LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g16 Lakk. 5 ful. 7
  • Oduu Ameerikaa Irratti Xiyyeeffatu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Oduu Ameerikaa Irratti Xiyyeeffatu
  • Dammaqaa!—2016
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Miidhaa Irraa Bayyaannachuu
  • Yeroo Itti Iimeelii Ilaaltu Hirʼisuudhaan Dhiphina Hirʼisi
  • Yakka Biraaziil Keessa Jiru
  • Dhiphina Moʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Dammaqaa!—2020
  • Haala Dhiphisaa Mana Barumsaatti Na Mudatu Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Dhiphinni Maalidha?
    Dammaqaa!—2020
  • Baafata Mata Duree
    Dammaqaa!—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2016
g16 Lakk. 5 ful. 7
Qurxummii garba keessa jiru

ADDUNYAA MARA IRRAA

Oduu Ameerikaa Irratti Xiyyeeffate

Oduun Hemisfeera Lixaa irraa argame ogummaan Kitaaba Qulqulluu keessa jiru kan yeroon itti hin dabarre taʼuu isaa mirkaneessa.

Miidhaa Irraa Bayyaannachuu

Namni iimeelii isaa guyyaatti siʼa sadii ilaalu tasgabbii qaba; nama iimeelii isaa guyyaatti siʼa hedduu ilaalu immoo dhiphateera

Gabaasni Waldaa Eegumsa Bineensotaa akka argisiisutti, Beelizii fi naannoo Kaareebiyaanii kaanitti iddoo qabeenya uumamaatti fayyadamuun dhorkametti, “lakkoofsi bineensota bishaanii kan akka konchii, loobisterii fi qurxummii dabalaa jira.” Itti fufees akkana jedheera: “Sanyiiwwan dhumaa turan, iddoo itti kiyyeessamu irraa haala adda taʼeen, iddoo dhorkametti bayyaannachuuf waggaa 1-6 fudhata; guutummaatti bayyaannachuuf garuu . . . waggaa kudhaniin lakkaaʼamu fudhachuu dandaʼa.” Daayirektarri waldichaa, Jaaneet Giibsan, Beeliziin ilaalchisee, “Iddoon qabeenya uumamaatti fayyadamuun dhorkame qabeenya qurxummii fi lubbu qabeeyyii biyyattii ni guddisa” jetteetti.

WANTA IRRATTI YAADAMUU QABU: Uumamni bayyaannachuun isaa, Uumaan ogummaa qabu jiraachuu isaa hin argisiisuu?—Faarfannaa 104:24, 25.

Yeroo Itti Iimeelii Ilaaltu Hirʼisuudhaan Dhiphina Hirʼisi

Qoʼannaan Kaanaadaatti adeemsifame akka argisiisutti, namoonni iimeelii isaanii irra deddeebiʼanii ilaaluu mannaa guyyaatti siʼa sadii qofa yoo ilaalan dhiphina hirʼisuu ni dandaʼu. Kostadin Kushlev, inni qoʼannaa kana geggeesse akkana jedheera: “Namoonni iimeelii isaanii irra deddeebiʼanii ilaaluuf baayʼee kan qoraman taʼus, qorumsa kana moʼuun dhiphina isaanii hirʼisa.”

WANTA IRRATTI YAADAMUU QABU: ‘Yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ keessa waan jiraannuuf, karaa itti dhiphina hirʼisnu barbaaduu hin qabnuu?—2 Ximotewos 3:1.

Yakka Biraaziil Keessa Jiru

Dhaabbanni oduu Ashensiyaa Biraaziil jedhamu yakki Biraaziil keessatti dabalaa akka jiru gabaaseera. Bara 2012 tti lakkoofsi ajjeechaa 56,000 caaleera; kunis lakkoofsa waggaa tokko keessatti Ministeera Fayyaatiin hanga ammaatti galmeeffame keessaa isa guddaa dha. Ogeessi nageenya hawaasaa, Luyis Saaporiin ajjeechaan dabaluun isaa naamusni mancaʼuu isaa kan argisiisu akka taʼe amanu. Namoonni seeraaf kabaja yeroo dhaban “fedhii isaanii raawwachuuf humnatti fayyadamuu jalqabu” jedhaniiru.

KANA BEEKTAA? Kitaabni Qulqulluun yeroo itti jaalalli ‘qabbanaaʼuu’ fi hamminni itti dabalu akka dhufu ni dubbata. —Maatewos 24:3, 12.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi