BARUMSA 48
Ilmi Dubartii Abbaan Manaa Irraa Duʼe Tokkoo Duʼaa ni Kaʼe
Yeroo ongee sanaatti Yihowaan Eeliyaasiin, ‘Gara Saraaptaa dhaqi. Achitti dubartiin abbaan manaa irraa duʼe tokko nyaata siif kenniti’ jedhe. Eeliyaas karra magaalattii biratti dubartii hiyyeettiin abbaa manaa irraa duʼe tokko utuu qoraan funaannattu arge. Innis bishaan budduqsee tokko akka isaaf fiddu ishii gaafate. Akkuma ishiin fiduu deemteenis Eeliyaas ishii waamee, “Maaloo, daabboo xinnoos naa fidi” ishiidhaan jedhe. Dubartittiin garuu, ‘Daabboon sii kennu hin qabu. Daakuu fi zayitii anaa fi ilma kootiif nyaata xinnoo ittiin qopheessu qofan qaba’ isaan jette. Achiis Eeliyaas, ‘Yoo ati anaaf daabboo xinnoo tolchite hamma bokkaan deebiʼee roobutti, daakuunis taʼe zayitiin kee akka hin dhumne Yihowaan waadaa galeera’ ishiidhaan jedhe.
Kanaaf, dubartiin sun gara manaa dhaqxee raajii Yihowaatiif daabboo tolchite. Akkuma Yihowaan waadaa galettis, yeroo ongeen ture sana hundatti dubartiin sunii fi ilmi ishii wanta nyaatan hin dhabne turan. Miini daakuu fi miini zayitii ishii akkuma guutuu taʼetti itti fufe.
Sana booda garuu wanti gaddisiisaan tokko ni uumame. Mucaan dubartii sanaa baayʼee dhukkubsatee duʼe. Ishiinis akka ishii gargaaru Eeliyaasiin kadhatte. Eeliyaas mucicha ishii harkaa fuudhee gara kutaa mana ishii irra keessa jiruutti baatee isa geesse. Achiis siree irra isa ciibsee, ‘Yaa Yihowaa, mucaan kun deebiʼee akka jiraatu godhi’ jedhee kadhate. Yihowaan kana gochuun isaa baayʼee kan nama ajaaʼibsiisu kan taʼe maaliif akka taʼe beektaa? Hamma beeknutti sana dura namni duʼaa kaʼe hin jiru. Kana malees, dubartiin kunii fi ilmi ishii Israaʼeloota miti.
Taʼus jireenyi mucichaa isaaf deebiʼe; hafuura baafachuus ni jalqabe! Eeliyaasis dubartii sanaan, ‘Kunoo! Ilmi kee gara jireenyaatti deebiʼeera’ jedhe. Ishiinis baayʼee gammaddee Eeliyaasiin, ‘Dhuguma iyyuu ati nama Waaqayyoo ti. Kanas kanan beeke wanta Yihowaan akka dubbattu sitti hime qofa waan dubbattuufi’ jette.
“Mee arraagessota ilaalaa: Isaan sanyii hin facaasan, hin haamanis; gootaraa yookiin mana kuusaa hin qaban; garuu Waaqayyo isaan ni soora. Maarree isin allaattiiwwan caalaa gatii guddaa hin qabdanii?”—Luqaas 12:24