LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g20 Lakk. 3 ful. 14-15
  • Furmaata Yeroo Hundumaaf Taʼu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Furmaata Yeroo Hundumaaf Taʼu
  • Dammaqaa!—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mootummaa Mudaa Hin Qabne
  • 1. Barumsa Sadarkaa Ol Aanaa Qabu Barsiisa
  • 2. Fayyisuu
  • 3. Bulchiinsa Gaarii
  • 4. Tokkummaa
  • Jibba Halaalaa—Si Qabeeraa?
    Dammaqaa!—2020
  • Akkuma Yihowaa fi Yesuus Tokkummaa Qaban, Hundi Keenya Tokkummaa haa Qabaannu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Halaalatti Nama Jibbuun Kan Hafu Yoomi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2020
g20 Lakk. 3 ful. 14-15
Namoonni umurii adda addaa qabanii fi sanyii gara garaa keessaa taʼan seeqaa jiru.

Furmaata Yeroo Hundumaaf Taʼu

Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman qajeelfamoota mata dureewwan darban irratti argaman hojii irra oolchuudhaan jibba halaalaa garaa isaanii keessaa baasuu irratti jijjiirama guddaa godhaniiru. Haa taʼu malee, ofuma keenyaan jibba halaalaa hundumaa guutummaatti balleessuu hin dandeenyu. Garuu abdii hin qabnu jechuudhaa?

Mootummaa Mudaa Hin Qabne

Mootummoonni ilmaan namootaa ilaalcha namoonni jibba halaalaatiif qaban jijjiiruu irratti seenaa gaarii hin qaban. Taʼus, kana jechuun mootummaan kam iyyuu jibba halaalaa balleessuu hin dandaʼu jechuudhaa?

Jibba halaalaa hambisuuf mootummaan tokko wantoota kana gochuu qaba

  1. 1. Namoonni ilaalchaa fi miira warra kaaniif qaban jijjiiruuf fedhii akka qabaatan kakaasuu.

  2. 2. Madaa warra kaan karaa sirrii taʼeen qabuun akka nutti ulfaatu godhan fayyisuu.

  3. 3. Bulchitoota amanamummaa cimaa qabanii fi lammiiwwan hundaaf ilaalcha wal fakkaatu qaban qabaachuu.

  4. 4. Namoota saba hundumaa tokko gochuu.

Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo bulchiinsa akkasii akka hundeesse nuuf mirkaneessa. Innis, “Mootummaa Waaqayyoo” jedhama.—Luq. 4:43.

Mee wanta mootummaan kun godhu ilaali.

1. Barumsa Sadarkaa Ol Aanaa Qabu Barsiisa

“Warri biyya lafaa irra jiraatan qajeelummaa in baru.”—ISAAYAAS 26:9.

“Iddoo qajeelummaan jiru nagaan jira, iji qajeelummaa birʼaa malee gabiitti jiraachuu dha.”—ISAAYAAS 32:17.

Kun maal jechuu dha? Mootummaan Waaqayyoo wanti sirrii taʼe maal akka taʼe namoota barsiisa. Namoonni wanta sirrii wanta dogoggora taʼe irraa, haqa jalʼina haqaa irraa adda baasanii yommuu baratan ilaalchi waliif qaban ni jijjiirama. Nama hundumaa jaallachuun wanta sirrii gochuu qaban akka taʼe namoonni hundi ni beeku.

2. Fayyisuu

Waaqayyo “imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”—MULʼATA 21:4.

Kun maal jechuu dha? Mootummaan Waaqayyoo cinqii jalʼina haqaatiin dhufe hunda ni balleessa. Warri kanaan dura jalʼinni haqaa isaan irratti raawwatame jibba qabaachuun isaan hin barbaachisu.

3. Bulchiinsa Gaarii

“Faraduudhaaf ijaan arguu, murtoo kennuudhaafis nama irraa dhaga’uu isa hin barbaachisu; warra dhabaniif qajeelummaadhaan in farada, gadadamoota lafa irraatiif murtoo qajeelaa in kenna.”—ISAAYAAS 11:3, 4.

Kun maal jechuu dha? Yesuus Kiristoos inni Mootii Mootummaa Waaqayyoo isa samii taʼe haqaan akkasumas loogii malee lafa irratti ni bulcha. Yesuus saba tokko isa kaan irra hin caalchisu, akkasumas namoonni lafa irra jiran hundi seerawwan isaa akka baratan godha.

4. Tokkummaa

Mootummaan Waaqayyoo namoonni, ‘yaada tokkoo fi jaalala tokko akka qabaatan, guutummaatti tokkummaa akka qabaatan, akkasumas ilaalcha tokko akka qabaatan’ barsiisa.—FILIPHISIYUS 2:2.

Kun maal jechuu dha? Tokkummaan lammiiwwan Mootummaa Waaqayyoo qaban, tokko akka taʼan fakkaachuu irra ni caala. Dhugumaan waan wal jaallataniif ‘guutummaatti tokkummaa qabaatu.’

Namni tokko mootummaan akkasii jiraachuu dandaʼa jedhee amanuuf sababa qabaa?

Eeyyee, garuu jalqaba ragaa jiru qorachuu qaba. Qorannaa kana akka gootu karaa sadiin si afeerra:

  • Mootummaan Waaqayyoo abdiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman dhiheenyatti akka raawwatu Dhugaa Baatuun tokko akka sitti argisiisu gaafadhu.

  • Jw.org/om, irraa BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU > DEEBII GAAFFII KITAABA QULQULLUU > MOOTUMMAA WAAQAYYOO jedhu jalaa ilaali.

  • Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamiitii jaalalaa fi tokkummaa isaan qaban ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi