LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 24
  • Yoseef Obbolootasaa Qore

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yoseef Obbolootasaa Qore
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Anatu Iddoo Waaqayyootti Ilaalamaa Ree?”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Obboloonni Yoseef Isa Jibban
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Akka Obboloota Yoseef Namatti Hinaaftee Beektaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Maatichi Gibxiitti Gale
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 24

SEENAA 24

Yoseef Obbolootasaa Qore

YOSEEF, obboloonnisaa kurnan kun ammayyuu hamoo ta’uusaanii hubachuuf: ‘Isin gaaddotadha. Dadhabbiin biyya keenyaa maal akka ta’e ilaaluu dhuftan’ jedheen.

Isaanimmoo: ‘Lakkii nuyi gaaddota miti’ jedhaniin. ‘Nuyi amanamoodha. Hundi keenyas obbolaadha. Nuyi ijoollee 12 turre. Obboleessi keenya inni tokko garuu hin jiru. Quxisuun keenyammoo abbaa keenya wajjin mana jira’ jedhaniin.

Yoseef kan isaan hin amanne fakkaate. Isaan keessaa Shimi’ooniin fudhatee mana hidhaa galche; warri kaanimmoo midhaan fe’atanii gara biyyasaaniitti akka deebi’an godhe. Garuu: ‘Yommuu deebitanii dhuftan, obboleessa keessan isa quxisuu fidaa kottaa’ jedheen.

Kana’aanitti deebi’anii yommuu manasaanii ga’an, wanta isaanirra ga’e hundumaa abbaasaanii Yaaqoobitti himan. Yaaqoob baay’ee gadde. ‘Yoseef hin jiru, Shimi’oonis hin jiru’ jedhee boo’e. ‘Ani quxisuu keessan Beniyaamin isinii wajjin hin ergu’ jedheen. Haata’u malee, yommuu midhaansaanii manaa dhumuu jala ga’u, Yaaqoob Beniyaaminiin fudhatanii gara Gibxii akka dhaqaniifi nyaata akka fidan isaan erge.

Amma Yoseef obboloonnisaa ennaa dhufan arge. Obboleessasaa isa quxisuu kan ta’e Beniyaamin yeroo argu baay’ee gammade. Tokkoonsaaniiyyuu, namni beekamaan kun Yoseef ta’uusaa hin beekne. Amma Yoseef ijoollee abbaasaa kurnan qoruuf adeema.

Hojjettoonnisaa qalqala obbolootasaatti midhaan akka guutan godhe. Haata’u malee, utuu isaan hin beekin xoofoosaa isa meetiirraa hojjetame qalqala Beniyaamin keessa akka kaa’an godhe. Hundisaanii karaasaanii jalqabanii xiqqoo erga deemanii booda, Yoseef hojjettootasaa isaan duubaan erge. Achiis, yommuu isaan qaqqabatan: ‘Xoofoo gooftaa keenyaa isa meetiirraa hojjetame kan hattan maaliifi?’ jedhaniin.

Hundisaanii deebisanii: ‘Nuyi xoofoosaa hin hanne; xoofoonsaa nu keessaa nama tokko biratti yoo argame, namni sun haa ajjeefamu’ jedhaniin.

Amma hojjettoonni Yoseef qalqala hundumaa keessa barbaaduu jalqaban; achii akkuma asirratti argitu qalqala Beniyaamin keessaa argatan. Hojjettoonni Yoseef: ‘Warri kaan deemuu dandeessu, Beniyaamin garuu nuu wajjin dhufuu qaba’ jedhaniin. Amma maal godhu laata?

Hundisaanii Beniyaaminii wajjin gara mana Yoseefitti deebi’an. Yoseef obbolootasaatiin: ‘Isin hundinuu gara mana keessanii deemuu dandeessu; Beniyaamin garuu anaaf garba ta’ee asitti hafa’ jedheen.

Amma Yihudaan akkas jechuudhaan dubbate: ‘Gurbicha utuu hin fudhatin gara manaa yoo deebine, abbaan koo baay’ee waan isa jaallatuuf ni du’a. Kanaafuu, maaloo ani garba akkan siif ta’u asitti nahambisiitii inni gara manaatti haa deemu.’

Yoseef amalli obbolootasaa akka jijjiirame hubate. Akka kanaan duraatti hamoo miti. Amma Yoseef maal akka godhu haa ilaallu.

Uumama 42:9-38; 43:1-34; 44:1-34.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi