LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • sp ful. 8-10
  • Fincila Samii Irratti Kaʼe

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fincila Samii Irratti Kaʼe
  • Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ergamoonni Kaanis Mormitoota Ta’an
  • Seexanni Samiirra Darbatameera
  • Ergamoota—“hafuurota Nama Tajaajilan”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Isaa Maali Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Jireenyi Jannataa Maal Fakkaata Ture?
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu
  • Waaqayyo Hundumarra Ni Caala
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
sp ful. 8-10

Fincila Samiirratti Ka’e

Seexanni bofatti fayyadamee Hewwaaniin haasofsiiseera

Seexanni bofatti fayyadamee Hewwaaniin haasofsiise; isheenis isa cina ta’uun Waaqayyorratti kaate

Qaamonni hafuuraa Yihowaan uume hundi gaarii turan. Yeroo booda garuu ergamaan tokko hamaa ta’e. Inni Seexana isa Diiyaabilos jedhamedha. Seexanni namoonni lafarratti argaman Yihowaa waaqeffachuu mannaa akka isa waaqeffatan barbaade. Wanti raawwatames kanuma ture:

Dhaaba Eeden keessa mukkeetii ija mi’aawu godhatan hedduutu jira ture. Yihowaan, Addaamiifi Hewwaan ija mukkeetii kanaarraa nyaachuu akka danda’an itti himee ture. Ta’us, mukti akka hin nyaanne isaan dhowwe tokko jira ture. Ija mukaa kanarraa yoo nyaatan garuu dhugumaan akka du’an itti himee ture.—Uumama 2:9, 16, 17.

Gaaf tokko Hewwaan qofaashee utuu jirtuu bofni ishee haasofsiise. Kan dubbachaa ture bofa hin turre; bofni dubbachaa akka jiru kan fakkeesse Seexana ture. Seexanni Hewwaan ija mukaa dhowwamerraa yoo nyaatte akka Waaqayyoo akka taatuufi akka hin duune itti hime. Wanti inni dubbate kun lamaan garuu soba ture. Haata’u malee, Hewwaan Seexana amantee ija mukichaa nyaatte. Boodas Addaamiif kan laatte si’a ta’u innis ni nyaate.—Uumama 3:1-6.

Seenaa dhugaa kanarraa Seexanni mormituufi sobduu ta’uusaa hubanna. Abboomii Waaqayyoo yoo cabsite akka hin duune Hewwaanitti himee ture. Kun garuu soba ture. Isheefi Addaam du’aniiru. Seexanni cubbuu waan hojjeteef yeroo booda du’uunsaa hin hafu. Hamma yeroon sun ga’utti garuu, ilmaan namootaa gowwoomsuusaa itti fufeera. Hamma har’aattis sobuusaa waan itti fufeef, namoonni abboommii Waaqayyoo akka cabsan gochuuf carraaqa.—Yohannis 8:44.

Ergamoonni Kaanis Mormitoota Ta’an

Yeroo booda ergamoonni kaanis hamoo ta’an. Ergamoonni kun durboonni lafarratti argaman miidhagoo akka ta’an erga ilaalanii booda isaanii wajjin saalqunnamtii raawwachuu barbaadan. Kanaaf qaama dhiiraa uffachuudhaan gara lafaa dhufan. Boodas, dubartoota kana ofiisaaniitiif fudhatan. Kunimmoo gocha kaayyoo Waaqayyoo wajjin wal faallessudha.—Uumama 6:1, 2; Yihudaa 6.

Maleekonni hamoon qaama namaa uffatanii dubartoota fuudhaniiru

Ergamoonni hamoon durbootaa wajjin saalqunnamtii raawwachuuf gara lafaa dhufan

Gochisaanii kunis namootarratti rakkina guddaa geessiseera. Haadhotiin manaa ergamoota kana ijoollee godhatan; ijoolleen kun garuu adda turan. Yeroo guddatan garmalee gurguddaafi gara jabeeyyii ta’an. Yeroo boodas lafti jal’inaan waan guutamteef, Yihowaan namoota hamoo bishaan badiisaa fiduudhaan isaan balleessuuf murteesse. Bishaan Badiisaa kanarraa Nohi isa qajeelaafi maatiisaa qofatu oole.—Uumama 6:4, 11; 7:23.

Ergamoonni hamoon kun garuu gara addunyaa hafuuraatti deebi’an malee hin duune. Ta’us adabamaniiru. Bakka ergamoonni qajeeloon maatii Waaqayyoo ta’anitti akka deebi’an hin heyyamamneef. Kana malees, Yihowaan lammaffaa qaama namootaa akka uffatan hin heyyamneef. Yeroo boodas guyyaa firdii isa dhumaatti ni du’u.—2 Phexros 2:4; Yihudaa 6.

Seexanni Samiirra Darbatameera

Seexannii fi maleekonni isaa warri hamoon samii irraa ariʼamaniiru

Seexanniifi ergamoonnisaa hamoon gara lafaatti darbatamaniiru

Bara 1914⁠tti samiirratti waraanni taasifamee ture. Kutaa Macaafa Qulqulluu kan ta’e macaafni Mul’ataa wanta raawwatame akkas jechuun ibsa: “Kana booddees waaqa keessatti lolli in ka’e. Mikaa’el, [Yesus Kiristos inni du’aa ka’e] ergamoota isaa [warra gaarii] wajjin bineensa akka jawwee sana [Seexana] in lole; bineensichi akka jawwee sunis ergamoota isaa [warra hamoo] wajjin deebisee isa in lole. Bineensichi mirga hin arganne, deebi’ees isaaf ergamoota isaatiif waaqa keessatti iddoon hin argamneef. Bineensi guddichi akka jawwee sun, bofni bara durii, inni Diiyaabilos, Seexanas jedhame, inni guutummaa biyya lafaa wallaalchisu gara biyya lafaatti gad in darbatame; ergamoonni isaas isaa wajjin gad in darbataman.”

Waraanni kun bu’aa maalii argamsiise? Seenaansaa itti fufuun, “Egaa yaa bantiiwwan waaqaa, warri isaan keessa jiraattanis gammadaa!” jedha. Seexanniifi ergamoonnisaa warri hamoon ykn hafuura xuraa’oo ta’an sanaan booda samiirra jiraachuu waan hin dandeenyeef gammaduu danda’aniiru. Namoonni lafarratti argamanoo? Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Yaa lafaa, yaa galaanaa, Seexanni gara keessanitti waan gad bu’eef isiniif garuu wayyoo! Inni yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf, guddaa aareera!”—Mul’ata 12:7-9, 12.

Eeyyee Seexanniifi ergamoonnisaa hamoon isa cina hiriiran, namoota lafarratti argaman wallaalchisaafi wayyoo isaanitti fidaa jiru. Ergamoonni hamoon kun hafuurota xuraa’oo jedhamanii waamamu. Isaan diinota Waaqayyooti. Hundisaanii hamoodha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi