LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 68
  • Ijoollee Dhiiraa Du’aa Ka’an Lama

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ijoollee Dhiiraa Du’aa Ka’an Lama
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Elsaa’i Konkolaataa Ibiddaa Argeera—Atoo?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Hamma Dhumaatti Jabaatee Dhaabbateera
    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa
  • Ilmi Dubartii Abbaan Manaa Irraa Duʼe Tokkoo Duʼaa ni Kaʼe
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Amantiin Haati Hiyyeessaa Mandara Saraaphtaa Argisiiste Ishee Kiiseera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 68

SEENAA 68

Ijoollee Dhiiraa Du’aa Ka’an Lama

ATI utuu duutee deebitee kaatee haati kee maal jetti? Baay’ee gammaddi! Haata’u malee, namni du’e tokko lammata jiraachuu ni danda’aa? Kanaan dura akkas ta’ee beekaa?

Namicha, dubartiittiifi mucaa xinnoo kana ilaali. Namtichi Eliyaas raajchadha. Dubartittiin, niitii abbaan manaa irraa du’eefi mandara Saraaphtaa keessa jiraattudha; mucichimmoo ilmasheeti. Haata’u malee, gaaf tokko mucichi ni dhukkubsate. Dhukkubichi waan itti cimeef booddee ni du’e. Achiis, Eliyaas haadhattiidhaan: ‘Mucicha na bira fidi’ jedheen.

Eliyaas mucicha gara bantii manichaatti ol fudhatee sireerra isa ciibse. Achiis: ‘Yaa Yihowaa mucichi akka ka’u godhi’ jedhee kadhate. Amma mucichi hafuura baafachuu jalqabe! Achii Eliyaas mucicha fudhatee gadi bu’uudhaan haadhattiidhaan: ‘Ilaali, mucaan kee jiraa!’ jedheen. Haadhattiin baay’ee kan gammadde kanaafidha.

Raajiin Yihowaa inni gara biraan Elsaa’i jedhama. Inni gargaaraa Eliyaas ta’ee hojjeteera. Yeroo booda garuu Yihowaan dinqiiwwan hojjechuuf Elsaa’ittis gargaarameera. Gaaf tokko Elsaa’i gara mandara Shuneem bakka dubartii gaariin tokko isa keessumsiiste dhaqe. Dubartiin kun mucaa dhiiraa xinnoo qabdi turte.

Mucichi erga guddatee booda, gaaf tokko ganama abbaansaa maasii keessatti hojjechaa waan tureef isa ilaaluu deeme. Akkuma tasaa mucichi: ‘Mataa koo na dhukkube!’ jedhee boo’e. Manatti erga geessanii booda ni du’e. Haatisaa baay’ee gaddite! Yeruma sana dhaqxee Elsaa’in waamte.

Elsaa’i yommuu achi ga’u, kutaa reeffi mucichaa jirutti ol seene. Yihowaa erga kadhatee booda, gurbicharra ciise. Yeruma sana qaamni mucichaa ni ho’e. Mucichis si’a torba haxxifate. Haatisaa yommuu ol lixxee mucaashee lubbuudhaan argattu baay’ee gammadde!

Hamma ammaattis namoonni baay’een du’aniiru. Kanaan kan ka’e, maatiiwwansaaniifi michoonnisaanii baay’ee gaddaniiru. Nuyi warra du’an kaasuuf humna hin qabnu. Yihowaan garuu ni danda’a. Inni namoota miiliyoona baay’eedhaan lakkaa’aman akkamitti du’aa akka kaasu booddee ni baranna.

1 Mootota 17:8-24; 2 Mootota 4:8-37.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi