Rakkinni kan Nu Irra Gaʼu, kan Dulloomnuu fi kan Duunu Maaliifi?
Uumaan keenya akka ijoollee isaatti nu ilaala. Kanaafuu, rakkinni akka nu irra gaʼu hin barbaadu. Taʼus, hunda keenya irra iyyuu rakkinni gaʼaa jira. Kun kan taʼe maaliifi?
Rakkinaaf kan Nu Saaxilan Warra Keenya Jalqabaa Ti
“Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale, duutis karaa cubbuu dhufe; kanaafuu, . . . duuti namoota hundumaa waliin gaʼe.”—ROOMAA 5:12.
Waaqayyo warra keenya jalqabaa kan taʼan Addaamii fi Hewaan sammuu fi qaama mudaa hin qabne akka qabaatan godhee uume. Lafa irrattis jannata iddoo biqiltuu Eedan jedhamu isaaniif qopheessee ture. Muka tokko irraa kan hafe mukeetii iddoo biqiltuu sana keessa jiran hundumaa irraa nyaachuu akka dandaʼan isaaniitti himee ture. Haa taʼu malee, Addaamii fi Hewaan muka dhowwame sana irraa nyaachuudhaan cubbuu hojjetan. (Uumama 2:15-17; 3:1-19) Waaqayyo hiriyoota gaaʼelaa hin ajajamne kana iddoo biqiltuu sana keessaa ariʼe; sana booda jireenyi isaanii hammaachaa deeme. Yeroo booda, hiriyoonni gaaʼelaa kun ijoollee godhatan; ijoolleen isaanis akkuma isaanii jireenya rakkinaan guutame jiraachuu jalqaban. Hundi isaanii iyyuu dulloomanii duʼan. (Uumama 3:23; 5:5) Nutis isaan irraa waan dhalanneef ni dhukkubsanna, ni dulloomna, akkasumas ni duuna.
Maleekota Hamoodhaan kan Kaʼes Rakkinni Nu Irra Gaʼa
“Guutummaan addunyaa . . . humna isa hamaa sanaa jala jira.”—1 YOHAANNIS 5:19.
“Isa hamaa sana” kan jedhame Seexana dha. Seexanni uumama hafuuraa Waaqayyo irratti fincile dha. (Yohaannis 8:44; Mulʼata 12:9) Yeroo booda, uumamawwan hafuuraa kan biroonis Seexana deggeraniiru. Isaanis jinniiwwan jedhamu. Uumamawwan hafuuraa hamoo taʼan kun namoota gowwoomsuudhaan Uumaa isaanii irraa isaan fageessu. Wanta hamaa akka raawwatan namoota hedduu irratti dhiibbaa godhaniiru. (Faarfannaa 106:35-38; 1 Ximotewos 4:1) Seexannii fi jinniiwwan namoota dhiphisuu fi rakkina isaanitti fiduun isaan gammachiisa.
Yeroo Tokko Tokko Immoo Ofuma Keenyaan Rakkina Ofitti Fidna
“Namni waanuma facaase sana haammata.”—GALAATIYAA 6:7.
Cubbuu dhaallee fi dhiibbaa Seexanni addunyaa kana irraan geessisuun kan kaʼe hunda keenya irra iyyuu rakkinni ni gaʼa. Yeroo tokko tokko garuu namoonni ofuma isaaniitiin rakkina ofitti dabalu. Akkamitti? Wanta gaarii hin taane raawwachuun isaanii ykn murtoo sirrii hin taane gochuun isaanii yeroo baayʼee rakkina isaanitti fida. Karaa kan biraatiin immoo, namoonni yeroo wanta gaarii raawwatan buʼaa gaarii argatu. Fakkeenyaaf, namni abbaa manaa fi abbaa taʼe tokko amanamaa, jabaatee kan hojjetuu fi maatii isaa kan jaallatu yoo taʼe buʼaawwan gaggaarii hedduu ni argata, maatii isaas ni gammachiisa. Qumaara kan taphatu, garmalee kan dhugu ykn dhibaaʼaa yoo taʼe garuu, ofittis taʼe maatii isaatti hiyyummaa fida. Kanaafuu, Uumaa keenyaaf ajajamuun keenya nu fayyada. Inni “nagaa hedduu” dabalatee wantoota gaggaarii akka argannu barbaada.—Faarfannaa 119:165.
“Guyyoota Dhumaa” Keessa Jirra
“Guyyoota dhumaatti . . . , namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, . . . warra isaaniitiif kan hin ajajamne, . . . kan of hin toʼanne, gara jabeeyyii, wanta gaarii kan hin jaallanne . . . taʼu.”—2 XIMOTEWOS 3:1-5.
Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun amalawwan raajiidhaan dubbataman kana argisiisaa jiru. Amalawwan isaan argisiisan “guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa akka jirru caalaatti nuuf mirkaneessu. Kitaabni Qulqulluun bara keenyatti waraanni, hanqinni nyaataa, kirkirri lafaa ciccimaanii fi dhukkubni akka jiraatu raajii dubbateera. (Maatewos 24:3, 7, 8; Luqaas 21:10, 11) Wantoonni kun rakkina hedduu fi duʼa fidaniiru.