LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 8
  • Namoota Dhedheeroofi Humna Guddaa Qaban

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namoota Dhedheeroofi Humna Guddaa Qaban
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Fincila Samii Irratti Kaʼe
    Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
  • Ergamoota—“hafuurota Nama Tajaajilan”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Gargaarsa Ergamoota Waaqayyoorraa Argamu
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Isaa Maali Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 8

SEENAA 8

Namoota Dhedheeroofi Humna Guddaa Qaban

NAMNI hojjaansaa hamma baaxii mana keessanii ga’u fuuldura keetii utuu sitti dhufee maaltu sitti dhaga’ama? Namni akkasii kun dheeraafi humna guddaa kan qabu ta’uu qaba! Bara duriitti, namoonni baay’ee dhedheeroofi humna guddaa qaban lafarra turaniiru. Macaafni Qulqulluun, abbootiinsaanii ergamoota samiirraa gara lafaa dhufan akka turan ibsa. Haata’u malee, wanti kun attamitti ta’uu danda’a?

Ergamaa hamaa kan ta’e Seexanni, rakkina uumuuf oliif gad akka fiigaa ture yaadadhu. Ergamoonni Waaqayyoollee utuu hin hafin hamoo akka ta’an gochuu yaalaa ture. Ergamoota kana keessaa warri tokko tokko yeroo booda Seexana dhaggeeffachuu jalqaban. Hojii Waaqayyo samiirratti akka hojjetan kenneef hojjechuu ni dhaaban. Achiis, gara lafaa dhufanii qaama namaa uffatan. Maaliif akka ta’e beektaa?

Macaafni Qulqulluun, Ijoolleen Waaqayyoo dubartoota mimmiidhagoo lafarratti akka arganiifi isaanii wajjin jiraachuuf jechas akka akkas godhan dubbata. Kanaaf, gara lafaa dhufuudhaan durboota kana fuudhan. Waaqayyo ergamoota kan uume samiirra akka jiraataniif waan ta’eef, Macaafni Qulqulluun gochisaanii kun akka dogoggora ta’e dubbata.

Ergamoonni kuniifi haati manaasaanii ijoollee kan godhatan yeroo ta’u, ijoolleensaanii kunis adda turani. Jalqabarratti baay’ee adda hin turre ta’a. Haata’u malee, guddachaafi jabaachaa adeemuudhaan, baay’ee dhedheeroofi humna guddaa kan qaban ta’ani.

Namoonnii dhedheeroofi humna guddaa qaban kun hamoota turani. Namoonni dhedheeroofi humna guddaa qaban kun hamoota waan ta’aniif, namootarra miidhaa geessisu turani. Namni hundinuu akkumasaanii hamaa akka ta’u ni dirqisiisu turan.

Henok yoo du’eyyuu, namni gaariin tokko lafarra jira ture. Namichi kun Nohi jedhama. Yeroo hundumaa, wanta Waaqayyo isa ajaje raawwata ture.

Gaaf tokko Waaqayyo, yeroo Inni itti namoota hamoo ta’an hundumaa balleessu ga’uusaa Nohitti hime. Haata’u malee, Waaqayyo, Nohi, maatiisaafi bineensota baay’ee oolchuuf yaadeera. Waaqayyo wanta kana attamitti akka godhu mee haa ilaallu.

Uumama 6:1-8; Yihudaa 6.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi