LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g22 Lakk. 1 ful. 4-6
  • 1 Fayyaa Kee Eeggadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 1 Fayyaa Kee Eeggadhu
  • Dammaqaa!—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
  • Wanta Beekuu Qabdu
  • Wanta Amma Gochuu Dandeessu
  • Dhukkuba Akka Tasaa Mudatu Dandamachuu
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Fayyaa Qaamaa
    Dammaqaa!—2019
  • Yaalii Fayyaa Yommuu Gootan Ilaalcha Waaqayyoo Qabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Dhiphina Moʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Dammaqaa!—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2022
g22 Lakk. 1 ful. 4-6
Nyaatawwan fayyaadhaaf gaarii taʼan garaagaraa.

ADDUNYAA TASGABBII HIN QABNE

1 | Fayyaa Kee Eeggadhu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Balaanis taʼe rakkinni garaa garaa fayyaa namootaarratti karaa adda addaatiin dhiibbaa geessisuun isaa hin oolu.

  • Yommuu rakkinni cimaan uumamu namoonni ni dhiphatu; yeroo dheeraadhaaf dhiphachuun isaaniimmoo salphaatti dhukkubaan akka qabaman gochuu dandaʼa.

  • Rakkinni tokko gaʼuun isaa hospitaalonni yaalii fayyaa gaarii taʼe akka hin kennine gufuu isaanitti taʼuu dandaʼa; kunis kan taʼu al takkaatti dhukkubsattoota hedduu yaaluun waan isaan barbaachisuuf, akkasumas hanqinni qorichaa waan isaan mudatuufi.

  • Rakkinni akkasii rakkina diinagdee namootarraan waan geessisuuf, nyaata madaalamaas taʼe qoricha argachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa.

Wanta Beekuu Qabdu

  • Dhukkubni cimaanii fi dhiphinni sammuu murtoo gaarii akka hin goone dhiibbaa sirratti godha; kunimmoo wantoota fayyaa keetiif barbaachisan akka dagattu gochuu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes, caalaatti dhukkubsachuu dandeessa.

  • Dhukkubsattee yaalii fayyaa yoo argachuu baatte, dhukkubni kee caalaatti hammaachuu dandaʼa, duʼaafillee saaxilamuu dandeessa.

  • Fayya buleessa yoo taate, haala rakkisaa keessattillee murtoo gaarii gochuun sitti hin ulfaatu.

  • Sooressas taate hiyyeessa fayyaa kee eeggachuuf tarkaanfiiwwan tokko tokko fudhachuu ni dandeessa.

Wanta Amma Gochuu Dandeessu

Namni ogeessi tokko balaawwan gaʼuu dandaʼan dursee yaaduudhaan irraa of eeguuf wanta dandaʼu godha. Fayyaa keenya eeggachuufis kana gochuun keenya barbaachisaadha. Yeroo baayʼee qulqullina kee eeggachuudhaan carraa dhukkubaaf itti saaxilamtu hirʼisuu ykn dhukkubichi akka sitti hin hammaanne gochuu ni dandeessa. Dhukkubsatanii qoricha fudhachuurra dhukkubaaf akka hin saaxilamne dursanii of eeggachuu wayya.

“Ofii keenyas taʼe mana keenya qulqullinaan qabuudhaan maallaqa yaaliidhaafis taʼe qorichaaf baasnu qusachuu dandeenya.”—Andiriyaas.a

a Barruu kana keessatti maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

DANDAMACHUU NI DANDEESSA—AKKAMITTI? Gorsa Gaarii

Yeroo haalli rakkisaan jiraatutti, fayyaa kee eeggachuuf tarkaanfiiwwan kana fudhadhu

QULQULLINA KEE EEGGADHU

Namichi tokko alatti harka isaa bishaanii fi saamunaadhaan dhiqachaa jira.

Qulqullina Kee Eeggadhu

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata.” (Fakkeenya 22:3) Wantoota fayyaa kee balaadhaaf saaxilan dursitee hubachuudhaan irraa of eeguuf yaali.

  • Yeroo hunda harka kee bishaanii fi saamunaadhaan dhiqadhu; keessumaa nyaata tuquu kee duraa fi mana fincaaniitii erga deebitee booda kana gochuun kee barbaachisaadha.

  • Mana kee yeroo hunda qulqulleessi; iddoo fi miʼa tuttuqaan itti baayʼatu irra deddeebiʼii qulqulleessi.

  • Hamma siif dandaʼame namoota dhukkuba daddarbaadhaan qabamanirraa fagaadhu.

NYAATA MADAALAMAA SOORADHU

Nyaatawwan fayyaadhaaf gaarii taʼan garaagaraa.

Nyaata Madaalamaa Sooradhu

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni qaama ofii jibbu tokko illee hin jiru; kanaa mannaa, ni soora, akkasumas ni kunuunsa.” (Efesoon 5:29) Wanta soorannu of eeggannoodhaan filachuudhaan qaama keenya akka jaallannu argisiisna.

  • Bishaan baayʼee dhugi.

  • Muduraa fi kuduraa garaa garaa sooradhu.

  • Cooma, soogiddaa fi sukkaara hin baayʼisin.

  • Tamboo hin xuuxin, dhugaatii alkoolii hin baayʼisin, qoricha sammuu namaa hadoochus hin fudhatin.

“Dhukkubarraa of eeguuf yeroo hundumaa nyaata madaalamaa soorachuuf yaalla; yoo kana gochuu baanne maallaqa xinnoo argannu yaalii fayyaa fi qorichaaf baasuun keenya hin oolu. Kanaafuu, maallaqa keenya nyaata madaalamaa bitachuuf oolchina.”—Kaarlos.

SOCHII QAAMAA GODHI, AKKASUMAS SIRRIITTI BOQODHU

Namichi tokko karaarra fiigaa jira.

Sochii Qaamaa Godhi

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Hojii cimaa hammaarraa lama irra boqonnaa hammaarraa tokko wayya; kun bubbee duukaa fiiguu wajjin tokko dha.” (Lallaba 4:6) Hojii hojjechuu qabna, garuu boqonnaanis nu barbaachisa.

  • Yeroo hunda sochii qaamaa godhi. Tarii guyyaa guyyaadhaan miilaan deemuudhaan jalqabuu dandeessa. Maanguddoo yoo taate, hirʼina qaamaa ykn dhukkuba cimaa yoo qabaattellee sochii qaamaa gochuun kee haala fayyaa kee fooyyessuu dandaʼa.

  • Shamarreen takka rafaa jirti.

    Sirritti Boqodhu

    Sirriitti boqodhu. Hirriba gaʼaa yoo argachuu baatte dhiphachuu fi yaada kee sassaabbachuuf rakkachuu dandeessa. Oolee buleemmoo dhibee fayyaa cimaa taʼeef si saaxiluu dandaʼa.

  • Saʼaatii itti raftu murteessi, achiis saʼaatii sana eeguuf yaali. Yeroo hunda saʼaatii wal fakkaataatti rafuu fi hirribaa kaʼuuf yaali.

  • Siree keessa ciistee televizyinii hin ilaalin ykn moobaayilii hin fayyadamin.

  • Rafuu kee dura baayʼee hin nyaatin, wanta nama dammaqsu ykn dhugaatii alkoolii hin dhugin.

“Hirriba gaʼaa argachuu fi dhiisuun koo fayyaa koorratti dhiibbaa guddaa akka qabu hubadheera. Hirriba gaʼaa yoon argachuu baadhe yeroo tokko tokko mataan na bowwaafata, akkasumas dhukkubbiitu natti dhagaʼama. Akka gaariitti yoon rafe garuu miira gaariin qabaadha, wanta hojjechuun na barbaachisu hojjechuufis qophaaʼaa akkan taʼe natti dhagaʼama. Humna baayʼeen qabaadha, yeroo baayʼees hin dhukkubsadhu.”—Jastiin.

Fakkii viidiyoo “Yeroo Weerarri Vaayirasii Uumamutti Maal Gochuu Dandeessa?” jedhamurraa fudhatame. Dubartiin takka vaayirasiin koronaa akka galu balbala ishii banaa jirti.

CAALAATTI BARADHU. Viidiyoo Yeroo Weerarri Vaayirasii Uumamutti Maal Gochuu Dandeessa? jedhamu ilaali. Mata duree viidiyoo kanaa jw.org/om irraa barbaadi. Mata duree, “Karaawwan Fayyaa Kee Fooyyessuu Itti Dandeessu” (Amaariffa) jedhamus dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi