LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 4/14 ful. 3
  • Addunyaa Mararraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Addunyaa Mararraa
  • Dammaqaa!—2014
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yunaayitid Isteetis
  • Xaaliyaanii
  • Maaleeshiyaa
  • Afriikaa
  • Awustiraaliyaa
  • Raajii 3. Dhukkuba
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dammaqaa!—2014
g 4/14 ful. 3

ADDUNYAA MARARRAA

Yunaayitid Isteetis

Barruun Niiwu Yoorki Taayimsi jedhamu, “Namni tamboo xuuxu tokko nama tamboo hin xuuxnee wajjin wal bira qabamee yeroo ilaalamu . . . nama isa hojjechiisu waggaatti dabalataan doolaara Ameerikaa 5,816 isa baasisa” jechuudhaan gabaaseera. Qorattoonni Yunivarsiitii Ohaayoo akka ibsanittimmoo, namoonni akkasii tamboo xuuxuuf jecha hojii dhaabuudhaan, yaalii fayyaatiif baasii guddaa baasisuufi hojiirraa hafuudhaan baasii dabalataa isa baasisu. Kana malees, namni araada niikotiiniitiin qabame utuu tamboo hin xuuxin hojiisaa sirriitti hojjechuu hin dandaʼu.

Xaaliyaanii

Phaaphaasii Firaansiis

“Qeesonnis taʼan amantoonni wanta dubbatan hojiirra kan hin oolchine taʼuunsaanii, amanannaa Waldaan qabdu xiqqeessaa jira.”​—Phaaphaasii Firaansiis jedhamu.

Maaleeshiyaa

Abbootiin Taayitaa Maaleeshiyaa ilka arbaa seeraan ala gale yommuu qaban

Abbootiin taayitaa Maaleeshiyaa ilka arbaa 1,000 ol taʼuufi kuntaala 240 miijanu konteenarii saanqaan itti feʼame lama keessatti dhokfame qabaniiru. Itti gaafatamtoonni eegumsa naannoo, ilki arbaa hamma kana baayʼatu hanga harʼaatti qabamee akka hin beekne dubbataniiru. Feʼumsi kun kaʼumsisaa Toogoo siʼa taʼu, bakki itti geeffamummoo Chaayinaadha.

Afriikaa

Nama Afriikaa tokko

Akka gabaasa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa bara 2012⁠tti, waggoottan muraasa darbanitti namoota duʼan keessaa harki 63 kan duʼan dhukkuba daddarbaa kan akka Eedsii, garaa kaasaa, busaa, dhukkuba sombaafi dhukkuba ijoolleetiinidha.

Awustiraaliyaa

Haasaa qumaaaraa Ismaarti Fooniirratti feʼame

Taphawwan qumaaraa moobaayiloota ammayyaa (ismaartfoonsi) ykn meeshaawwan kaanirratti feʼaman ijoollee biratti baayʼee jaallatamaa dhufaniiru. Tokko tokko qumaaruma isuma dhugaa fakkaatu; moʼuufis baayʼee salphaadha. Gabaasni mootummaan baase tokko, taphawwan akkasii ijoolleen qumaarri fudhatama akka qabu godhanii akka yaadan, “gara fulduraattis araada qumaaraatiin akka qabaman” gochuu akka dandaʼu akeekkachiiseera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi