LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g21 Lakk. 3 ful. 6-7
  • Lubbu Qabeeyyiirraa Maal Baranna?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Lubbu Qabeeyyiirraa Maal Baranna?
  • Dammaqaa!—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Uumamani Wal Xaxaa hin Taane Jiraa?
    Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Deebii Argachuu Qaban Shan
  • Jireenyi kan Argame Akkamitti?
    Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Deebii Argachuu Qaban Shan
  • Dandeettii Qoqqoodamuu Seelii
    Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Waaqayyo Jiraachuusaa
    Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
Dammaqaa!—2021
g21 Lakk. 3 ful. 6-7
Seelii raacitii.

Seeliin raacitii baayʼee wal xaxaa dha. Niwukilasii DNA of keessatti qabate, akkasumas karaa keemikaalota caccabsee gara nyaataatti itti jijjiiru qaba. Nyaanni kun immoo jiraachuu isaa itti fufuuf isa barbaachisa.

Lubbu Qabeeyyiirraa Maal Baranna?

Lubbu qabeeyyiin naannoo keenyatti argaman ni guddatu, ni sochoʼu, akkasumas wal horu. Pilaaneetiin keenya baayʼee miidhagduu akka taatu godhaniiru. Yeroo harʼaatti ilmaan namootaa yeroo kamiyyuu caalaa waaʼee lubbu qabeeyyii wanta baayʼee beeku. Lubbu qabeeyyii irraa waaʼee madda jireenyaa maal baranna? Mee haa ilaallu.

Lubbu qabeeyyiin wal xaxoo taʼuun isaanii qaamni isaan tolche akka jiru argisiisa. Lubbu qabeeyyiin wantoota ijaan hin mulʼannee fi seelii jedhaman irraa tolfaman. Tokkoon tokkoon seelii, lubbu qabeeyyiin jiraachuu isaanii fi wal horuu isaanii akka itti fufaniif wantoota wal xaxoo taʼan hedduu raawwatu. Seelonni lubbu qabeeyyii kamiyyuu keessatti argaman, hojiiwwan wal xaxoo taʼan akkasii ni raawwatu. Mee raacitii isa orgaanizimii seel qeenxee taʼe akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Seeliin raacitii seelii namaa wajjin yeroo wal bira qabamu wal xaxaa fakkaachuu dhiisuu dandaʼa. Garuu baayʼee wal xaxaa dha. Seelonni raacitii niwukilasii akka gaariitti qindaaʼe qabu, niwukilasiin sun immoo DNA of keessaa qaba. Kana malees, tokkoon tokkoon seelii karaa keemikaalota caccabsee gara nyaataatti itti jijjiiru qabu. Nyaanni kun immoo jiraachuu isaanii itti fufuuf isaan barbaachisa. Seeliin raacitii tokko wanta sooratu yeroo dhabutti, adeemsa keemikaalaa wal xaxaa taʼee fi sochii isaa hirʼisaa akka deemu godhu jalqabsiisa. Raacitiin yeroo dheeraadhaaf erga kaaʼamee booda yeroo buddeena tolchuuf itti fayyadamanitti sochii isaa kan jalqabu kanaafi.

Saayintistoonni seelota ilmaan namootaa caalaatti hubachuu akka dandaʼaniif, seelota raacitii irratti waggoota hedduudhaaf qorannaa geggeessaniiru. Taʼus, amma iyyuu wanti isaan hin hubanne hedduun jira. Yunivarsiitii Teknooloojii Kaarmarsi isa Siwiidinitti argamutti piroofeesara kan taʼan Roos Kiingi, “Akkaataa raacitiin itti hojjetu hubachuuf illee ogeessota baayooloojii qorannaa barbaachisu gaggeessan gahaa hin qabnu” jechuudhaan gadda isaanii ibsaniiru.

Maarree, maal sitti fakkaata? Seeliin raacitii illee baayʼee wal xaxaa taʼuu isaa yeroo yaaddu qaamni isa tolche akka jiru sitti hin dhagaʼamuu?

Jireenyi wanta jireenya hin qabne irraa dhufuu hin dandaʼu. DNAn molekiyuloota nukilootaayid jedhaman irraa argama. Tokkoon tokkoon seelii namaa nukilootaayidii biliyoona 3.2 qaba. Waltaʼiinsi keemikaalotaa kun koodii tokko uuma. Koodiin kun immoo inzaayimoonnii fi pirootinoonni akkamitti akka qopheeffaman seelotaaf mallattoo kenna.

Saayintistoonni akka jedhanitti nukilootaayidoonni kun yeroo tiriiliyoonaan lakkaaʼamuuf utuu walitti dhufanii illee, DNA uumuu kan dandaʼan siʼa tokko qofa dha. Wanti akkasii immoo wanta taʼuu hin dandeenye dha jechuun ni dandaʼama.

Saayintistoonni wantoota jireenya hin qabne irraa matumaa jireenya argamsiisuu hin dandeenye.

Jireenyi namaa baayʼee adda dha. Nuti ilmaan namootaa uumamawwan kaan irraa karaa adda taʼeen amalawwan jireenyatti gammaduuf nu dandeessisan qabna. Dandeettii waa uumuu, jireenya hawaasummaa, akkasumas dandeettii miira keenya ibsuu qabna. Dhandhamawwan, fooliiwwan, sagaleewwan, halluuwwanii fi wantoota ijaan mulʼatan garaa garaa guutummaatti adda baafachuu ni dandeenya. Egeree keenya ilaalchisee karoora baafanna, akkasumas jireenyatti gammaduuf carraaqqii goona.

Maal sitti fakkaata? Amalawwan kun jiraachuu fi wal horuu keenya itti fufuuf waan nu barbaachisaniif jijjiirama tirannaatiin nu keessatti uumamanii? Moo jireenyi kennaa Uumaa jaalala qabeessa taʼe biraa argame akka taʼe argisiisu?

Roobootii Adaam jedhamuu fi seelii raacitii qorachuuf kalaqame

Roobootiin Adaam jedhamu kun guddinni isaa hamma konkolaataa feʼumsaa xinnoo gaʼa. Firiijii tokko, harka roobootii, kaameeraawwan, akkasumas kompiitaroota afur qaba. Maashiniin wal xaxaa taʼe kun kan qophaaʼe toʼannaa namootaa malee seelii raacitii irratti qorannaa geggeessuufi.

Saayintistii roobootii Adaam jedhamuu fi seelii raacitii qorachuuf kalaqame bira dhaabbattee jirtu.

Roobootiin Adaam jedhamu kun akkuma tasaa akka argamee fi namni tolche akka hin jirre utuu sitti himamee ni amantaa? Akka hin amanne beekamaa dha. Seelonni lubbu qabeeyyii baayʼee wal xaxoo hin fakkaanne illee roobootii caalaa wal xaxoo dha. Roobootiin tokko qaamni isa kalaqu erga isa barbaachisee seelonni lubbu qabeeyyii hoo qaamni isaan tolche jiraachuu hin qabuu?

Fakkeenyota ajaaʼibsiisoo diizaayinii uumamaa argisiisan ilaali. Mata dureewwanii fi viidiyoowwan kutaa “Qaamni Kana Tolche Jiraa?” jedhu jalatti argaman jw.org/om irraa barbaadi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi