2
Maqaa Waaqayyoo Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Giriikii Keessatti
Hayyoonni Macaafa Qulqulluu maqaan dhuunfaa Waaqayyoo, inni Tetiraagiraamaataniidhaan (יהוה) barreeffame, Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa isa jalqabaa keessatti naannoo al 7,000 akka argamu irratti walii galu. Haataʼu malee, hedduunsaanii maqaan kun Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii isa jalqabaa keessatti hin argamu jedhanii yaadu. Kanarraan kan kaʼes, hiikawwan kakuu haaraa yeroo harʼaa jiran hedduu keessatti maqaan Waaqayyoo inni Yihowaa jedhamu hin argamu. Yaada Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessaa fudhatameefi maqaa Waaqayyoo qabu yeroo hiikanittillee, namoonni hojii hiikkaa hojjetan hedduun maqaa Waaqayyootti utuu hin taʼin, maqaa ulfinaa “Gooftaa” jedhutti fayyadamu.
Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa garuu akkaataa baramaa taʼe kanatti hin fayyadamne. Macaafni kun Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessatti walumaa galatti maqaa Waaqayyootti al 237 fayyadameera. Namoonni hojii hiikkaa kana hojjetan, maqaa kanatti kan fayyadaman wantoota barbaachisaa taʼan lama yaada keessa galchuudhaanidha: (1) Barreeffamni afaan Giriikii durii yeroo ammaatti argamu isa jalqabaa miti. Koppiiwwan yeroo harʼaa jiraniifi kumaatamaan lakkaʼaman keessaa, hedduunsaanii kan qophaaʼan yoo xinnaate barreeffamni inni jalqabaa erga qophaaʼee jaarraa lama boodadha. (2) Yeroo sanatti, namoonni barreeffamoota kana garagalchan Tetiraagiraamaatanii kana jecha afaan Giriikii Kiiriyoos jedhuufi hiika “Gooftaa” jedhu qabuun bakka buusaniiru ykn barreeffamoota maqaa ulfinaa kanatti fayyadamanirraa garagalchaniiru.
Koreen Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa, ragaan amansiisaa taʼeefi Tetiraagiraamaataniin barreeffamoota afaan Giriikii warra jalqabaa keessa jiraachuusaa argisiisu akka jiru mirkaneeffateera. Xumura kanarra kan gaʼe ragaa armaan gadiirratti hundaaʼeeti:
Koppiin Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa bara Yesusiifi ergamootasaatti faayidaarra oolaa ture, Teetiraagiraamaatanii qaba ture. Kanaan dura namoonni muraasni yaada kana mormaa turan. Amma garuu koppiin Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Ibrootaa jaarraa tokkoffaatti faayidaarra oolaa ture naannoo Kumraanitti waan argameef, yaadni kun dhugaa taʼuunsaa guutummaatti mirkanaaʼeera.
Bara Yesusiifi ergamootasaatti Tetiraagiraamaataniin Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa gara afaan Giriikiitti hiikaman keessattis ni argama ture. Jaarraa hedduudhaaf hayyoonni, Tetiraagiraamaataniin Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa gara afaan Giriikiitti hiikame (Saptuujantii) keessatti hin argamu jedhanii yaadu turan. Walakkaa jaarraa 20ffaatti, hayyoonni ciccitaa Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa gara afaan Giriikiitti hiikameefi bara Yesusitti ture argataniiru. Ciccitaan barreeffama kanaa maqaa Waaqayyoo qubee afaan Ibrootaatiin barreeffame qaba. Kanaaf, barreeffamoonni afaan Giriikii bara Yesusitti turan maqaa Waaqayyoo qabu turan. Haataʼu malee, Dh.K.B. jaarraa 4ffaatti Caaffanni Qulqullaaʼoon afaan Ibrootaa gara afaan Giriikiitti hiikaman, kanneen akka Koodeeks Vaatikaanasiifi Koodeeks Siinaayitiikas, Uumamaa jalqabee hanga Miilkiyaasitti maqaa Waaqayyootti hin fayyadamne (iddoo maqaan kun barreeffamoota duraaniirra turetti). Kanaaf, barreeffamoota durii bara sanatti turaniifi hanga ammaatti jiran keessatti, maqaan Waaqayyoo kutaa Macaafa Qulqulluu Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessaa dhibuunsaa kan nama dinqisiisu miti.
Yesus, “Ani maqaa abbaa kootiin nan dhufe” jechuudhaan ifatti dubbateera. Wanta hundumaas ‘maqaa Abbaasaatiin’ akka hojjete ibseera
Yesus maqaa Waaqayyoo fayyadamaa akka tureefi maqaa kana warra kaanittis akka beeksise Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessatti gabaafameera. (Yohannis 17:6, 11, 12, 26) Yesus, “Ani maqaa abbaa kootiin nan dhufe” jechuudhaan ifatti dubbateera. Wanta hundumaas ‘maqaa Abbaasaatiin’ akka hojjete ibseera.—Yohannis 5:43; 10:25.
Caaffanni Qulqullaaʼoon afaan Giriikii akkuma Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa, kutaa Macaafa Qulqulluu geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame erga taʼee, maqaan Yihowaa macaafa kana keessaa dhibuunsaa kan nama amansiisu miti. Dh.K.B. walakkeessa jaarraa tokkoffaatti Yaaqoob bartichi jaarsolii Yerusaalem keessa turaniin akkas jedheera: “Simoon, Waaqayyo attamitti dura warra saba isaa hin taʼin keessaa, saba [tokko maqaasaatiif fudhachuudhaaf, hiika bara 1899] akka dhimme, nutti himeera.” (Hojii Ergamootaa 15:14) Namoota jaarraa tokkoffaatti turan keessaa namni maqaa Waaqayyoo beeku ykn itti fayyadamaa ture hin jiru utuu taʼee, Yaaqoob yaada kana dubbachuunsaa hiika hin qabaatu ture.
Maqaan Yihowaa Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessatti bifa gabaajeetiin ni argama. Mulʼata 19:1, 3, 4, 6 rratti, jecha “Haaleluyaa” jedhu keessatti maqaan Waaqayyoo ni argama. Yaadni kun jecha afaan Ibrootaa kallattiidhaan hiika, “Yaahiin jajadhaa” jedhu qaburraa dhufe. Jechi “Yaa” jedhu gabaajee maqaa Yihowaa jedhuuti. Maqaaleen Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessa jiran hedduun maqaa Waaqayyoorraa kan fudhatamanidha. Barreeffamoonni tokko tokko akka ibsanitti maqaan Yesusiyyuu hiika “Yihowaan Fayyinadha” jedhu qaba.
Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan barreeffamootasaanii keessatti maqaa Waaqayyootti fayyadamaa akka turan, barreeffamoonni Yihudootaa durii ni argisiisu. Kitaabni Za Tooseftaa jedhamuufi seerawwan Yihudootaa afaaniin dubbataman qabateefi Dh.K.B. bara 300tti barreeffamee xumurame, barreeffamoota Kiristiyaanotaa guyyaa Sanbataatti gubaman ilaalchisee, “Kitaabota namoota Wangeela lallabaniifi kitaabota warra miniim [Yihudoota Kiristiyaanota taʼan jedhamee yaadama] gubaniiru. Kitaabota kana maqaa Waaqayyoo keessasaaniitti argamuu wajjin bakkuma jiranii funaananii gubaniiru.” Kitaabumti kun namni biyya Galiilaa Rabbii Yoosee jedhamuufi Dh.K.B. jalqaba jaarraa lammaffaatti jiraate tokko, torbanuma sana keessa guyyaa kan biraatti, “maqaa Waaqayyoo kitaabota sana [barreeffamoota Kiristiyaanotaa argisiisa jedhamee yaadama] keessa jiru kukkutanii walitti qabanii kaaʼaa kan turan siʼa taʼu, warri hafan gubamaniiru” jechuudhaan akka dubbatan caqaseera.
Hayyoonni Macaafa Qulqulluu tokko tokko maqaan Waaqayyoo caqasoota Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaarraa fudhatamanii, Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessatti caqasaman keessatti argamuu akka hin oolle dubbatu. Kitaabni Za Aankar Baayibil Dikshinarii jedhamu mataduree “Tetiraagiraamaatan in za Niiwu Teestaamant” jedhu jalatti, akkas jedheera: “Tetiraagiraamaataniin, jechuunis maqaan Waaqayyoo inni Yaahwee jedhamu, Kakuu Haaraan jalqaba yeroo barreeffametti, caqasoota Kakuu Moofaa keessaa fudhatamaniifi Kakuu Haaraa keessatti caqasaman tokko tokko ykn hunda keessatti akka argamu ragaan argisiisu tokko tokko jira.” Hayyuu Macaafa Qulqulluu kan taʼan Joorji Hoowaard akkas jedhaniiru: “Tetiraagiraamaataniin, Caaffata Qulqullaaʼoo gara afaan Giriikiitti garagalchameefi [Saptuujantii] waldaaleen durii itti fayyadamaa turan keessa erga jiraatee, namoonni Kakuu Haaraa barreessan Caaffata Qulqullaaʼaa tokkorraa ennaa caqasan, Tetraagiraamaatanii caqasa sanarratti argamurrattis jijjiirama hin goone jennee amanuu ni dandeenya.”
Namoonni beekamoon Macaafa Qulqulluu hiikan Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessatti maqaa Waaqayyootti fayyadamaniiru. Namoota kana keessaa tokko tokko maqaa kanatti kan fayyadaman Macaafni Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa qophaaʼuusaa waggaa hedduu duradha. Maqaa namoota kanaafi hojii isaan hojjetan keessaa tokko tokko kanneen armaan gadiiti: Ee Liitaraal Tiraansileeshin oov za Niiwu Teestaamanti . . . Fiirom za Teekisti oov za Vaatikaan Maanuskiriipti, Heermaan Heeyinfetariin kan qophaaʼe (1863); Za Eemfaatiik Diyaagloot, Beenjaamiin Wiilsaniin kan qophaaʼe (1864); Za Eeppistil oov Poowul iin Moodern Ingilish, Joorji Baarkar Istiivansiin kan qophaaʼe (1898); Seeyint Poowuls Eeppistil tuu za Roomaans, Wiiliyaam Guuniyan Raazarfordiin kan qophaaʼe (1900); Za Niiwu Teestaamanti Leetarsi, Phaaphaasii Landan Joon Wiiliyaam Chaarlis Waand jedhamuun kan qophaaʼe (1946). Kana malees, namichi Paabloo Beesan jedhamuufi jalqaba jaarraa 20ffaatti Macaafa Qulqulluu gara afaan Ispeenitti hiike, Yihudaa 14 fi Luqaas 2:15 irratti maqaa “Jehová” jedhutti fayyadameera. Akkasumas miiljaleewwan dhibbaa ol taʼaniifi hiika kana keessatti argamanirratti maqaan bakka caqasame kanarratti galuu qabu maqaa Waaqayyoo kana taʼuu akka hin oolle ibseera. Hiikawwan kun qophaaʼuusaanii waggoota dheeraa dura, Caaffanni Qulqullaaʼoon afaan Giriikii gara afaan Ibrootaatti hiikamaniifi jaarraa 16ffaatii eegalee qophaaʼan bakka hedduutti Tetiraagiraamaataniitti fayyadamaniiru. Afaan Jarmaniin qofa hiikawwan 11 taʼan Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessatti maqaa Waaqayyoo isa “Jehovah” (Yookiin isa afaan Ibrootaatiin “Yaahwee” ) jedhutti fayyadamaniiru. Namoonni afurimmoo maqaa “Gooftaa” jedhutti aansanii hammattuu keessatti maqaa kana barreessaniiru. Hiikawwan afaan Jarmanii 70 ol taʼan, maqaa Waaqayyoo miiljalee ykn yaada dabalataarratti fayyadamaniiru.
Hiikawwan Macaafa Qulqulluu dhibbaa ol taʼan, Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessatti maqaa Waaqayyootti fayyadamaniiru. Afaanonni Afriikaa, Ameerikaa, Eeshiyaa, Awurooppaafi odoolota Paasifiik keessatti dubbataman hedduun maqaa Waaqayyootti fayyadamaniiru. (Fuula 12fi 13 ilaali.) Namoonni Macaafa Qulqulluu afaanota armaan olitti caqasamanitti hiikan, maqaa Waaqayyootti fayyadamuuf kan murteessan sababoota armaan olitti ibsamanii wajjin wal fakkaatanirratti hundaaʼaniiti. Hiikawwan kana keessaa muraasni kan qophaaʼan dhiheenyattidha. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluu Rootumaan (1999) caqasoota 48 keessatti bakka 51tti maqaa “Jihova” jedhutti fayyadameera. Hiikni biyya Indooneeshiyaa Baataak (Toobaa) jedhamus (1989) maqaa “Jahowa” jedhutti al 110 fayyadameera.
Macaafa Qulqulluu afaan Haawaayiin bara 1816tti qophaaʼe keessatti maqaa Waaqayyoo Maarqos 12:29, 30 rratti argamu
Shakkii tokko malee, ragaa quubsaan maqaa Waaqayyoo Yihowaa jedhu Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessatti fayyadamuuf nu dandeessisu jira. Namoonni Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa qopheessanis kanuma godhan. Maqaa Waaqayyootiif kabaja guddaa kan qaban siʼa taʼu, wanta barreeffama isa jalqabaa keessa ture akka hin hirʼisneefis of eeggannoo guddaa godhaniiru.—Mulʼata 22:18, 19.