LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ed ful. 26-30
  • Ga’ee Warraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ga’ee Warraa
  • Dhugaa Baatota Yihowaafi Barumsa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Walta’iinsaan Hojjetu Malee Hin Morkatan
  • Rakkoowwan Yeroo Ammaa Mana Barumsaatti Argaman
  • Warra Kan Taatan Ijoollee Keessan Jaalalaan Leenjisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Warri, Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • WarriifI Ijoolleen Maree Jaalalarratti Hundaaʼe Godhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 2
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dhugaa Baatota Yihowaafi Barumsa
ed ful. 26-30
Fakkii fuula 26-27⁠rra jiru

Ga’ee Warraa

Hawaasa yeroo ammaa keessatti, ijoolleen gabiifi ilaalcha sirrii akka qabaatan godhanii guddisuun baay’ee rakkisaa akka ta’e beekamaadha.

DHAABBANNI Za Yuu.Ees. Naashinaal Inistiitiyuut oov Meentaal Helzi jedhamu, gama ijoollee guddisuutiin warra milkaa’ina argatanirratti qo’annoo godhamee ilaalchisee gabaasa tokko dhiheessee ture: Ijoolleensaanii waggaa 21 ol ta’an “hundi lammiilee gaariifi guutummaa hawaasaa wajjin walsimanii jiraatan” ta’uusaanii ibseera. Gaaffiin, ‘Muuxannoo keessanirraa ka’uun warra ijoollee kaaniif gorsa maalii kennitu?’ jedhu isaanii dhihaatee ture. Deebii hedduunsaanii kennan armaan gaditti argamu: ‘Baay’ee akka isaan jaallattan itti himaa,’ ‘karaa sirrii ta’een isaan adabaa,’ ‘yeroo waliin dabarsaa,’ ‘wanta sirriifi dogoggora ta’e gargar baasaa isaan barsiisaa,’ ‘ulfina waliif kennaa,’ ‘obsaan isaan dhaggeeffadhaa,’ ‘afaaniin itti dubbachuu qofa utuu hin ta’in qajeelfama isaaniif kennaa,’ akkasumas ‘wanta dhugaa ta’e dubbadhaa.’

Fakkii fuula 28⁠rra jiru

Barsiisonnis ijoolleen dargaggoota ga’umsa qaban akka ta’an gochuurratti ga’ee guddaa qabu

Ijoolleen dargaggoota ga’umsa qaban akka ta’an gochuurratti, warra qofa utuu hin ta’in barsiisonnis ga’ee guddaa qabu. Ogeessi haala barumsaa wajjin wal qabateen gorsa kennuun muuxannoo qabu tokko, “Kaayyoon barumsa idilee inni guddaan warri ijoollee ilaalchaan, qaamaan, miiraan ga’eessota ta’aniifi itti gaafatamummaan itti dhaga’amu akka guddisan gargaaruudha” jechuun yaada kenneera.

Kanaaf, kaayyoon warraafi barsiisotaa tokkodha; ijoollee hubannaa, tasgabbii qabaniifi jiraachuusaaniiti gammadan, akkasumas bakka hawaasicha keessatti qaban sirriitti hubatan akka jiraatan gochuudha.

Walta’iinsaan Hojjetu Malee Hin Morkatan

Warri barsiisotaa wajjin walta’iinsaan hojjechuuf yommuu fedhii dhaban garuu rakkoon ni uumama. Fakkeenyaaf, warri tokko tokko barumsa ijoolleesaaniitiif xiyyeeffannaa tokkoyyuu hin kennan; kaanimmoo barsiisotaa wajjin wal morkachuuf carraaqu. Kana ilaalchisee barruun Faransaayi tokko akkas jedheera: “Hojii baruufi barsiisuu kan hordofu barsiisaa qofa ta’uunsaa hafeera. Maatiiwwan milkaa’inni ijoolleesaanii baay’ee isaan yaaddessu kitaabota barumsaa tokko tokkoon sakatta’u; tooftaalee ittiin barsiisan ni gamaaggamu, akkasumas ni ceepha’u; yommuu ijoolleensaanii qabxii gadaanaa fidanis ni aaru.” Gochawwan akkasii mirga barsiisaa sarbuu danda’u.

Fakkii fuula 29⁠rra jiru

Dhugaa Baatonni Yihowaa, warri barumsa ijoolleesaaniitiif xiyyeeffannaa sirrii kennuudhaan barsiisotaa wajiin walta’iinsaan yoo hojjetan ijoolleensaanii faayidaa guddaa akka argatan isaanitti dhaga’ama

Dhugaa Baatonni Yihowaa, warri barumsa ijoolleesaaniitiif xiyyeeffannaa sirrii kennuudhaan barsiisotaa wajiin walta’iinsaan yoo hojjetan ijoolleensaanii faayidaa guddaa akka argatan isaanitti dhaga’ama. Keessumaa yeroo hojiin barsiisuu rakkisaa ta’aa adeemu kanatti, warri walta’iinsa akkasii argisiisuunsaanii baay’ee barbaachisaa ta’uusaa ni amanu.

Rakkoowwan Yeroo Ammaa Mana Barumsaatti Argaman

Manni barumsaa haala hawaasichaa waan calaqqisuuf, rakkoo haawaasa keessatti argamurraa walaba miti. Rakkinni hawaasaa itti caalaa adeemeera. Za Niiwu Yoork Taayimsi haala mana barumsaa Yuunaayitid Isteeti tokko keessatti argamu ilaalichisee akkas jedheera: “Bartoonni daree keessa ciisu; jechoota doorsisaa keenyanirratti barreessuudhaan wal doorsisu; bartoota ciccimootti ni ga’isu. . . . Bartoonni hundi, ijoollee kunuunsuu, warrasaanii mana adabaatti argaman gaafachuu, rakkoo namoota yakka raawwatanirraa isaanirra ga’uufi kanaa wajjin wal fakkaatanii wajjin qabsaa’uu isaan barbaachisa jechuun ni danda’ama. Guyyaa guyyaan bartoota shan keessaa tokko mana barumsaa utuu hin dhufin hafu.”

Keessumaa yakki mana barumsaatti raawwatamu addunyaa maratti garmalee babalchaa jiraachuunsaa baay’ee kan nama yaaddessu ta’eera. Kanaan dura bartoonni wal daddarbachuufi darbee darbeemmoo wal reebaa kan turan ta’us, yeroo ammaatti ennaa rasaasa walitti dhukaasaniifi wal waraanaan arguun baramaa ta’eera. Bartoonni hedduun meeshaa kan qabatan ta’uusaaniirrayyuu, miidhaan ijoolleerratti raawwatamu baay’ee kan nama suukkanneessu ta’aa jira; ijoolleen daa’imummaa jalqabee lolaaf of qapheessu.

Dhugaadha, haalli suukkanneessan akksii biyyoota hundaatti argama jechuu miti. Ta’us barsiisonni addunyaa maratti argaman hedduun, rakkoon barruun Faransaayi La Piwaa jedhamu, “Barsiisaaf kabaja kennuun hafeera; aboo tokkollee hin qabu” jedhe isaanirra ga’a.

Fakkii fuula 30⁠rra jiru

Warri gama ijoollee guddisuutiin milkaa’oo ta’an ijoolleesaanii wajjin yeroo dabarsu

Aboodhaaf ulfina dhabuun akkasii kun ijoollee hundaarra rakkoo guddaa geessisa. Kanaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa amalawwan yeroo ammaatti mana barumsaa keessatti baay’inaan hin argamne, jechuunis ijoolleensaanii aboof akka bitamaniifi ulfina akka kennan leenjisuuf carraaqu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi