Namoonni Miliyoonaan Lakkaaʼaman Rakkina Keessa Jiru—Isaan Gargaaruun Ni Dandaʼamaa? Barreessaan Dammaqaa! Afriikaatti Argamu Akka Gabaasetti
HUMNA utuu qabaattee rakkina namootaa ni hambista turtee? Humna utuu qabaattee akkas akka gootu beekamaadha! Dhugaasaa dubbachuuf garuu, namni rakkinaafi gidiraa dhala namaa hunda hambisuu dandaʼu hin jiru.
Haataʼu malee, rakkina naannookeetti uumamu tokko tokko hirʼisuuf ykn ittisuuf humna qabaachuu dandeessa. Fakkeenyaaf, tilmaamaan dubartoonni miliyoona kudhaniin lakkaaʼamaniifi biyyoota garaagaraa keessa jiran, aadaa duriifi naannoosaaniitti baayʼee beekamaa taʼe tokko tokkoon rakkinniifi gidiraa guddaan isaanirra gaʼaa jira. Akka aadaa kanaatti warri ijoolleesaaniitiif yaaduudhaan, kutaan qaama saalaa ijoollee durbaasaanii akka muramuuf haala mijeessu. Gochi kun dhagna qabaa dubartootaa jedhamee waamama.a Haataʼu malee, hayyoonni tokko tokko gocha kana kutaa qaama saalaa dubartootaa muruu jedhanii kan waaman siʼa taʼu, kunis gocha raawwatamu sirriitti kan ibsudha.
Qaama saalaa dubartootaa muruu ilaalchisee Hooskan Riippoort, gochi kun Baha Afriikaatii hanga Dhiha Afriikaatti, akkasumas biyyoota naannoowwan kanatti argamanitti balʼinaan akka raawwatamu ibseera. Kutaa qaama saalaa dubartootaa muruun dubartootarratti rakkina fayyaa garaagaraa kan fidu siʼa taʼu, lubbuusaaniillee balleessuu ni dandaʼa.
Yaalii Gocha Kana Mormuuf Godhame
Gocha kanarratti mormii kaasuun salphaa hin turre. Gaazexaan Keeniyaa Za Istaandaard jedhamu akka ibsetti, qaama saalaa dubartootaa muruun “iccitii taʼee tureera. Dhiirota ykn dubartoota gocha kana dhaabsisuu barbaadaniif, dhimma kana mormuun baayʼee rakkisaafi yeroo tokko tokkommoo balaa kan qabu ture. Namoonni kun farra aadaa, farra maatii, farra amantiifi farra biyyaa akka taʼanitti ykn sabasaaniifi aadaasaanii akka jibbanitti himatamu turan.”
Gaazexaamti kun qaama saalaa dubartootaa muruun “gocha aadaa miidhaa hin geessisne utuu hin taʼin, dubartootaafi ijoollee durbaarratti hirʼina qaamaa dhaabbataa taʼeefi duʼa kan geessisu . . . Mirga ijoolleen durbaa qaama fayyaafi guutuu taʼe qabaatanii guddachuuf qabanis kan sarbu” akka taʼe ibseera.
Namoonni hedduun waaʼee gocha kanaa namoota barsiisuuf waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif carraaqqii gochaa turan. Ijoollee durbaarratti daaʼimummaasaaniitii jalqabee dhukkubbii cimaafi hirʼina qaamaa kan geessisu siʼa taʼu, gama fayyaatiinis faayidaa akka qabu hin mirkanoofne.
Hirʼinni qaamaa dhaabbataan dhukkubbii geessisuufi duuti gabaafame kan nama naasisudha. Kutaa qaama saalaa dubartootaa muruun Eedsiin akka babalʼatu gochuurrattillee gumaacha akka qabu ni dubbatama. Lakkoofsi namoota Afriikaafi Baha Giddu Galeessaatii gara Awustiraaliyaa, Kaanaadaa, Awurooppaafi Yunaayitid Isteetisitti godaananii dabalaa waan dhufeef, dhagna qabaan dubartootaa dhaabbilee fayyaa biyyoota dhihaa keessa jiran keessatti dhimma yaaddessaa taʼeera. Rakkina qaamaafi miiraa gocha kanaa wajjin walqabatee dhufu yaaluuf baasiin baʼus akka salphaatti kan ilaalamu miti.
Dhagna qabaan dubartootaa Ingiliiz, Faransaay, Xaaliyaaniifi Siwiidin dabalatee biyyoota Awurooppaa keessatti waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif gocha seeraan dhowwame taʼee tureera. Gaazexaan Kaanaadaa Za Giloob eend Meeyil jedhamu, kutaa qaama saalaa dubartootaa muruun “Qaama seera tumuufi dooktoroota Ontaariyoo geggeessuun dhowwameera” jechuudhaan gabaaseera. Kana malees, “Seerri biyya Kaanaadaa waaʼee dhagna qabaa dubartootaa ifatti kan hin caqasne taʼus, abbootiin taayitaa fedaraalaa gochi kun gocha gara jabinaa ykn yakka daaʼimmanirratti raawwatamuu wajjin tokko akka taʼe dubbataniiru” jedheera.
Dhaabbileen biyyoolessaa hedduun kan akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaa gocha kana hambisuuf hojjechaa jiru. Fulbaana bara 1990tti geggeessitoota biyyoota Afriikaa, kan akka Seneegaal, Ugaandaafi Zimbaabuwee dabalatee geggeessitoonni addunyaa garaagaraa, Niiwu Yoork keessatti wal gaʼuudhaan Waliigaltee Mirga Ijoolleerratti godhamerratti mallatteessaniiru; sochiin kun iddoo guddaan kan kennamuuf ture. Waliigalteen kun dhagna qabaa dubartootaa, akkuma gocha gara jabinaatti, akkasumas humnaan fedhii saalaatiif namatti fayyadamuutti balaaleffata.
Barruun Landan Ikonoomist jedhamu akka gabaasetti, “dhagna qabaan dubartootaa, inni kutaa qaama saalaa dubartootaa muruu jedhamee waamamu, hanga ammaatti gocha suukanneessaa Afriikaa keessatti raawwatamuufi dubbachuuf namatti hin tolledha. Tuutni Mirga Kutaa Hawaasaa Xiyyeeffannaan Hin Kennamneetiif Falmuufi Landan keessa jiru akka gabaasetti, . . . waggaa waggaatti ijoollee durbaa miliyoona kudhaniin lakkaaʼamanirra miidhaan ni gaʼa.”
Barruun kun itti fufuudhaan, “Akkaataan gochi kun itti raawwatamu dhukkubbii salphaadhaa qabee hanga duʼa geessisuutti gaʼuu dandaʼa; kutaa qaama saalaa dubartootaa saalqunnamtiidhaaf fedhii akka qabaatan godhuufi kutaalee kaan albee, xarmusii cabaa ykn milaacii fayyadamuudhaan muruu kan dabalatu siʼa taʼu, baayʼeensaanii kana kan raawwatanis qoricha nama hadoochu utuu hin gargaaraminidha. Gochi kun laguurratti, qunnamtii saalaafi, daʼumsarratti miidhaa kan geessisu siʼa taʼu, miidhaa miiraafi duʼallee geessisuu ni dandaʼa. . . . Amantii dogoggoraa dubartoonni addaggee akka hin taane gargaara jedhuun, akkasumas barsiifata waan taʼeefi ilaalcha dogoggoraa qulqullinaaf gargaara jedhuun kan kaʼe gochi kun itti fufuu dandaʼeera.”
Gochi Kun Ammayyuu Hin Badne
Biyya Afriikaa dubartoonni hedduun gochi kun isaanirratti raawwatame tokkotti, seerri bara 1947tti tumame gosa dhagna qabaa baayʼee suukanneessaa taʼe dhowweera. Ololli dhagna qabaan dubartootaa barbaachisaadha jedhu waan babalʼateef, sochiin gocha kana hambisuuf godhame baayʼee hin milkoofne. Fakkeenyaaf, dubartoonni maanguddoo taʼan tokko tokko gochi kun ijoollee durbaatiif gaarii akka taʼe amanu. Gaazexaan Naayijeeriyaa Za Gaardiyaan jedhamu akka gabaasetti, Tuutni Mirga Kutaa Hawaasaa Xiyyeeffannaan Hin Kennamneetiif Falmu, “ilaalcha dubartoota maanguddoo taʼaniifi gochi kun akka itti fufu godhanii jijjiiruun barbaachisaa” akka taʼe kan ibse kanaafidha.
Barruun Narsiing Taayims jedhamus, “Karaan dhagna qabaa dubartootaa hambisuun itti dandaʼamu barumsa qofaadha” jechuudhaan dubbateera. Yeroo booda, barruumti kun, “Rakkinni kun guutummaatti baduu kan dandaʼu dhimmicharratti hubannaa uumuudhaan, akkasumas dhiirotaafi dubartoota barsiisuudhaan qofa” akka taʼe ibseera. Dhiirota barsiisuun kan barbaachise maaliifidha? Abbootiin baayʼeen intalasaanii namoota durba dhagna hin qabanne fuudhuu hin barbaannetti heerumsiifachuu akka dandaʼaniif, qarshii dhagna qabaa sanaaf barbaachisu waan kaffalaniifidha.
Wanti gochi kun akka itti fufu godhe kan biraanimmoo qarshii kan argamsiisu taʼuusaati. Barruun Za Ameerikaan Joornaal Oov Narsiing jedhamu, “Dhagna qabaan namoota gocha kana raawwataniif madda galii guddaadha; Kanaaf, namoonni akkasii gochi kun akka itti fufu barbaadu” jedheera. Dubartoota maanguddoo taʼan qofa utuu hin taʼin, deessistoonniifi namoonni mana rifeensaa keessa hojjetanis gocha kana raawwachuudhaan qarshii ni argatu. Kana malees, narsoonniifi dooktoroonni manneen yaalii tokko tokko keessatti hojjetan, ijoollee durbaa miidhaa dhagna qabaa qulqullina hin qabneen isaanirra gaʼuufi haala sodaachisaa isaanirra gaʼurraa oolchuuf gocha kana ni raawwatu. Haataʼu malee, gochi kun eenyuuniyyuu yoo raawwatame qaama hirʼisuunsaa hin oolu.
Yeroo tokko tokko, dubartoonni gorguddoonillee yeroo daʼan hundatti baqaqsanii hodhuun isaanirratti ni raawwatama. Za Niiwu Yoork Taayims Intarnaashinaal akka ibsetti, “dubartoonni hedduun yommuu daʼan hundatti qaamni saalaasaanii walqabatee ture waan baqaqfamuuf, achiis deebiʼee waan walitti qabsiifamuuf baayʼee dhiphatu. Qaamni saalaa dhagna qabaa booda walitti qabsiifame daʼumsa dura kan baqaqfamu siʼa taʼu, daʼumsa boodammoo deebisee walitti qabsiifama. Kunimmoo hiddi dhiigaa akka cituufi ciniinsuun akka irra turu gochuu, akkasumas mucaa dhalaturratti miidhaa sammuu geessisuu dandaʼa.”
Barruun Niiwu Saayintiist jedhamu akka gabaasetti, “Namoonni baqaqsanii hodhuu saʼaatii dheeraa fudhatu yeroo raawwatanitti hidda dhiigaa kutaa qaama saalaa waan kutaniif dhiigni baayʼeen dhangalaʼee ijoollee durbaa duʼaaf saaxiluu dandaʼa. Ijoolleen kaanimmoo dhagna qabaa booda yeroo of wallaalanitti, namni gargaarsi akkamii godhamuufi akka qabu beeku waan hin jirreef, manni yaalaa fagoo waan taʼeef ykn namoonni baqaqsanii hodhuu sana raawwatan saalfachuusaaniitiin gargaarsa waan hin gaafanneef ni duʼu.”
Aadaa Amantii Dogoggoraarratti Hundaaʼe
Namoonni tokko tokko amantii dogoggoraa qaamni saalaa dubartootaa qulqulluu waan hin taaneef muramee qulqulleeffamuu qaba jedhu qabu. Qunnamtii saalaatiin gammaduu kan qaban dhiirota qofadha jedhanii yaadu. Dhagna qabaan dubartootaa dandeettii hormaataa guddisa, ejja raawwachuurraa nama eega, akkasumas intalli sun hiriyaa gaaʼelaa akka argatu ni gargaara jedhaniis ni amanu. Barruun Taayim jedhamu, “Dhugaasaa dubbachuuf garuu, qunnamtii saalaatiif fedhii dhabuuniifi maseenummaan sababa dhagna qabaatiin uumamu, abbootiin manaa hedduun haadha manaasaanii akka dhiisan gochaa jira” jedheera.
Namoonni walgaʼii Intar Afriikaan Koomitee Leegoos, Naayijeeriyaatti waggaa digdama dura geggeeffame tokkorratti argamaniifi yaada durba dhagna qabuun akka isheen addaggee hin taane godha jedhutti hin amanne, ijoollee xinnummaasaaniitii jalqabee amala gaarii barsiisuun caalaatti buʼa qabeessa taʼuusaa ibsaniiru. Gocha dogoggoraa ittisuun kan dandaʼamu barsiisuudhaani malee qaama muruudhaan miti. Fakkeenyaaf, ijoolleen yeroo guddatan hattuu akka hin taaneef jennee harkasaanii irraa muruu qabnaa? Yookiin wanta gadhee akka hin dubbanneef jennee arrabasaanii irraa murraa?
Abbaafi haati Naayijeeriyaa keessa jiraatan tokko intalasaanii dhagna qabsiisuu didan. Haati abbaa, intalattiin yeroo guddatu addaggee taati jedhanii waan sodaataniif baayʼee dheekkamanii turan. Intalattiin garuu ijoollummaasheetii kaastee seeraan waan guddatteef, qulqullummaashee eegdee jiraachuu dandeesseetti. Haala kanarraa faallaa taʼeen, ijoolleen maatiin kun beekaniifi warrisaanii amala gaarii akka qabaatan godhanii isaan hin guddisne tokko tokko, dhagna kan qabatan taʼus addaggee taʼaniiru. Amma akkoon intalattii, wanti barbaachisaa taʼe ijoollee dhagna qabsiisuu ykn dhiisuu utuu hin taʼin, seera Waaqayyo amalaaf baase isaan barsiisuu akka taʼe hubataniiru.
Ijoollee keenya kan jaallannu yoo taʼe rakkina dhagna qabaan jireenyasaaniirratti geessisu yaadna malee, karaa kamiiniyyuu gocha kana hin deggerru ykn hin jajjabeessinu. Hawaasa tokko tokko keessatti dhiibbaan namoonni gocha kana akka raawwataniif isaanirratti godhamu cimaa waan taʼeef, gocha kana mormuun ija jabina gaafata.
Walitti Dhufeenya Amantii Wajjin Qabu
Seenaan, walitti dhufeenya dhagna qabaan amantii wajjin qabu nuu mirkaneessa. Gochi kun jaarraawwan hedduu kan lakkoofsise siʼa taʼu, Yesus dhalachuusaa durayyuu Gibxii keessatti raawwatamaa ture. Hanga harʼaattis akaakuun dhagna qabaa baayʼee suukanneessaa taʼe dhagna qabaa Faraʼonotaa jedhamee waamama.
Naannoowwan tokko tokkotti, sirnawwan amantii durii kutaa qaama saalaa dubartootaa muruu wajjin kan wal qabatanidha. Abbaan taayitaa biyya Afriikaa tokkoo, sirni amantii adda taʼeefi waaqa abbootii durii wajjin walitti dhufeenya gochuuf gargaaru tokko jira. Waaqni kun yeroo ijoolleen durbaa dhagna qabatanitti akka isaan gargaaruufi ijoollee sanaaf ogummaa abbootiisaanii akka kennu kadhatama.—2 Qorontos 6:14-18 wajjin wal bira qabii ilaali.
Kiristiyaanonni dhugaan biyyoota dhagna qabaan itti raawwatamu keessa jiraatan, aadaa kana kan hin hordofne maaliif akka taʼe hubachuun rakkisaa miti. Yaadni dhagna qabaan dubartootaa barbaachisaa akka taʼe dubbatu Macaafa Qulqulluu keessa hin jiru. Uumaan keenya dubartoonni qophii gaaʼelaa keessatti saalqunnamtiidhaan akka gammadan godhee akka isaan uume ifadha. Dhagna qabaan dubartootaa, amala jaalalaa, namaaf gadduufi garraamummaa Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti ibsamee wajjin kan walsimu miti.—Efesoon 5:28, 29; Filiphisiiyus 4:5.
Hunda caalaammoo, Waaqa jaalalaa kan taʼe Yihowaan, gocha kanatti, akkasumas miidhaa gochi kun dubartootaafi ijoollee durbaa miliyoonaan lakkaaʼamanirra geessisutti ni gadda. Addunyaa haaraa rakkinni keessa hin jirre akka fidu waadaa nuu galuusaatti baayʼee gammadna!—Mulʼata 21:3, 4.
[Miiljalee]
a Dammaqaa! Waxabajjii 22, 1985 (Ingiliffa) baʼerraa mataduree, “Dhagna Qabaan Dubartootaa Maalif Raawwatama?” jedhu ilaali.
[Saanduqa fuula 11rra jiru]
Waaʼee Dhagna Qabaa Dhiirotaahoo Maal Jechuu Dandeenya?
Namoonni tokko tokko dhagna qabaan dhiirotaahoo kutaa qaamaa muruu mitii? jedhanii gaafatu taʼa. Macaafni Qulqulluun, yeroo tokko Waaqayyo dhiironni dhagna akka qabatan ajajee akka ture dubbata. Yeroo booda, gumiin Kiristiyaanaa yeroo hundeeffametti dhagna qabaan dhiirotaa dhowwamuu baatus dirqama taʼuunsaa hafeera. Namni tokko ofiisaas taʼe ilmaansaa dhagna qabsiisuu ykn dhiisuuf murteessuun isaaf kan dhiisamedha.
Yeroo harʼaa, dhagna qabaan dhiirotaa bakka hedduutti raawwatama. Gochi kun, kutaa qaamaa muruu kan dabalatu akka taʼe beekamaadha. Haataʼu malee, akkaataan gochi kun itti raawwatamu, akkaataa dhagna qabaan dubartootaa itti raawwatamuu wajjin tokko miti. Dhiironni sababii dhagna qabaatiin rakkinni hedduun isaanirra hin gaʼu. Haala kanarraa faalaa taʼeen, dhagna qabaan dubartootaa, dubartoonni umriisaanii guutuu yeroo laguutti, qunnamtii saalaarratti, daʼumsarratti, akkasumas yeroo fincaaʼanitti rakkinni akka isaan mudatu godha. Kana malees, rakkinni cimaan yeroo daʼumsaatti mudatu, qaama daaʼima dhalatuurratti miidhaa kan geessisu taʼuusaarrayyuu, daaʼimman dhalatan hedduun akka duʼan gochuu dandaʼa.
Dhiirri qaamni saalaasaas taʼe kan ilmasaa akka muramu gochuudhaan, yeroo qunnamtii saalaatti, akkasumas jireenyasaa guutuu keessatti rakkinaafi dhibeen garagaraa akka isa mudatu gochuu barbaadu jiraa? Dhagna qabaan dhiirotaafi dubartootaa gonkumaa tokko miti.
[Saanduqa fuula 13rra jiru]
Intalli Afriikaa Tokko Akkas Jetteetti
‘Yeroon dhagna qabadhe intala waggaa saddeetiin ture. Amma umriinkoo waggaa 11 taʼus, wanta narratti raawwatame sirriittan yaadadha. Waaʼeesaa yeroon yaadadhu baayʼee kan na aarsu siʼa taʼu, yeroo tokko tokko abjuu sodaachisaan arga. Yeroo baayʼee gammachuu kanan qabu taʼus, waaʼee kanaa yommuun yaadu garuu keessa kootti akkan duʼe natti dhagaʼama.
‘Jalqaba dhagna akkan qabadhu yeroo natti himan baayʼee gammadeen ture. Maatiinkoofi firoonnikoo kennaa hedduu naa kennuuf turan. Dhagna qabaan maal akka taʼee hin beekun ture, akkasumas rakkina narraan geessisa jedhee hin yaadne.
‘Gammachuunkoo garuu yeroo dheeraadhaaf hin turre. Booʼuu kanan jalqabe taʼuusaarrayyuu, baayʼeen sodaadhe. Dubartoonni afur harkaafi miillakoo qabanii turan. Dubartiin tokkommoo harkasheetiin afaankoo qabde. Harkaa baʼuuf yaalee kanan ture taʼus, humnaan waan na caalaniif dirqisiisanii gadi na deebisan. Baayʼee nama dhukkuba.
‘Yeroo albeedhaan kutaa qaamakoo muranitti garmalee dhiige. Wanti hammana nama dhukkubsu kan biraan jira jedhee hin yaadu. Sana booda hanqaaquufi shukkaara walitti makanii madaakootti diban. Achiis miillakoo walitti hidhan. Baatanii gara konkolaataatti na deebisan. Hamman mana gaʼutti booʼaan ture.’—Yaada gaazexaa Keeniyaa Za Istaandaard jedhamurraa fudhatame.