Akkaataan Uffannaa fi Miidhaginaa Gufuu Natti Taʼee Ture
AYLIIN BIRAMBOON AKKA DUBBATTETTI
MAATII amantaa Obbolummaa Baaptistii Jarman hordofu keessattan dhaladhe, amantaan kun amantaa Amiishii fi Meenonotaa wajjin wal fakkaata. Sochiin amantichaa kan jalqabe, bara 1708 Jarman keessatti yeroo sochiin Paayatizim jedhamu inni dammaqina hafuuraa uumuuf taasifame geggeeffamaa turetti dha. Kitaabni The Encyclopedia of Religion jedhamu sochiin Paayatizimii ejjennoo “ilmaan namootaa wangeelli Kiristoos isaan barbaachisa” jedhu qabatee kan kaʼe akka ture ibsa. Namoonni sochii kana geggeessan biyyoota adda addaa keessatti duulawwan misiyoonii milkaaʼina qaban geggeessaniiru.
Bara 1719 gareen xinnoon nama Aleeksaandar Maak jedhamuun geggeeffamu kutaa Yuunaayitid Isteetis isa yeroo ammaatti Pensilvaaniyaa jedhamu dhaqe. Yeroo sanaa kaasee gareewwan dabalataa kan hundeeffaman taʼuu isaanii irra iyyuu, of dandaʼanii baʼaniiru. Gareen hundi akkaataan barumsa Aleeksaandar Maak itti hiikan garaagara ture. Waldaan keenya garee xinnoo miseensota gara 50 taʼan qabu ture. Waldaan keenya Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf xiyyeeffannaa guddaa kenna; murtoo miseensonni waldichaa dabarsanis cimsanii hordofu turan.
Yoo xinnaate dhaloota sadiif maatiin koo amantaa kanaa fi akkaataa jireenyaa kana hordofaa tureera. Anis yeroo umuriin koo waggaa 13 taʼu cuuphameen miseensa waldichaa taʼe. Ijoollummaa kootii kaasee konkolaataa, tiraaktara, bilbila ykn raadiyoo ykn meeshaawwan elektiriikiitiin hojjetan kam iyyuu qabaachuu ykn itti fayyadamuun dogoggora akka taʼe baradheera. Dubartoonni rifeensa isaanii murachuu hin qaban, uffata salphaa uffachuu fi mataa isaanii haguuggachuu qabu. Dhiironni immoo areeda isaanii guddifatu. Akka ilaalcha keenyaatti, kutaa addunyaa taʼuu dhiisuun uffata ammayyaa uffachuu, meekaappii fi faayaawwan fayyadamuu dhiisuu dabalata; sababiin isaa wantoonni kun koora kan argisiisan akka taʼanitti amanna turre.
Kitaaba Qulqulluu isa akka nyaata hafuuraatti ilaalluuf kabaja guddaa akka qabaannu baranneerra. Yeroo hundumaa ganama ganama ciree nyaachuu keenya dura goorduubatti sassaabamnee abbaan keenya Kitaaba Qulqulluu irraa boqonnaa tokko dubbisee yeroo ibsu ni dhaggeeffanna turre. Achiis hundi keenya erga jilbeenfannee booda abbaan keenya kadhata. Sana boodas haati keenya Kadhannaa Gooftaa irra deebiti. Yeroo guutummaan maatii keenya walitti qabamee waaqeffannaa ganamaa irratti wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffatu hawwii guddaadhaanan eega ture.
Kan jiraannu bakka qonnaa Delfaayi Indiyaanaatti dhihoo jiru keessa dha; achittis kuduraalee adda addaa oomishna turre. Kuduraalee oomishne kanas gaarii fardaan harkifamu irratti feenee karaa irratti ykn mana namaa irra deemnee gurgurra turre. Hojiin jabaanne hojjennu kun kutaa tajaajila Waaqayyoof dhiheessinu akka taʼe nutti dhagaʼama ture. Kanaafuu guyyaa Dilbataa isa guyyaa hojiin itti hin hojjetamne irraa kan hafe guyyoota kaan hunda ni hojjenna. Yeroo tokko tokko garuu, maatiin keenya hojii qonnaatiin garmalee waan qabamuuf wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuun ulfaataa nutti taʼa ture.
Gaaʼelaa fi Maatii
Bara 1963, yeroo umuriin koo waggaa 17 taʼu Jeemsi isa amantaa keenya hordofuttin heerume. Akaakiliiwwan Jeemsi irraa eegalee maatiin isaa amantaa kana hordofaa turan. Lamaan keenya iyyuu garaadhaa Waaqayyoon tajaajiluuf fedhii guddaa waan qabnuuf, waldaan dhugaa taʼe waldaa keenya qofa akka taʼetti amanna turre.
Hamma bara 1975tti ijoollee jaʼa godhannee turre; achiis bara 1983tti ilmi keenya inni xumuraa ni dhalate. Intala keenya ishii lammaffaa Reebekaa irraa kan hafe ijoolleen keenya hundi dhiirota dha. Jabaannee hojjenna, maallaqa hedduu hin baasnu, akkasumas jireenya salphaa jiraanna turre. Qajeelfamawwan warra keenyaa fi namoota miseensota amantaa keenya irraa baranne ijoollee keenya barsiisuuf carraaqqii goona turre.
Waldaan keenya akkaataa uffannaa fi miidhaginaatiif bakka guddaa kenna. Namni garaa dubbisuu dandaʼu waan hin jirreef keessi namummaa nama tokkoo beekamuu kan dandaʼu akkaataa uffannaa isaatiini jennee amanna. Kanaafuu, dubartiin tokko rifeensa ishii karaa ammayyaa taʼeen yoo hojjetatte, gochi ishii kun mallattoo of tuultuu taʼuu ishii argisiisu akka taʼetti ilaalama ture. Uffanni keenya fakkiiwwan guguddaa yoo qabaate kunis mallattoo of tuulummaa argisiisu akka taʼetti ilaalama ture. Yeroo tokko tokko, Kitaaba Qulqulluu caalaa dhimmoota kanaaf xiyyeeffannaan ni kennama ture.
Wanta Mana Hidhaa Keessatti Taʼe
Dhuma waggoota 1960mmaniitti obboleessi abbaa manaa koo Jeesii inni amantaa keenya hordofu tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu waan dideef mana hidhaa gale. Yeroo mana hidhaa turettis, Dhugaa Baatota Yihowaa akkuma keenya waraana irratti hirmaachuun qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu wajjin akka wal faallessu amananii wajjin wal arge. (Isaayyaas 2:4; Maatewos 26:52) Jeesiin Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu irratti maree hedduu kan godhe taʼuu isaa irra iyyuu, amala isaanii ijuma isaatiin arguu dandaʼee ture. Kitaaba Qulqulluu gad fageenyaan erga qoʼatee booda cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe; nutti garuu kana yeroo beeknu baayʼee isatti aarre.
Jeesiin wanta barate abbaa manaa kootti hime. Kana malees Jeemsi barruulee Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! yeroo hundumaa argachuu akka dandaʼu qophii godhe. Jeemsi barruulee kanneen yommuu dubbisu fedhiin inni Kitaaba Qulqulluu beekuuf qabu caalaatti dabale. Jeemsi durii kaasee fedhii Waaqayyoon tajaajiluu kan qabu taʼus, gara Waaqayyotti akka hin dhihaanne isatti dhagaʼama ture; kanaafuu wanta gara Waaqayyotti akka dhihaatu isa gargaaru kam iyyuu gochuuf fedhii qaba.
Jaarsoliin waldaa keenyaa barruulee Amiishoota, Meenonotaa fi dhaabbilee amantaa kan keenyaa wajjin wal fakkaatu kan biroon qopheessan akka dubbisnu nu jajjabeessu turan; garuu dhaabbileen amantaa kun kutaa addunyaa akka taʼanitti ilaalla. Keessumaa abbaan koo Dhugaa Baatota Yihowaatiif jibba guddaa qaba ture. Barruulee Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! matumaa dubbisuu akka hin qabne nutti hima ture. Kanaafuu Jeemsi barruulee kana dubbisuun isaa baayʼee na dhiphisee ture. Barumsawwan sobaa fudhachuu dandaʼa jedhee yaaddaʼeen ture.
Taʼus, Jeemsi yeroo dheeraadhaaf barumsawwan waldaan keenya barsiisu tokko tokko irratti, keessumaa immoo barumsi Dilbata hojii humnaa hojjechuun cubbuu akka taʼe ibsu Kitaaba Qulqulluu wajjin kan wal faallessu akka taʼe isatti dhagaʼama ture. Fakkeenyaaf, horii bishaan obaasuun ni heyyamama, aramaa aramuun garuu hin heyyamamu ture. Jaarsoliin waldaa keenyaa ragaa Kitaaba Qulqulluu seera kana deggaru isatti argisiisuu hin dandeenye. Oolee bulee, anis barumsawwan kana shakkuun jalqabe.
Umurii keenya guutuu waldaan keenya waldaa Waaqayyoon filatame akka taʼetti amanna turre; waldaa kana keessaa baʼuun miidhaa akkamii akka geessisu sirriitti beekna turre; kanaafuu waldicha dhiisnee baʼuun nutti ulfaatee ture. Taʼus, qalbiin keenya waldichi guutummaatti Kitaaba Qulqulluudhaan akka hin geggeeffamne utuma beeknuu achumatti akka itti fufnu nuuf hin heyyamne. Kanaafuu, bara 1983tti sababii itti waldicha gadhiisnu barreessinee walgaʼii irratti akka dubbifamu gaafanne. Achiis waldicha keessaa baafamne.
Barbaacha Amantaa Dhugaa Argachuuf Goone
Sana booda amantaa dhugaa argachuuf barbaaduu jalqabne. Kaayyoon keenya amantaa wanta barsiisu hojii irra oolchu argachuu ture. Hundumaa dura, dhaabbilee amantaa waraana irratti hirmaatan filannoo keenya keessaa baasne. Amantaawwan hordoftoonni isaanii jireenya salphaa taʼe jiraatanii fi uffata xiyyeeffannaa namootaa hin harkisne uffatan, kutaa addunyaa akka hin taanetti waan amannuuf xiyyeeffannaa keenya harkisu turan. Bara 1983 hanga 1985tti, guutummaa biyyichaa keessa naannofnee Meenonota dabalatee dhaabbilee amantii ulaagaalee kana guutan tokko tokkoon qorre.
Kun utuu kanaan jiruu, Dhugaa Baatonni Yihowaa gara bakka qonnaa keenya isa Kaamdan Indiyaanaatti dhihoo jiru dhufanii nu haasofsiisan. Hiika Kitaaba Qulqulluu Kiingi Jeemsi Varzyinii qofatti fayyadamanii akka nu haasofsiisan isaanitti himne. Ejjennoon Dhugaa Baatonni waraana ilaalchisee qaban na gammachiise. Amantaan uffata salphaa uffachuun mallattoo addunyaa irraa adda isa taasisu akka taʼe hin amanne, amantaa dhugaa taʼuu dandaʼa jedhee waanan hin yaanneef maree keenya itti fufuun natti ulfaate. Sababii guddaan namoonni uffata nu irraa adda taʼe itti uffatan of tuuloo waan taʼaniif akka taʼee fi namni tokko qabeenya hedduu qabaachaa yommuu deemu caalaatti of tuulaa akka deemu natti dhagaʼama.
Jeemsi ijoollee dhiiraa keenya keessaa muraasa isaanii wajjin walgaʼii Dhugaa Baatonni Yihowaa Galma Walgaʼiitti geggeessan irratti argamuu jalqabe. Kun baayʼee na aarse. Abbaan manaa koo isaa wajjin akkan deemu irra deddeebiʼee na gaafatus ani garuu tole hin jenne. Achiis gaaf tokko, “Wantoota isaan barsiisan tokko tokko irratti walii galuu baattus mee jaalala gidduu isaanii jiru ijuma keetiin ilaali” naan jedhe. Kun baayʼee isa ajaaʼibsiisee ture.
Dhuma irratti, barumsi isaanii dhiibbaa akka na irratti hin geessisne sirriitti of qopheessee walgaʼii isaanii irratti argamuufan murteesse. Gara Galma Walgaʼii kanan deeme uffata salphaa uffadhee fi koofiyyaa kaʼadheen ture. Ijoolleen dhiiraa keenya tokko tokko miilla isaanii duwwaa turan, uffanni isaanis uffata salphaa ture. Taʼus, Dhugaa Baatonni gara keenya dhufanii miira hoʼaadhaan nu simatan. ‘Isaan irraa adda taanus haala gaariitiin nu simatan’ jedheen yaade.
Jaalalli isaan nutti argisiisan na dinqisiisus, akkasumaan ilaaluu qofa malee wanta tokko iyyuu akka hin goone murteesseen ture. Yeroo faarfannaan faarfatamu hin kaane, isaanii wajjinis hin faarfanne. Walgaʼicha booda gaaffii hedduun isaan gaafadhe; wantootan ani akka isaan sirrii hin taane yaadu ykn ibsa isaan caqasoota tokko tokkoof kennan isaanan gaafadhe. Kanan isaan gaafadhu malaan taʼuu baatus, namoonni ani isaan gaafadhe hundi gaarummaadhaan deebii naaf kennu turan. Kanan gaafadhe namoota garaagaraa taʼus, deebii isaan naaf kennan kan wal fakkaatu taʼuun isaa baayʼee na dinqisiise. Yeroo tokko tokko kan naaf deebisan barreessuudhaan ture; kunis na fayyadeera, sababiin isaas carraan kophaa koo itti qoʼadhu naaf kenna.
Bona bara 1985tti, maatiin keenya walgaʼii guddaa Dhugaa Baatota Yihowaa Meefiis Teensiitti geggeeffamu irratti argamuuf deeme; taʼus, ammas kaayyoon keenya ilaaluu qofa ture. Jeemsi amma iyyuu areeda isaa akkuma guddisetti jira, nutis uffata salphaa uffannee turre. Yeroo boqonnaa laaqanaatti guyyaa hunda jechuun ni dandaʼamaa, namni taʼe tokko nu bira dhufee nu haasofsiisa ture. Jaalalli isaan nutti argisiisan, xiyyeeffannaan isaan nuuf kennanii fi simannaan isaan nuuf godhan baayʼee nu hawwate. Tokkummaan isaanii baayʼee nu dinqisiise, walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa bakka kamitti iyyuu geggeeffamu irratti yoo argamne barumsi kennamu wal fakkaataa dha.
Jeemsi jaalala Dhugaa Baatonni isatti argisiisaniin garaan isaa waan tuqameef Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf walii gale. Wanti barate dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuuf wanta sana of eeggannoodhaan qora ture. (Hojii Ergamootaa 17:11; 1 Tasalonqee 5:21) Yeroo booda Jeemsi dhugaa akka argate mirkanaaʼaa taʼe. Ani garuu murtoo gochuun natti ulfaatee ture. Wanta sirrii taʼe gochuu kanan barbaadu taʼus, nama ammayyaa taʼuu fi akka nama biyya lafaatti ilaalamuu hin barbaadun ture. Yeroo jalqabaatiif Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin yommuun qoʼachuuf walii galu harka tokko irratti hiika Kitaaba Qulqulluu Kiingi Jeemsi Varzyinii harka koo kan biraatti immoo Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa isa ammayyaa taʼe qabadheen ture. Eenyu iyyuu akka na gowwoomsu waanan hin barbaanneef, caqasa hunda hiikawwan lamaan irraan wal bira qabeen ilaala ture.
Wanta Ilaalcha Koo Akkan Jijjiiru Na Gargaare
Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachuu keenya yommuu itti fufnu Abbaan keenya inni samii Sillaasee utuu hin taʼin Waaqa tokkicha akka taʼe, nuti lubbuu hin duune kan qabnu utuu hin taʼin ofuma keenyaa iyyuu lubbuu akka taane baranne. (Uumama 2:7; Keessa Deebii 6:4; Hisqiʼel 18:4; 1 Qorontos 8:5, 6) Kana malees, siiʼol bakka namoonni duʼan itti awwaalaman malee bakka ibiddaan itti gubatan akka hin taane hubanne. (Iyyoob 14:13; Faarfannaa 16:10; Lallaba 9:5, 10; Hojii Ergamootaa 2:31) Amantaan keessa ture keessatti dhimma kana ilaalchisee ilaalchi garagaraa waan tureef, waaʼee siiʼol dhugaa isaa beekuun koo ilaalcha koo irratti jijjiirama guddaa fideera.
Taʼus, akka ilaalcha kootti Dhugaa Baatonni Yihowaa kutaa addunyaa akka taʼanitti waanan yaaduuf amantaa dhugaa qabataniiru jedhee amanuun natti ulfaatee ture. Akkaataa jireenyaa fi uffannaa salphaa ani bakka guddaa kennuuf hin hordofan. Gama biraatiin garuu, ajaja Yesuus misiraachoo Mootummichaa namoota hundumaaf akka lallabnu nuuf kenne raawwachaa kan jiran isaan qofa akka taʼaniin hubadhe. Baayʼee burjaajaʼeen ture!—Maatewos 24:14; 28:19, 20.
Yeroo rakkisaa taʼe kanatti qorannoo gochuu koo akkan itti fufu kan na taasise jaalala Dhugaa Baatonni Yihowaa natti argisiisani dha. Guutummaan gumichaa maatii keenyatti jaalala argisiiseera. Namoonni gumicha keessa jiran tokko tokko, yeroo tokko tokko aannanii fi hanqaaquu nu irraa bituu sababeeffachuudhaan dhufanii waan nu gaafataniif namoota gaarii taʼuu isaanii hubachuu dandeenyeerra. Dhugaa Baatonni nu qoʼachiisan waan jiraniif Dhugaa Baatonni kaan dhufanii nu gaafachuu hin daganne. Kanaa mannaa, sababii itti naannoo keenya dhufan yoo qabaatan mana keenya utuu hin gaʼin hin deebiʼan. Carraan kun Dhugaa Baatota Yihowaa sirriitti beekuu fi jaalala garaadhaa maddee akka nuuf qaban hubachuuf nu dandeessiseera.
Jaalala akkasii kan nutti argisiisan Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo keenya jiran qofa miti. Akkaataa uffannaa fi miidhaginaa ilaalchisee burjaajaʼee yeroon turetti obboleettiin gumii kan biraa keessa turtee fi Keeyi Biriigzi jedhamtu na gaafachuu dhufte; obboleettiin kun filannoo ishiitiin uffata salphaa kan uffattu turte; meekaappiis hin fayyadamtu turte. Ishii wajjin bilisummaadhaan haasaʼuu dandaʼeen ture. Achiis gaaf tokko namni amantaa ani guddadhe keessatti guddatee fi Luwiis Filooraa jedhamu na gaafachuu dhufe. Burjaajaʼee akkan ture fuula koo irraa waan hubateef, na gargaaruuf xalayaa fuula kudhan qabu naaf erge. Gaarummaan inni natti argisiise waan na tuqeef nan booʼe; xalayaa isaas irra deddeebiʼee dubbiseera.
Daawwataa ol aanaan Odeel jedhamu Isaayyaas 3:18-23 fi 1 Pheexiros 3:3, 4 akka naaf ibsun isa gaafadhe. “Caqasoonni kun Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaanne uffata salphaa taʼe uffachuu akka qabnu kan ibsan mitii?” jedheen isa gaafadhe. Innis “Koofiyyaa kaaʼachuun dogoggora dhaa? Shurrubbaa dhaʼaachuun dogoggora sitti fakkaataa?” jedhee na gaafate. Amantaa ani hordofaa ture keessatti ijoolleen durbaa xixinnoon shurrubbaa dhaʼaatu, dubartoonni immoo koofiyyaa kaaʼatu turan. Yaanni daawwataan ol aanaa sun natti hime seerri sun ejjennoo wal fakkaataa akka hin qabne na hubachiise; kana malees obsaa fi gaarummaadhaan na haasofsiisuun isaa na dinqisiise.
Oolee bulee, ilaalcha koo sirreessaa kanan deeme taʼus, wanti fudhachuun natti ulfaate tokko jira ture; kunis dubartoonni rifeensa isaanii murachuu isaanii ti. Jaarsoliin gumii rifeensi dubartoota tokko tokkoo baayʼee dheeraa taʼus, kan dubartoota tokko tokkoo garuu hamma tokko caalaa guddachuu akka hin dandeenye erga naaf ibsanii booda, rifeensi dubartii tokkoo ishii kaan irra akka caaltu akka ishii hin taasisne akkan hubadhu na gargaaran. Kana malees, akkaataa uffannaa fi miidhaginaa ilaalchisee gaʼee qalbiin qabu erga naaf ibsanii booda, wantan yeroon manatti galu dubbisu naaf kennan.
Wanta Baranne Hojii Irra Oolchuu
Dhuma irratti namoota firii gaarii godhatanii fi barbaadaa turre arganne. Yesuus, “Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku” jedheera. (Yohaannis 13:35) Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota jaalala dhugaa namatti argisiisan akka taʼan mirkanaaʼoo taaneerra. Taʼus, ilmi keenya hangafaa Naataanii fi quxusuun isaa Rebekaan amantii isaa duraa keessatti cuuphamanii waan turaniif haalli isaa isaan burjaajessee ture. Yeroo booda garuu, dhugaa Kitaaba Qulqulluu isaanitti himnuu fi jaalala Dhugaa Baatonni Yihowaa isaanitti argisiisaniin garaan isaanii tuqamuu jalqabe.
Fakkeenyaaf, Rebekaan durumaa kaastee Waaqayyoo wajjin hariiroo cimaa qabaachuu barbaaddi turte. Waaqayyo wanta goonu ykn jireenya keenya gara fuulduraa dursee akka hin murteessine yommuu hubattu, gara isaatti kadhannaa dhiheessuun caalaatti ishiidhaaf salphate. Kana malees, Waaqayyo Sillaasee iccitii taʼe utuu hin taʼin, qaama dhugumaan jiruu fi fakkeenya isaa hordofuu dandeenyu taʼuu isaa yommuu hubattu caalaatti isatti dhihaachuuf ishii gargaare. (Efesoon 5:1) Akkasumas yommuu Waaqayyotti dubbattu jechoota durii hiika Kitaaba Qulqulluu Kiingi Jeemsi Varzyin keessa jiran fayyadamuun akka ishii hin barbaachisne barachuun ishiis ishii gammachiiseera. Ulaagaalee Waaqayyo kadhannaa ilaalchisee kennee fi kaayyoo guddaa inni ilmaan namootaa lafa jannata taate irra bara baraaf akka jiraatan qabu yommuu barattu isa yeroo kamii iyyuu caalaa Uumaa ishiitti akka dhihaattu ishii taasise.—Faarfannaa 37:29; Mulʼata 21:3, 4.
Mirgawwan Hundi Keenya Arganne
Anii fi Jeemsi, akkasumas ijoolleen keenya jalqabaa shan, jechuunis Naataan, Rebekaa, Joorji, Daaniʼelii fi Joon bona 1987tti cuuphamnee Dhugaa Baatota Yihowaa taane. Haarliin bara 1998tti, Saayiman immoo bara 1994tti cuuphaman. Guutummaan maatii keenyaa hojii waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabuu Yesuus duuka buutota isaatiif kennee irratti hinaaffaadhaan ni hirmaata.
Ilmaan keenya shan, jechuunis Naataan, Joorji, Daaniʼel, Joonii fi Haarliin, akkasumas intalli keenya Rebekaan waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa isa Yuunaayitid Isteetis jiru keessa tajaajilaniiru. Joorji waggoottan 14 darbaniif amma iyyuu waajjira damee sana keessa tajaajilaa jira, Saayimanis bara 2001tti barumsa isaa erga xumuree booda waajjira damee sana keessa tajaajilaa jira. Ijoolleen dhiiraa keenya hundi gumii Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti jaarsolii ykn tajaajiltoota gumii ti. Abbaan manaa koo immoo gumii Miizuurii Teeyar jedhamu keessatti jaarsa gumii taʼee tajaajilaa jira, anis tajaajila irratti hinaaffaadhaan hirmaachaan jira.
Amma ijoollee ijoollee sadii Jeesikaa, Laatishaa fi Kaaleb jedhaman qabna; warri isaanii ijoollummaa isaaniitii kaasanii Yihowaadhaaf jaalala akka qabaatan yommuu isaan gargaaran arguun baayʼee nu gammachiisa. Yihowaan maatii keenya waan ofitti harkiseef, akkasumas saba isaa maqaa isaatiin waamaman jaalala isaan argisiisaniin adda baasnee akka beeknu waan nu gargaareef guddaa isa galateeffanna.
Haala namoota Waaqayyoon tajaajiluuf garaadhaa fedhii qaban, garuu immoo qalbiin isaanii Kitaaba Qulqulluudhaan utuu hin taʼin hawaasa keessatti guddataniin leenjiʼe keessa jiran yommuu yaannu baayʼee gaddina. Namoonni kun gammachuu nuyi arganne akka argatan hawwina; amma maatiin keenya manaa gara manaa kan deemu kuduraa gurguruuf utuu hin taʼin, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo fi eebbawwan Mootummichi gara fuulduraatti fidu lallabuufi dha. Obsaa fi jaalala namoonni maqaa Yihowaatiin waamaman nutti argisiisan yommuun yaadu, garaan koo dinqisiifannaadhaan waan guutamuuf immimmaantu na hudha!
[Fakkii]
Yeroo umuriin koo waggaa torba ture, yeroo booda gaʼeessa taʼee
[Fakkii]
Jeemsi, Joorji, Haarlii fi Saayiman uffata salphaa taʼe uffatanii
[Fakkii]
Suuraan kuduraa gabaa geessee yommuun gurguru kaʼe kun gaazexaa naannoo keenyatti maxxanfamu tokko irratti baʼee ture
[Madda]
Journal and Courier, Lafayette, Indiana
[Fakkii]
Yeroo ammaatti maatii keenyaa wajjin