1
Maqaa Waaqayyoo Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Ibrootaa Keessatti
Maqaa Waaqayyoo qubee Ibrootaa duriitiin barreeffameefi boojuu Baabilon dura hojiirra oolaa ture
Maqaa Waaqayyoo qubee Ibrootaatiin barreeffameefi boojuu Baabilon booda hojiirra oolaa ture
Maqaan Waaqayyoo inni dubbifamaa afaan Ibrootaa afuriin (יהוה) barreeffamu, Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti gara siʼa 7,000 argama. Macaafni Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa qubeewwan arfan Tetiraagiraamaatan jedhamanii beekaman kana “Jehovah” jechuudhaan hiikeera. Maqaan kun maqaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman hunda caalaa baayʼinaan argama. Namoonni geggeessaa hafuuraatiin Macaafa Qulqulluu barreessan Waaqayyoon ibsuuf maqaa ulfinaafi ibsawwan hedduu kan akka “Isa Hundumaa Dandaʼu,” “Isa Hundumaa Gararraa,” akkasumas “Gooftaa” jedhanitti kan fayyadaman taʼus, maqaan dhuunfaa Waaqayyoon adda baasuuf itti fayyadaman garuu Tetiraagiraamaatanii kana qofadha.
Yihowaaniyyuu namoota Macaafa Qulqulluu barreessan hafuurasaatiin geggeessuudhaan maqaasaatti akka fayyadaman godheera. Fakkeenyaaf, Yoʼel “Maqaa Waaqayyoo [“Yihowaa,” NW] warri waammatan hundinuu ni oolu” jedhee akka barreessu godheera. (Yoʼel 2:32) Akkasumas faarfataan tokko, “Maqaan kee ‘Isa Jiraataa’ [‘Yihowaa,’ NW] akka taʼe, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru taʼuu kees haa beekan” jechuudhaan akka barreessu godheera. (Faarfannaa 83:18) Maqaan Waaqayyoo macaafa Faarfannaa keessatti qofa al 700 ol argama. Macaafni walaloo kun kan qophaaʼe sabni Waaqayyoo yeroo sana turan walaloo kanaan akka faarfataniifi sammuutti akka qabataniif ture. Erga akkas taʼee, Maqaan Waaqayyoo hiikawwan Macaafa Qulqulluu hedduu keessaa kan baafame maaliifi? Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa akkaataa barreeffamaa “Jehovah” jedhutti kan fayyadame maaliifi? Maqaan Waaqayyoo inni “Jehovah” jedhamu hiiknisaa maalidha?
Kutaa macaafa Faarfannaa, Macaafota Maramoo Galaana Soogiddaa keessaa argameefi Dh.K.B. jaarraa tokkoffaa dura barreeffame. Barreeffamni kun kan barreeffame akkaataa barreeffamaa afaan Ibrootaa boojuu Baabilon booda balʼinaan faayidaarra oolaa tureen taʼus, Teetiraagiraamaataniin barreeffamicharratti argamu garuu qubeewwan afaan Ibrootaa duriitiin kan barreeffamedha
Maqaan Waaqayyoo hiikawwan Macaafa Qulqulluu hedduu keessaa kan baafame maaliifi? Kana ilaalchisee sababa garaagaraatu jira. Namoonni tokko tokko Waaqa Hundumaa Dandaʼuuf maqaan adda taʼe hin barbaachisu jedhu. Warra kaanirrattimmoo Yihudoonni sodaa maqaa Waaqayyoo xureessina jedhuun, maqaa kanatti fayyadamuu dhiisuunsaanii dhibbaa kan isaanirratti godhe fakkaata. Namoonni kaanimmoo akkaataa maqaan Waaqayyoo itti waamamu namni sirriitti beeku waan hin jirreef, maqaa ulfinaa kan akka “Gooftaa” ykn “Waaqa” jedhanitti fayyadamuu wayya jedhanii amanu. Haataʼu malee, mormiin akkasii sababa kanaa gaditti ibsameen kan kaʼe quubsaa miti:
Caaffata Qulqullaaʼoo bara Kiristos dura turaniifi hanga yoonaatti jiran dabalatee, koppiiwwan Caaffata Qulqullaaʼoo bara durii maqaa dhuunfaa Waaqayyoo qabatan kan jiran taʼus, namoonni Waaqni Hundumaa Dandaʼu maqaan addaa isa hin barbaachisu jedhan ragaalee kana hin fudhatan. Akkuma olitti ibsame Waaqayyo geggeessaa hafuurasaatiin maqaansaa dubbiisaa keessatti naannoo siʼa 7,000 akka barreeffamu godheera. Maqaasaa akka beeknuufi akka itti fayyadamnu akka barbaadu beekamaadha.
Namoonni hojii hiikkaa hojjetaniifi sodaa aadaa Yihudootaatiin kan kaʼe maqaa Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessaa baasan, wanta barbaachisaa taʼe tokko hin hubanne. Barreessitoonni Yihudii taʼan tokko tokko maqaa Waaqayyoo hin waamnu kan jedhan taʼus, Macaafa Qulqulluu yeroo garagalchanitti garuu maqaasaa keessaa hin baasne. Maqaan Waaqayyoo, macaafota maramoo Kumraan ishee naannoo Galaana Soogiddaatti argamtu keessaa argaman keessatti iddoo hedduutti argama. Namoonni Macaafa Qulqulluu hiikan tokko tokko maqaa Waaqayyoo isa barreeffama jalqabaa keessatti argamu, maqaa ulfinaa “GOOFTAA” jedhu qubee gurguddaadhaan barreessanii iddoo maqaa kanaa akka buusan dubbatu. Haataʼu malee ammas gaaffiin kaʼu jira. Namoonni kun maqaan Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti al kumaatama caqasamee akka jiru utuu beekanii, maqaa biraatiin bakka buusuudhaaf ykn Macaafa Qulqulluu keessaa baasuudhaaf mirga akka qaban kan itti dhagaʼame maaliifi? Jijjiirama akkasii gochuuf aangoo kan isaanii kenne eenyu? Gaaffii kanaaf deebii kennuu kan dandaʼu isaan qofadha.
Namoonni maqaan Waaqayyoo akkamitti akka dubbifamu sirriitti waan hin beekamneef itti fayyadamuu hin qabnu jedhan, maqaa Yesusitti garuu ni fayyadamu. Haataʼu malee, akkaataan duuka buutonni Yesus jaarraa tokkoffaatti turan Yesusiin itti waaman, akkaataa Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran hedduun itti waamanirraa addadha. Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan Yesusiin kan waamaa turan Yeshuʼaa jedhanii taʼuu hin oolu. Maqaa ulfinaa isa “Kiristoos” jedhummoo Mashiʼak ykn “Masiihii” jedhanii waamu turan. Kiristiyaanonni afaan Giriikii dubbatan Iyeesoowus Kihiristos, warri afaan Laatiinii dubatanimmoo Iyesus kiristas jedhanii isa waamu turan. Maqaan Waaqayyoo geggeessaa hafuura qulqulluutiin gara afaan Giriikiitti hiikamee Macaafa Qulqulluu keessatti galmaaʼee ture. Kunis Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa akkaataa afaansaaniitiin baramaa taʼeen maqaasaatti fayyadamaa akka turan kan argisiisudha. Haaluma walfakkaatuun, akkaataan barreeffamaa “Jehovah” jedhu akkaataa Ibroonni durii itti dubbisanii wajjin tokko taʼuu baatus, Koreen Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa akkaataa barreeffamaa kanatti fayyadamuun sirrii akka taʼe itti dhagaʼama.
Macaafni Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa akkaataa barreeffamaa “Jehovah” jedhutti kan fayyadame maaliifi? Qubeewwan Tetiraagiraamaatanii arfan (יהוה) afaan Ingiliffaatiin dubbifamoota YHWH jedhamaniin bakka buufamu. Akkuma jechoonni afaan Ibrootaa duriitiin barreeffaman kaan dubbachiiftuu hin qabne, Tetiraagiraamaataniinis dubbachiiftuu hin qabu. Yeroo namoonni afaan Ibrootaa isa duriitti fayyadamaa turanitti, namoonni barreeffama dubbisan salphaadhumatti dubbachiiftuu bakka sanaaf taʼu keessa galchanii dubbisu turan.
Caaffanni Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa barreeffamee erga xumuramee naannoo waggaa kuma tokkoo booda, hayyoonni Yihudootaa tuqaaleefi mallattoowwan barreeffamoota gidduu galchuudhaan, mala yeroo barreeffama Ibrootaa dubbisanitti dubbachiiftuu kamitti fayyadamuu akka qaban adda baasuuf gargaaru qopheessaniiru. Haataʼu malee, Yihudoonni yeroo sana turan hedduun maqaa Waaqayyoo sagalee ol fuudhanii waamuun dogoggoradha jedhanii amanu turan. Kanaaf, jechoota kan biraa maqaa Waaqayyoo ibsuu dandaʼu jedhanii yaadanitti fayyadamuu jalqaban. Kanaaf, Tetiraagiraamaatanii kana yeroo garagalchanitti, dubbachiiftuuwwan jechoota bakka buusanii fayyadaman sana keessa turan, dubbifamoota arfan maqaa Waaqayyoo bakka buʼan keessa galchuudhaan barreessuu hin oolan. Kanarraa kan kaʼes, barreeffamoonni tuqaaleefi mallatoowwan dubbachiiftuu bakka buʼaniin fayyadamuudhaan barreeffaman, maqaan Waaqayyoo jalqaba akkamitti dubbifamaa akka ture adda baafachuuf nu gargaaruu hin dandaʼan. Namoonni tokko tokko maqaan Waaqayyoo “Yaahwee” jedhamee dubbifamaa ture kan jedhan siʼa taʼu, warri kaanimmoo filannoowwan garaagaraa caqasu. Macaafni Maramaan Galaana Soogiddaa keessatti argameefi kutaa Macaafa Lewwootaa afaan Giriikiitiin barreeffame of keessatti qabate, maqaa Waaqayyoo qubee afaan Giriikiitiin Iao jechuudhaan barreesseera. Kana malees, barreessitoonni Giriikii dur turan maqaan Waaqayyoo Iae, I·a·beʹ, akkasumas I·a·ou·eʹ jedhamee dubbifamuu akka qabu dubbataniiru. Haataʼu malee yaada tokkorratti cichuun barbaachisaa miti. Tajaajiltoonni Waaqayyoo bara durii turan maqaasaa akkamitti waamaa akka turan hin beeknu. (Uumama 13:4, NW; Baʼuu 3:15, NW) Waaqayyo yeroo sabasaatti dubbatetti yeroo baayʼee maqaasaatti akka fayyadame, sabnisaas maqaasaatiin isa waamaa akka turaniifi namoota kaanii wajjin yeroo haasaʼanis maqaasaatti fayyadamaa akka turan garuu beekna.—Baʼuu 6:2, NW; 1 Mootota 8:23, NW; Faarfannaa 99:9, NW.
Erga akkas taʼee, Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa akkaataa barreeffamaa “Jehovah” jedhutti kan fayyadame maaliifi? Akkaataan Barreeffamaa maqaa Waaqayyoo kun afaan Ingiliffaa keessatti seenaa dheeraa waan qabuufidha.
Maqaa Waaqayyoo Macaafota Shanan jalqabaa Wiiliyaam Tiindal bara 1530tti hiike keessatti Uumama 15:2 rratti argamu
Maqaan Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu afaan Ingiliffaa keessatti yeroo jalqabaatiif kan barreeffame bara 1530tti, hiika Pentaatuuk (Macaafota jalqabaa shanan) Wiiliyaam Tiindal keessattidha. Wiiliyaam Tiindal akkaataa barreeffamaa “Iehouah” jedhutti fayyadame. Yeroo booda afaan Ingiliffaa jijjiiramaa kan dhufe siʼa taʼu, qubeen maqaa Waaqayyoos fooyyaʼaa dhufe. Fakkeenyaaf bara 1612tti Henarii Eyiinisworz macaafa Faarfannaa yeroo hiiketti, akkaataa barreeffamaa “Iehovah” jedhutti fayyadameera. Bara 1639tti yeroo barreeffama kana fooyyessuudhaan, kitaaba jalqabaa shananii wajjin maxxansanitti akkaataa barreefamaa “Jehovah” jedhutti fayyadamaniiru. Bara 1901tti namoonni Hiika Macaafa Qulqulluu Ameerikaan Istaandaardi Varshin jedhamu hiikan, bakka maqaan Waaqayyoo Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti argamu hundatti akkaataa barreeffamaa “Jehovah” jedhutti fayyadamaniiru.
Hayyuu Macaafa Qulqulluu kan taʼe Yooseef Biryaant Roozarhaam, barreeffamasaa Istadiis in za Saalmis jedhamuufi bara 1911tti qopheesserratti, akkaataa barreeffamaa “Yaahwee” jedhutti fayyadamuu mannaa maaliif isa “Jehovah” jedhutti akka fayyadame yeroo ibsu, “akkaataa barreeffamaa namoota Macaafa Qulqulluu dubbisan hunda biratti baramaa taʼe (akkasumas, fudhatama qabu)” fayyadamuu akka barbaade dubbateera. Bara 1930ttis hayyuun Aleeksaandar Firaansis Kiirkipaatriik jedhamu, akkaataa barreeffamaa “Jehovah” jedhutti fayyadamuu ilaalchisee yaada walfakkaatu dubbateera. Akkas jedheera: “Hayyoonni seerlugaa tokko tokko, maqaan Waaqayyoo Yahveh ykn Yahaveh jedhamee dubbisamuu qaba jedhu; haataʼu malee, “JEHOVAH” inni jedhu Afaan Ingiliffaa keessatti baayʼee baramaa waan taʼe fakkaata. Wanti baayʼee barbaachisaa taʼe garuu akkaataa dubbisasaa miti; kanaa mannaa, maqaan kun maqaa ulfinaa kan akka ‘Gooftaa’ jedhuufi namoonni isaaf baasan utuu hin taʼin, Maqaa Dhuunfaa akka taʼetti beekkamtii argachuusaati.”
Teetiraagiraamaatan, YHWH: “Akka Taʼu Godha”
HWH: “Taʼuu”
Maqaan “Jehovah” jedhu hiiknisaa maalidha? Afaan Ibrootaa keessatti maqaan “Jehovah” jedhu hiika “taʼuu” jedhu qaba. Hayyoonni hedduun jechi kun gocha kan argisiisu akka taʼetti yaadu. Kanaaf, Koreen Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa maqaan Waaqayyoo hiika “Akka Taʼu Godha” jedhu akka qabutti hubata. Hayyoonni ilaalcha garaagaraa qabu; kanaaf hiikni maqaa kanaa kana taʼuu qaba jennee cichuu hin dandeenyu. Haataʼu malee hiikni kun, gaʼee Yihowaan Uumaa wanta hundumaa taʼuudhaan qabuufi kaayyoosaa kan galmaan gaʼu taʼuusaa wajjin kan walsimudha. Inni akka taʼu kan godhe hawaafi namoota yaaduu dandaʼan qofa utuu hin taʼin, yeroodhaa gara yeroottis kaayyoonsaafi jaalallisaa akka taʼu gochuusaa itti fufa.
Kanaaf, hiikni maqaa Yihowaa yaada Baʼuu 3:14 (NW) irratti argamu qofa miti. Yaadni caqasichaa akkas jedha: “Wantan Taʼuu Barbaadu Hunda Nan Taʼa” ykn, “Wantan Taʼuu Barbaadu Hunda Taʼuu Nan Dandaʼa.” Jechoonni kun maqaa Waaqayyoo guutummaa guutuutti hin ibsan. Kanaa mannaa, wantoota hundarratti kaayyoosaa bakkaan gaʼuuf wanta barbaachisu hunda akka taʼu ibsu; kunis eenyummaasaa keessaa tokkodha. Kanaaf, maqaan Yihowaa jedhu yaada kana kan dabalatu taʼus, Yihowaan wanta ofiisaatii taʼuu barbaadu qofa taʼa jechuu miti. Kanaa mannaa, uumamasaafi raawwatamuu kaayyoosaa wajjin haala walqabateen wantoota inni akka taʼan godhus ni dabalata.