Amaaleqota+ warra miliqanii hafan kaan ni rukutan; isaanis hamma harʼaatti achi jiraatu.