LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g19 Lakk. 1 ful. 12-15
  • Mootummaa Waaqayyoo Jalatti “Nagaan ni Baayʼata”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mootummaa Waaqayyoo Jalatti “Nagaan ni Baayʼata”
  • Dammaqaa!—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • MOOTUMMAAN WAAQAYYOO KAN DHUFU YOOMI?
  • MOOTUMMAAN WAAQAYYOO LAFA KAN TOʼATU AKKAMITTI?
  • BULCHIINSA MOOTUMMICHAARRAA FAAYIDAA ARGACHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
  • Mootummaa Waaqayyoo Ilaalchisee Dhugaa Jiru
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Yesus Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo Maal Barsiise?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Mootummaa “Deebi’ee Matumaa Hin Badne”
    Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2019
g19 Lakk. 1 ful. 12-15
Namoonni Jannata keessa gammachuudhaan jiraachaa jiru

HAALLI RAKKISAAN GUUTUMMAATTI KAN FURAMU AKKAMITTI?

Mootummaa Waaqayyoo Jalatti “Nagaan ni Baayʼata”

Mootummaan Waaqayyoo, jechuunis mootummaan inni hundeessee fi yeroo dheeraadhaaf eegaa turre guutummaa lafaarratti nagaa fi tokkummaan akka jiraatu godha. Akkuma Faarfannaa 72:7 irratti waadaa galametti “nagaan ni baayʼata.” Maarree, Mootummichi guutummaa lafaa bulchuu kan jalqabu yoomi? Kana kan godhu akkamitti? Atoo bulchiinsa Mootummichaarraa faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti?

MOOTUMMAAN WAAQAYYOO KAN DHUFU YOOMI?

Kitaabni Qulqulluun taʼeewwan Mootummaan Waaqayyoo yeroo dhihootti akka dhufu argisiisan hedduu raajiidhaan ni dubbata. Taʼeewwan kun hundi walumatti “mallattoo” akka taʼanitti ibsamaniiru; isaanis waraana addunyaa maraa, beela, dhukkuba, kirkira lafaa hedduu fi hammina dabalaa dhufedha.​—Maatewos 24:3, 7, 12; Luqaas 21:11; Mulʼata 6:2-8.

Raajiin kan biraanimmoo akkana jedha: “Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu beeki. Sababiin isaas, namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, . . . warra isaaniitiif kan hin ajajamne, kan hin galateeffanne, amanamoo kan hin taane, jaalala kan hin qabne, walii galuuf fedhii kan hin qabne, maqaa kan balleessan, kan of hin toʼanne, gara jabeeyyii, wanta gaarii kan hin jaallanne, . . . boonuudhaan kan of bokoksan, Waaqa jaallachuu mannaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan taʼu.” (2 Ximotewos 3:1-4) Bara kamittiyyuu namoonni amaloota akkasii argisiisan muraasni jiru turan. Yeroo ammaatti garuu amala akkasii argisiisaa kan jiran namoota hedduudha.

Raajiiwwan kun raawwii isaanii argachuu kan jalqaban bara 1914​ttidha. Hayyoonni seenaa, namoonni siyaasaa fi barreessitoonni bara kana booda haalli addunyaa baayʼee akka jijjiirame dubbachuun isaanii sirriidha. Fakkeenyaaf, hayyuu seenaa biyya Deenmaarki kan taʼan Piitar Muunki akkana jedhanii barreessaniiru: “Waraanni bara 1914​tti kaʼe seenaa dhala namaa guutummaatti jijjiireera. Sana dura namoonni haalli addunyaa fooyyaʼaa akka deemu yaadu turan, . . . taʼus, bara iddoon hundi balaa, naasuu, jibbaa fi dhiphinaan guutame keessa jiraachaa jirra.”

Kan nama gammachiisu garuu, haalawwan kun erga raawwatamanii booda yeroon tasgabbiidhaan itti jiraannu ni dhufa. Taʼeewwan kun yeroon Mootummaan Waaqayyoo guutummaa lafaa itti bulchu akka dhihaate argisiisu. Yesuus yeroo mallattoo bara dhumaa dubbatetti wanta abdii namatti horu kanas dubbateera: “Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa.”​—Maatewos 24:14.

Misiraachoon kun ergaa Dhugaa Baatonni Yihowaa labsan isa guddaadha. Barreeffamni isaanii inni guddaan mata duree Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu jedhu qaba. Barreeffamni kun yeroo baayʼee wantoota gaggaarii Mootummaan Waaqayyoo ilmaan namootaatiifis taʼe lafaaf fidu ibsa.

MOOTUMMAAN WAAQAYYOO LAFA KAN TOʼATU AKKAMITTI?

Deebiinsaa dhugaawwan guguddaa arfan kana dabalata:

  1. Mootummaan kun geggeessitoota siyaasaa addunyaa kanaatiin kan geggeeffamu ykn kan bakka buufamu miti.

  2. Geggeessitoonni addunyaa aangoo isaanii dhiisuu waan hin barbaanneef gowwummaadhaan Mootummaa Waaqayyoo mormu.​—Faarfannaa 2:2-9.

  3. Mootummaan Waaqayyoo bulchitoota namoota toʼachuu isaanii itti fufuu barbaadan ni balleessa. (Daaniʼel 2:44; Mulʼata 19:17-21) Waraanni dhumaa addunyaa maratti geggeeffamu kun Armaagedoon jedhama.​—Mulʼata 16:14, 16.

  4. Namoonni Mootummaa Waaqayyootiif bitaman Armaagedoonirraa oolanii addunyaa haaraa nagaadhaan guutame keessa jiraatu. Isaan ‘tuuta uummataa guddaa’ Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame taʼu; lakkoofsi isaanii miliyoonaan kan lakkaaʼamu taʼuu hin oolu.​—Mulʼata 7:9, 10, 13, 14.

    MOOTUMMICHI MAAL RAAWWATA?

    Yesuus yeroo Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼu maal akka raawwatu yeroo lafarra jiraachaa turetti hamma tokko argisiiseera. Namoota dhukkubsatanii fi hirʼina qaamaa qaban fayyiseera. (Maatewos 4:23) Namoota kumaan lakkaaʼaman sooreera. (Maarqos 6:35-44) Humnoota uumamaa akka toʼatullee argisiiseera.​—Maarqos 4:37-41.

    Yesuus namoota isa biratti walitti qabaman barsiisaa jira

    Hunda caalaammoo, Yesuus namoonni nagaa fi tokkummaadhaan waliin jiraachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe barsiiseera. Namoonni gad of qabuudhaan barumsa isaa hojiirra oolchan amaloota Mootummaa isaa jalatti bara baraaf gammachuudhaan jiraachuuf isaan dandeessisan ni horatu. Barsiisaan kana galmaan gaʼuu dandaʼu kan biraan hin jiru. Barumsi Yesuus barsiisee fi kanaaf fakkeenya guddaa taʼu Lallaba Gaararraa isa Maatewos boqonnaa 5-7 irratti galmeeffamedha. Boqonnaawwan kana akka dubbistu si jajjabeessina. Yesuus jechoota salphaa taʼanitti fayyadame. Ergaan isaa garuu ogummaadhaan kan guutamee fi garaa namaa kan tuqudha.

BULCHIINSA MOOTUMMICHAARRAA FAAYIDAA ARGACHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

Tarkaanfiin Mootummaa Waaqayyoo jalatti buluuf fudhachuu qabnu inni jalqabaa barachuudha. Yesuus kadhannaa Waaqayyotti dhiheesserratti akkana jedheera: “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si Waaqa dhugaa isa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu.”​—Yohaannis 17:3.

Namoonni Yihowaa dhuunfaatti yeroo beekan faayidaa hedduu argatu. Isaan keessaa lamaan isaanii ilaali: Tokkoffaa, isarratti amantii cimaa qabaatu. Amantiin ragaarratti hundaaʼe akkasii Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa dhugumaan jiru akka taʼee fi dhiheenyatti lafa bulchuu akka jalqabu mirkanaaʼoo taʼuuf isaan gargaara. (Ibroota 11:1) Lammaffaa, jaalalli Waaqayyoo fi namootaaf qaban caalaatti cimaa deema. Jaalalli Waaqayyoof qaban garaadhaa isaaf ajajamuuf isaan kakaasa. Jaalalli namootaaf qaban gorsa Yesuus, “Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan, isinis akkanuma isaaniif godhaa” jechuudhaan kenne hojiirra oolchuuf isaan kakaasa.​—Luqaas 6:31.

Uumaan keenya akkuma abbaa jaalala qabeessa tokkoo wanta hundarra wayyu nuuf hawwa. Jireenya Kitaabni Qulqulluun “jireenya isa dhugaa” jedhee waamu akka argannu barbaada. (1 Ximotewos 6:19) Yeroo harʼaatti jiraachaa kan jirru “jireenya isa dhugaa” miti. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman jireenya ulfaataa taʼe jiraatu, lubbuudhaan itti fufuufillee waldhaansoo cimaa godhu. ‘Jireenyi inni dhugaan’ maal akka fakkaatu hamma tokko beekuuf wantoota dinqisiisoo Mootummaan Waaqayyoo namoota isa jalatti bulaniif raawwatu tokko tokko ilaali.

JIREENYA ISA DHUGAA

  • “Bara isaatti [yeroo Kiristoos Mootii taʼee bulchu] namni qajeelaan ni lalisa, . . . nagaan ni baayʼata. . . . Hamma andaara lafaattis namoota isaaf bitaman ni qabaata.”​—Faarfannaa 72:7, 8, 13, 14.

  • “[Waaqayyo] guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa. Iddaa ni cabsa, eeboos ni hurreessa.”​—Faarfannaa 46:9.

  • “Midhaan hedduun lafa irra ni jiraata; fiixee gaarotaa irrattis irraa hafaa ni taʼa.”​—Faarfannaa 72:16.

  • “Isaan manneen ni ijaaru, keessas ni jiraatu, mukeetii wayinii ni dhaabu, firii isaaniis ni nyaatu. Mana isaan ijaaran keessa namni kan biraan hin jiraatu, muka wayinii isaan dhaabanis namoonni kan biroon hin nyaatan. . . . Warri ani filadhes hojii harka isaaniitti guutummaatti ni gammadu.”​—Isaayyaas 65:21, 22.

  • “Dunkaanni Waaqayyoo namootaa wajjin jira . . . Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu.”​—Mulʼata 21:3, 4.

Namoonni Jannata keessa gammachuudhaan jiraachaa jiru

Bulchiinsa Mootummichaa jalatti namoonni nagaa fi tasgabbiidhaan jiraatu, nyaata hedduus ni qabaatu

QABXII IJOO

BARUMSI YESUUS NAMOONNI WANTA SIRRII TAʼE RAAWWACHUUF CIMINA AKKA QABAATAN GARGAARA. NAMOONNI BARUMSA ISAATIIF AJAJAMAN HUNDI MOOTUMMAA ISAA JALATTI TOKKUMMAA FI NAGAA DHUGAA QABAATANII JIRAATU

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi