LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g21 Lakk. 1 ful. 10-11
  • Rakkinni kan Nu Irra Gaʼu, kan Dulloomnuu fi kan Duunu Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Rakkinni kan Nu Irra Gaʼu, kan Dulloomnuu fi kan Duunu Maaliifi?
  • Dammaqaa!—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Rakkinaaf kan Nu Saaxilan Warra Keenya Jalqabaa Ti
  • Maleekota Hamoodhaan kan Kaʼes Rakkinni Nu Irra Gaʼa
  • Yeroo Tokko Tokko Immoo Ofuma Keenyaan Rakkina Ofitti Fidna
  • “Guyyoota Dhumaa” Keessa Jirra
  • Hammeenyii fi Rakkinni kan Jiraate Maaliifi?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Rakkinni Kan Baayʼate Maaliifi?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu Maaliif Heyyame?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2021
g21 Lakk. 1 ful. 10-11
Namoonni hiyyummaa keessa jiran wantoota qaban muraasaan jiraachuuf carraaqqii gochaa jiru.

Rakkinni kan Nu Irra Gaʼu, kan Dulloomnuu fi kan Duunu Maaliifi?

Uumaan keenya akka ijoollee isaatti nu ilaala. Kanaafuu, rakkinni akka nu irra gaʼu hin barbaadu. Taʼus, hunda keenya irra iyyuu rakkinni gaʼaa jira. Kun kan taʼe maaliifi?

Rakkinaaf kan Nu Saaxilan Warra Keenya Jalqabaa Ti

“Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale, duutis karaa cubbuu dhufe; kanaafuu, . . . duuti namoota hundumaa waliin gaʼe.”—ROOMAA 5:12.

Waaqayyo warra keenya jalqabaa kan taʼan Addaamii fi Hewaan sammuu fi qaama mudaa hin qabne akka qabaatan godhee uume. Lafa irrattis jannata iddoo biqiltuu Eedan jedhamu isaaniif qopheessee ture. Muka tokko irraa kan hafe mukeetii iddoo biqiltuu sana keessa jiran hundumaa irraa nyaachuu akka dandaʼan isaaniitti himee ture. Haa taʼu malee, Addaamii fi Hewaan muka dhowwame sana irraa nyaachuudhaan cubbuu hojjetan. (Uumama 2:15-17; 3:1-19) Waaqayyo hiriyoota gaaʼelaa hin ajajamne kana iddoo biqiltuu sana keessaa ariʼe; sana booda jireenyi isaanii hammaachaa deeme. Yeroo booda, hiriyoonni gaaʼelaa kun ijoollee godhatan; ijoolleen isaanis akkuma isaanii jireenya rakkinaan guutame jiraachuu jalqaban. Hundi isaanii iyyuu dulloomanii duʼan. (Uumama 3:23; 5:5) Nutis isaan irraa waan dhalanneef ni dhukkubsanna, ni dulloomna, akkasumas ni duuna.

Maleekota Hamoodhaan kan Kaʼes Rakkinni Nu Irra Gaʼa

“Guutummaan addunyaa . . . humna isa hamaa sanaa jala jira.”—1 YOHAANNIS 5:19.

“Isa hamaa sana” kan jedhame Seexana dha. Seexanni uumama hafuuraa Waaqayyo irratti fincile dha. (Yohaannis 8:44; Mulʼata 12:9) Yeroo booda, uumamawwan hafuuraa kan biroonis Seexana deggeraniiru. Isaanis jinniiwwan jedhamu. Uumamawwan hafuuraa hamoo taʼan kun namoota gowwoomsuudhaan Uumaa isaanii irraa isaan fageessu. Wanta hamaa akka raawwatan namoota hedduu irratti dhiibbaa godhaniiru. (Faarfannaa 106:35-38; 1 Ximotewos 4:1) Seexannii fi jinniiwwan namoota dhiphisuu fi rakkina isaanitti fiduun isaan gammachiisa.

Yeroo Tokko Tokko Immoo Ofuma Keenyaan Rakkina Ofitti Fidna

“Namni waanuma facaase sana haammata.”—GALAATIYAA 6:7.

Cubbuu dhaallee fi dhiibbaa Seexanni addunyaa kana irraan geessisuun kan kaʼe hunda keenya irra iyyuu rakkinni ni gaʼa. Yeroo tokko tokko garuu namoonni ofuma isaaniitiin rakkina ofitti dabalu. Akkamitti? Wanta gaarii hin taane raawwachuun isaanii ykn murtoo sirrii hin taane gochuun isaanii yeroo baayʼee rakkina isaanitti fida. Karaa kan biraatiin immoo, namoonni yeroo wanta gaarii raawwatan buʼaa gaarii argatu. Fakkeenyaaf, namni abbaa manaa fi abbaa taʼe tokko amanamaa, jabaatee kan hojjetuu fi maatii isaa kan jaallatu yoo taʼe buʼaawwan gaggaarii hedduu ni argata, maatii isaas ni gammachiisa. Qumaara kan taphatu, garmalee kan dhugu ykn dhibaaʼaa yoo taʼe garuu, ofittis taʼe maatii isaatti hiyyummaa fida. Kanaafuu, Uumaa keenyaaf ajajamuun keenya nu fayyada. Inni “nagaa hedduu” dabalatee wantoota gaggaarii akka argannu barbaada.—Faarfannaa 119:165.

“Guyyoota Dhumaa” Keessa Jirra

“Guyyoota dhumaatti . . . , namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, . . . warra isaaniitiif kan hin ajajamne, . . . kan of hin toʼanne, gara jabeeyyii, wanta gaarii kan hin jaallanne . . . taʼu.”—2 XIMOTEWOS 3:1-5.

Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun amalawwan raajiidhaan dubbataman kana argisiisaa jiru. Amalawwan isaan argisiisan “guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa akka jirru caalaatti nuuf mirkaneessu. Kitaabni Qulqulluun bara keenyatti waraanni, hanqinni nyaataa, kirkirri lafaa ciccimaanii fi dhukkubni akka jiraatu raajii dubbateera. (Maatewos 24:3, 7, 8; Luqaas 21:10, 11) Wantoonni kun rakkina hedduu fi duʼa fidaniiru.

Nagaa Sammuu Argadheera

“Umurii koo waggaa 19⁠tti nan naafadhe; kunis kan na irra gaʼe balleessaan dhalachuu koo dura raawwadheen kan kaʼe akka taʼe natti himamaa ture. Kanaan kan kaʼes, abdii kutadheen ture. Waaqayyo ilmaan namootaa irratti rakkina akka fidu natti himamaa ture. Waaqa gara jabeessa akkasii akkamittan jaallachuu dandaʼa? Kitaaba Qulqulluu ergan qoradhee booda garuu Uumaan keenya akka nuuf yaadu hubadheera; akkasumas rakkina nu irra gaʼuuf kan itti gaafatamu qaama hafuuraa hamaa Seexana jedhamu akka taʼe baradheera. Waaqayyo Seexanas taʼe rakkina inni fide hundumaa dhiheenyatti akka balleessus baradheera. Amma Waaqa baayʼee gaarii taʼe kana baayʼeen jaalladha. Nagaa sammuus argadheera.”—Sanjaa.

Sanjaa.

Caalaatti baradhu:

Rakkina dandamachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe odeeffannoo dabalataa argachuuf, jw.org/om irraa BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU > DEEBII GAAFFII KITAABA QULQULLUU > RAKKINA jedhu jalaa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi