LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 36
  • Dibicha Warqeerraa Tolfame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dibicha Warqeerraa Tolfame
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Seera Beekamaa Taʼe kan Jedhame Isa Kami Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Yihowaan Seerasaa Kenne
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 36

SEENAA 36

Dibicha Warqeerraa Tolfame

WAYYOO, WAYYOO! Jaroonni kun maal gochaa jiruu? Dibichaaf kadhannaa dhiheessaa jiru! Akkas kan godhan maaliifi?

Museen gaaricharra yeroo baay’eedhaaf waan tureef, Israa’eloonni: ‘Museen maal akka ta’e hin beeknu. Kanaafuu, waaqa biyya kanaa nu baasu haa tolfannu’ jedhan.

Aaron obboleessi Musee: ‘Tole, amartii warqee gurra keessanirraa baasaatii natti kennaa’ jedheen. Yommuu itti kennanis, Aaron amartiiwwan sana baqsee jabbii warqee tolche. Isaanis: ‘Kun waaqa keenya isa biyya Gibxii nu baasedha!’ jedhan. Achiis Israa’eloonni ayyaana guddaa godhatanii jabbii warqeerraa tolfame waaqeffatan.

Yihowaan yommuu kana argu baay’ee aare. Kanaafuu, Museedhaan: ‘Dafii gadi bu’i. Sabni Israa’el waan gadhee hojjechaa jiru. Abboommii koorraa goranii, jabbii warqeerraa tolfameef sagadaa jiru’ jedheen.

Museen dafee gaaricharraa bu’e. Yommuu mandarichatti dhihaatu, isaan akkuma jedhame gochaa jiru. Israa’eloonni jabbichatti marsanii isa faarfachaa sirbaas jiru turan! Museen waan aaree boba’eef gabateewwan dhagaa lamaan sana lafatti darbatee caccabse. Achiis, jabbicha warqeerraa tolfame baqsee isa daake.

Sabni Israa’el balleessaa guddaa hojjetan. Kanaafuu Museen, namoonni tokko tokko billaasaanii akka fudhatan itti hime. Museen: ‘Namoonni jal’oon jabbicha warqeerraa tolfame sana waaqeffatan ajjeefamuu qabu’ jedhe. Achiis warri billaa qabatan sun namoota 3,000 ajjeesan! Seenaan kun, Yihowaa qofa malee waaqolii sobaa waaqeffachuu akka hin qabne kan argisiisu mitii?

Ba’uu 32:1-35.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi