Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa
18 Yeroo muraasa booda, Daawit Filisxeemota injifatee toʼannaa isaa jala isaan galche; Gaatii+ fi magaalota ishii jala jiranis Filisxeemota harkaa ni fudhate.+ 2 Achiis Moʼaabota ni moʼe;+ Moʼaabonnis tajaajiltoota Daawit ni taʼan; gibiras isaaf fiduu jalqaban.+
3 Hadaadʼezeer+ mootiin Zoobaa+ aangoo Laga Efraaxis+ irratti qabu jabeeffachuuf utuu dhaqaa jiruu Hamaat+ biratti Daawit isa injifate. 4 Daawit gaariiwwan fardaa 1,000, abbootii fardeenii 7,000 fi loltoota lafoo 20,000 isa irraa ni boojiʼe.+ Achiis Daawit fardeen gaarii harkisan 100 qofa hambisee, hunda isaanii morgaa isaanii kukkute.+ 5 Namoonni Sooriyaa warri Damaasqoo keessa jiran Hadaadʼezeer mootii Zoobaa gargaaruuf yommuu dhufan, Daawit namoota Sooriyaa keessaa 22,000 ajjeese.+ 6 Achiis Daawit Damaasqoo ishii Sooriyaa keessatti buufatawwan loltootaa ni hundeesse; warri Sooriyaas tajaajiltoota Daawit taʼan; gibiras isaaf ni fidan. Yihowaan bakka Daawit dhaqu hundatti injifannoo* isaaf ni kenna ture.+ 7 Kana malees, Daawit tajaajiltoota Hadaadʼezeer irraa gaachanoota warqii fudhatee gara Yerusaalemitti fide. 8 Daawit Xibhaatii fi Kuun warra magaalota Hadaadʼezeer taʼan keessaa sibiila diimaa hedduu fudhate. Solomoonis isatti fayyadamee, Galaana sibiila diimaa,+ utubaawwanii fi miʼawwan sibiila diimaa ni tolche.+
9 Toʼuun inni mootii Hamaat taʼe, Daawit guutummaa raayyaa waraanaa Hadaadʼezeer+ mootii Zoobaa+ injifachuu isaa yommuu dhagaʼu, 10 yeruma sana waaʼee nageenya isaa akka isa gaafatuu fi Hadaadʼezeeriin waraanee waan injifateef gammachuu isatti dhagaʼame akka isaaf ibsu, ilma isaa Hadoraamiin gara Daawit Mootichaatti erge (Hadaadʼezeer yeroo baayʼee Toʼuu wajjin wal waraana ture); innis miʼawwan warqii, miʼawwan meetii fi miʼawwan sibiila diimaa akaakuu adda addaa fidee dhufe. 11 Daawit Mootichi miʼawwan kana meetii fi warqii saboota hundumaa irraa fudhatee turee wajjin Yihowaadhaaf ni qulqulleesse;+ miʼawwan kunis warra inni Edoom, Moʼaab, Amoonota,+ Filisxeemotaa+ fi Amaaleqota+ irraa fudhate turan.
12 Abishaay+ ilmi Zeruuyaa+ Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota 18,000 ni ajjeese.+ 13 Inni Edoom keessatti buufatawwan loltootaa ni hundeesse; Edoomonni hundis tajaajiltoota Daawit taʼan.+ Yihowaan bakka Daawit dhaqu hundumaatti injifannoo* isaaf kenna ture.+ 14 Daawit guutummaa Israaʼel irratti bulchuu isaa itti fufe;+ inni sabni isaa hundi haqaa fi qajeelummaa akka argatan godha ture.+ 15 Yoʼaab ilmi Zeruuyaa itti gaafatamaa raayyaa waraanaa ture;+ Yoshaafaax+ ilmi Ahiluud immoo barreessaa seenaa ture; 16 Saadoq ilmi Ahixuubii fi Ahimelek ilmi Abiyaataar luboota turan; Shaawushaan immoo barreessaa ture. 17 Benaayaan ilmi Yehoyaadaa itti gaafatamaa Kereetotaa+ fi Pheleetotaa+ ture. Ilmaan Daawitis mootichatti aansee aangoo guddaa qabu turan.