LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 24 ful. 160-ful. 165 key. 1
  • Jechoota Sirrii Filachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jechoota Sirrii Filachuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Humna Arrabni Keessan Qabu Wanta Gaariidhaaf Itti Fayyadamaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Dubbii ‘Ijaarsaaf Tolu’ Dubbadhaa
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Si’aayina Qabaachuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • “Dubbii Gaarii Ijaaruuf Gargaaru” Dubbadhaa
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 24 ful. 160-ful. 165 key. 1

Qayyabannaa 24

Jechoota Sirrii Filachuu

Maal gochuu qabda?

Jechoota ulfinaafi gaarummaa argisiisan, hubachuuf nama hin rakkisne, karaa garaagaraa ibsaman, akkasumas haasaankee akka humna qabaatuufi miira sirrii akka dabarsu godhan filadhu. Jechoota kana karaa seera caaslugaa eegeen itti fayyadami.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Akkas gochuunkee ergaa namootatti himtuuf ulfina akka qabduufi namoota haasofsiistuuf ilaalacha akkamii akka qabdu argisiisa. Ilaalcha namoonni ergaa itti himtuuf qabanirrattis jijjiirama fida.

JECHOONNI, yaada ofii ibsuurratti gaʼee guddaa qabu. Kaayyoo barbaadame galmaan gaʼuuf garuu, jechoota of eeggannoodhaan filachuu qabna. Jechi haala tokkoof sirrii taʼe haala garabiraarratti yaada dogoggoraa dabarsuu dandaʼa. Jecha gaarii tokko bakka sirrii hin taanetti yoo itti fayyadamne ‘dheekkamsa kaasuu’ dandaʼa. Akkas gochuun, namni tokko miira warra kaaniitiif dantaa akka hin qabneefi of eeggannoo malee akka dubbatu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Jechoonni tokko tokko hiika lama kan qaban siʼa taʼu, hiikni inni tokko namoota kan mufachiisu ykn tuffii kan argisiisu taʼuu dandaʼa. (Fak. 12:18; 15:1) “Dubbii gaariin” warra kaan jajjabeessa; namoota dhagaʼanis ni gammachiisa. (Fak. 12:25) Kanaaf, namoonni muuxannoo qabanillee jechoota sirrii taʼan filachuuf carraaqqii gochuun isaan barbaachisa. Macaafni Qulqulluun, Solomoon “dubbii nama gammachiisu,” akkasumas “dubbii qajeelaa, dubbii dhugaas” walitti qabuun barbaachisaa taʼuusaa hubatee akka ture nutti hima.—Lal. 12:10.

Afaan tokko tokko keessatti, maanguddoota ykn abbootii taayitaa wajjin yommuu dubbattu jechoota addaatti fayyadamuu kan qabdu taʼus, hiriyootakee ykn ijoollee umriidhaan sii gad taʼanii wajjin yommuu haasoftu garuu jechoota garabiraatti fayyadamuu dandeessa. Jechoota akkasiitti fayyadamuu dhiisuun akka tuffiitti ilaalamuu dandaʼa. Akka aadaa naannoo tokko tokkootti jechoota namoota kabajuuf gargaaran ofiif itti fayyadamuun sirrii miti. Namootaaf ulfina kennuu ilaalchisee ulaagaan Macaafa Qulqulluu keessatti argamu, ulaagaa seera ykn aadaa naannoo hundaarra ni caala. Macaafni Qulqulluun, “Namoota hundumaaf ulfina kennaa” jechuudhaan Kiristiyaanota gorsa. (1 Phe. 2:17) Namoonni qajeelfama kana hojiirra oolchan namoota umrii kamiyyuu keessatti argaman ulfinaan haasofsiisu.

Namoonni Kiristiyaanota dhugaa hin taane hedduun, jechoota nama yeellaasisaniifi nama mufachiisanitti fayyadamu. Jechoota nama mufachiisan akkasiitti yoo fayyadaman dubbiinsaanii fudhatama waan argatu isaanitti fakkaata. Yookiinimmoo, akkas kan godhan jechoota muraasa qofa waan beekaniif taʼuu dandaʼa. Namni waaʼee Yihowaa utuu hin baratin jechoota akkasiitti fayyadamaa ture, barsiifata kana dhiisuun itti ulfaachuu dandaʼa. Taʼus barsiifata kana moʼuu ni dandaʼa. Namni tokko akkaataa itti dubbatu akka jijjiiru hafuurri Waaqayyoo isa gargaaruu dandaʼa. Haataʼu malee, namni akkasii jechoota namatti tolaniifi nama jajjabeessan walitti qabachuufi yeroo hunda itti fayyadamuuf fedhii qabaachuu qaba.—Rom. 12:2; Efe. 4:29; Qol. 3:8.

Jechoota Hubachuuf Nama Hin Rakkisne. Dubbiin keenya gaarii akka taʼu yoo barbaadame, salphaatti kan namaa galu taʼuu qaba. (1 Qor. 14:9) Jechi itti fayyadamtu dhaggeeffattootaaf yoo ifa taʼuu baate, nama afaan isaan hin beekneen dubbatu itti taʼuu dandeessa.

Jechoonni addaa namoonni hojii wal fakkaatu hojjetan ittiin walii galan tokko tokko jiraachuu dandaʼu. Namoonni kun yeroo hunda jechoota akkasiitti fayyadamu taʼa. Bakka sirrii hin taanetti jechoota kanatti yoo fayyadamte garuu, namootaa wajjin walii galuun si rakkisuu dandaʼa. Kana malees, jechoota beekamanitti kan fayyadamtu taʼuyyuu, utuu hin barbaachisin jechoota kanarratti ibsa balʼaa kennita taanaan, yaanni dhaggeeffattootaa baduu dandaʼa.

Namni warra kaaniif yaadu yommuu haasaa dhiheessu, jechoota namoonni barumsa hin qabne hubachuu dandaʼanitti fayyadama. Fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan warra “dadhabaa” taʼaniif akka yaadu argisiisa. (Far. 72:12, 13) Namni haasaa dhiheessu jechoota beekamoo hin taanetti fayyadamuu yoo barbaade, jechoota kana karaa salphaa taʼeen ibsuu qaba.

Jechoonni salphaatti namaa galaniifi of eeggannoodhaan filataman ergaa barbaadame dabarsuu dandaʼu. Himootaafi gaaleewwan gaggabaaboon salphaatti hubatamuu dandaʼu. Haasicha hima gaggabaabaadhaan qofa ijaaruu mannaa, darbanii darbanii hima dhedheeraa itti makuun ni dandaʼama. Qabxii dhaggeeffattoonni akka yaadatan barbaaddu ibsuuf garuu, jechoota salphaatti namaa galaniifi hima gaggabaabaatti fayyadami.

Jechoota Sirrii Taʼan Garaagaraatti Fayyadami. Afaan hunda keessatti jechoonni yaada ofii ibsuuf gargaaran hedduun jiru. Yeroo hunda jechoota wal fakkaatanitti fayyadamuu mannaa, jechoota garaagaraatti gargaarami. Akkas yoo goote, haasaankee kan namatti toluufi ergaa gaarii kan dabarsu taʼa. Jechoota hedduu barachuu kan dandeessu akkamitti?

Jechoota haaraa utuu dubbistuu argatte, galmeen jechootaa afaan keetiin qophaaʼe jiraannaan, mallattoo itti godhiitii irraa ilaali. Achiis, jechoota kana keessaa muraasasaanii filadhuutii yommuu carraa argattu itti fayyadami. Taʼus, jechoota kana sirriitti waamuufi karaa itti namoonni salphaatti hubachuu dandaʼaniin itti fayyadamuuf yaali malee, xiyyeeffannaa namootaa ofitti hin harkisin. Jechoota baayʼee barachaa yommuu adeemtu haasaankees jechoota hedduu kan qabu taʼa. Haataʼu malee, namni tokko jecha tokko qajeelchee kan hin waamne ykn bakka sirrii hin taanetti kan itti fayyadamu yoo taʼe, dhaggeeffattoonni namni kun wanta dubbatu sirriitti hin beeku jedhanii yaaduu waan dandaʼaniif of eeggannoo gochuu qabda.

Jechoota haaraa beekuuf kan carraaqnu ergaa sirrii dabarsuuf malee, dinqisiifannaa namootaa argachuuf miti. Jechoota hubachuuf nama rakkisaniifi dhedheeraa taʼanitti fayyadamuun, dhaggeeffattoonni haasicharratti utuu hin taʼin nama haasaa dhiheessurratti akka xiyyeeffatan godha. Haataʼu malee, fedhiin keenya karaa gurra dhaggeeffattootaatti toluun ergaa barbaachisaa taʼe dabarsuu taʼuu qaba. Fakkeenya Macaafa Qulqulluu isa, “Arrabni ogeessaa beekumsa jajee in dhageessisa” jedhu yaadadhu. (Fak. 15:2) Jechoota sirriifi hubachuuf nama hin rakkisnetti yoo fayyadamne, haasaan keenya namoota kan jajjabeessu malee kan nama nuffisiisuufi kan namatti hin tolle hin taʼu.

Jechoota baayʼee barachaa yommuu adeemtu jechoota sirrii taʼanitti fayyadamuuf xiyyeeffannaa kenni. Jechoonni lama hiika wal fakkaatu yoo qabaataniyyuu, hima keessatti hamma taʼe hiika garaagaraa qabaachuu dandaʼu. Kana yoo hubatte, haasaa namaa galu dhiheessuufi wanta dhaggeeffattoota hin mufachiisne dubbachuu dandeessa. Namoota akka gaariitti dubbachuu dandaʼan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. Galmeewwan jechootaa tokko tokko, jechoota hunda jalatti hiika wal fakkaatu ykn hiika faallaa taʼe waan qabaniif, jechoota garaagaraa yaada wal fakkaatu dabarsan qofa utuu hin taʼin, hiika addaa jechi sun qabaachuu dandaʼus ni ibsu. Kunimmoo, jecha sirrii haala adda taʼe tokko ibsuuf si dandeessisu akka filattu si gargaara. Jecha haaraa tokkotti fayyadamuukee dura, hiikasaa, akkamitti akka waamamuufi yoom itti fayyadamuu akka dandeessu hubachuu qabda.

Yaada tokko duuchaatti kaaʼuu mannaa, ibsa irratti kennuun dhaggeeffattoonni yaadasaa karaa salphaa taʼeen akka hubatan gargaara. Namni haasaa dhiheessu tokko, “Yeroo sanatti namoonni hedduun dhukkubsatanii turan” jedhee dubbachuu ykn “Jiʼoota muraasa Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda turanitti, dhukkubni qufaa ykn influweenzaan namoota 21,000,000 taʼan ajjeesee ture” jedhee dubbachuu dandaʼa. Namni haasaa dhiheessu jechoota “yeroo sanatti,” “namoonni hedduun,” akkasumas “dhukkubsatanii turan” jedhan ifa gochuunsaa, garaagarummaa guddaa akka qabu qalbeeffadhu. Karaa kanaan yaadakee ibsuu yoo barbaadde, barumsa dhiheessitu sana beekuufi jechoota sirriitti fayyadamuu qabda.

Jechoota sirrii taʼanitti yoo fayyadamte, yaadasaa rakkina tokko malee ibsuu dandeessa. Jechoota yoo baayʼiste yaannisaa ni dhokata. Yaadakee karaa salphaatti namaa galuun ibsuu yoo dandeesse garuu, dhaggeeffattoonni wanta dubbatte hubachuufi yaadachuu dandaʼu. Kana gochuunkee beekumsa sirrii dabarsuuf si gargaara. Karaa salphaatti namaa galuun barsiisuudhaan Yesus Kiristositti kan qixxaatu hin jiru. Atis isarraa barachuu dandeessa. (Fakkeenyawwan Maatewos 5:3-12fi Maarqos 10:17-21⁠rratti argaman ilaali.) Jechoota filatamanitti fayyadamuufi yaadakee karaa salphaatti namaa galuun ibsuu shaakali.

Jechoota Humna Qaban, Miirasaa Dabarsaniifi Barumsicha Ibsan. Jechoota baayʼee beekuuf yommuu carraaqxu, jechoota haaraa qofa utuu hin taʼin, wantoota jecha sana adda godhanis yaadi. Fakkeenyaaf, gochima dhimma sana jabeessu, addeessitoota haalasaa ibsan, jechoota jaalalaafi gara laafina ykn gaarummaa argisiisan walitti qabadhu.

Jechoonni hiika guddaa qaban akkasii Macaafa Qulqulluu keessatti baayʼinaan argamu. Yihowaan karaa Amos raajichaa, “Wanta gaarii barbaadaa malee, wanta hamaa gochuu hin barbaadinaa! . . . Wanta hamaa jibbaa, wanta gaariis jaalladhaa!” jechuudhaan akeekkachiiseera. (Amo. 5:14, 15) Saamuʼel raajichi Saaʼol Mootichaan, “Harʼa Waaqayyo mootummaa Israaʼel si irraa tarsaase” jedheera. (1 Sam. 15:28) Yihowaan, “guutummaan mana Israaʼel addaggee dha, boqu-jabeeyyii dha” jechuudhaan jecha hin irraanfatamne Hisqiʼelitti dubbateera. (His. 3:7) Yihowaan cubbuun Israaʼeloonni raawwatan hangam guddaa akka taʼe ibsuuf, “Namni Waaqayyoon in saamaa? Isin garuu ana in saamtu” jechuudhaan dubbateera. (Mil. 3:8) Daaniʼel, bifa fakkeenyaa mootichi dhaabe waaqeffachuu diduusaaniitiin qorumsa biyya Baabilonitti Meshaak, Shedraakiifi Abed-Neegoorra gaʼe yommuu ibsu, “Nebukadnezaar garmalee dheekkamee” dargaggoonni kun hidhamanii “iddoo ibiddi itti bobaʼu” keessatti akka darbataman ajajuusaa dubbateera. Daaniʼel, mootichi “humna ibiddichaa isa dur gubu caalaa dachaa torba akka gubsiisan” hojjettootasaa ajajuusaa barreessuudhaan hoʼi ibiddichaa hammam guddaa akka ture akka hubannu nu gargaareera; ibiddichi garmalee waan hoʼuuf, hojjetoonni mootichaa yommuu itti dhihaatan isaan ajjeeseera. (Dan. 3:19-22) Yesus duʼuusaa guyyoota muraasa dura gadda guddaa itti dhagaʼame namoota Yerusaalemiif yommuu ibsu, “Indaanqoon cuucota ishee qoochoo ishee jalatti akkuma walitti qabatutti, siʼa meeqan ijoollee kee walitti qabuu barbaade; atii fi ijoolleen kee garuu hin barbaanne. Ilaa, manni keessan onee in hafa” jedheera.—Mat. 23:37, 38.

Jechoonni of eeggannoodhaan filataman yaannisaa dhaggeeffattootaaf ifa akka taʼu godha. Jechoota namatti tolanitti yoo fayyadamte, dhaggeeffattoonni waaʼee wanta dubbachaa jirtuu akka “ilaalan,” akka harkaan “qaqqaban,” nyaata caqastu akka “dhamdhaman,” akkasumas akka “fuunfatan” sagalee namoota waaʼeesaanii dubbattuu akka “dhagaʼan” isaan gargaaruu dandaʼa. Wanta dubbattu karaa namatti toluun waan dhiheessiteef, xiyyeeffannaadhaan si dhaggeeffatu.

Jechoonni yaadasaa akka gaariitti ibsan, namoonni akka kolfan ykn akka booʼan gochuu dandaʼu. Jechoonni akkasii, namni abdii kutateefi gaddee ture tokko abdiinsaa akka lalisu gochuudhaan jireenya akka hawwuufi Uumaasaa akka jaallatu gochuu dandaʼu. Abdiiwwan Macaafa Qulqulluu Faarfannaa 37:10, 11, 34; Yohannis 3:16fi Mulʼata 21:4, 5⁠rra jiran, jireenya namoota addunyaa maratti argaman hedduu jijjiiraniiru.

Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” qopheessu yommuu dubbistu, jechootaafi gaaleewwan garaagaraa argatta. (Mat. 24:45) Kanaaf, jechootaafi gaaleewwan kana akkasumaan dubbistee bira hin darbin. Jechoota sitti tolan filadhuutii yommuu namootaa wajjin mariʼattu itti fayyadami.

Dubbii Seera Caaslugaa Eege. Namoonni tokko tokko, yeroo hunda seera caaslugaatti fayyadamanii dubbachuun salphaa akka isaaniif hin taane itti dhagaʼama. Haataʼu malee rakkina kana akkamitti moʼuu dandaʼu?

Barataa yoo taate, seera caaslugaafi jechoota filatamanitti fayyadamuu barachuuf, carraa qabdutti gargaarami. Seerri caaslugaa sii hin galle yoo jiraate barsiisaakee gaafadhu. Qorumsa darbuuf qofa hin qayyabatin. Barattoota kaanirraa haala adda taʼeen, wantoota kanaaf xiyyeeffannaa addaa kennuu qabda. Misiraachicha karaa buʼa qabeessa taʼeen lallabuu akka barbaaddu beekamaadha.

Kan dulloomteefi afaan dhalootaa keetiin dubbachaa kan hin jirre yoo taate maal gochuu qabda? Yookiin, afaan dhalootaa keetiin barumsa buʼuuraa barachuuf carraa hin arganne yoo taʼehoo? Abdii kutachuu mannaa, fooyyaʼiinsa misiraachicha babalʼisuuf si gargaaru hunda godhi. Waaʼee seera caaslugaa baayʼeesaa namoonni kaan yommuu dubbatan dhaggeeffachuudhaan baranna. Kanaaf, obboloonni muuxannoo qaban yommuu haasaa dhiheessan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼanii qophaaʼan yommuu dubbistu akkaataa himnisaa itti ijaarame, akkaataa jechoonni itti qindaaʼaniifi hima keessatti itti hojjetaman qalbeeffadhu. Atis haasaakee karaa kanaan dhiheessuuf carraaqqii godhi.

Namoonni nama bohaarsaniifi weellistoonni, jechootaafi akkaataa dubbii seera caaslugaa hin eegnetti fayyadamuu dandaʼu. Namoonni hedduun namoota akkasii fakkaachuu barbaadu. Namoonni qoricha sammuu hadoochuu gurguran, yakka raawwataniifi amala gaarii hin qabne, jechoota hawaasni hin beeknetti fayyadamu. Kiristiyaanonni matumaa namoota akkasii fakkaachuu hin qaban. Akkaataa isaan itti dubbatan hordofuun keenya isaanii wajjin wal nu fakkeessa.—Yoh. 17:16.

Yeroo hunda jechoota sirrii taʼanitti fayyadamuuf carraaqqii godhi. Yommuu namootaa wajjin haasoftu akkaataa itti dubbattuuf of hin eeggattu taanaan, yommuu haasaa dhiheessitus akka gaariitti dubbachuu nan dandaʼa jettee yaaduu hin qabdu. Haataʼu malee, yeroo hunda jechoota sirrii taʼanitti fayyadamtee dubbatta taanaan, salphaadhumatti haasaa dhiheessuufi namootaaf dhugaa baʼuu dandeessa.

DANDEETTII KANA FOOYYEFFACHUUF:

  • Barumsa kutaa kana keessatti dhihaate keessaa qabxii irratti hojjechuu barbaaddu filadhu. Jiʼa tokkoof ykn isaa oliif barumsa kana hojiirra oolchuuf galma baafadhu.

  • Yeroo dubbistus taʼe, obboloota haasaa dhiheessuudhaan muuxannoo qaban yommuu dhaggeeffattu, galmakee kana yaadadhu. Jechoota haasaakee keessatti itti fayyadamuu barbaaddu yaadannoo qabadhu. Guyyaa tokko ykn lama booda jechoota kanatti fayyadami.

GILGAALA: Masaraa Eegumsaa ykn Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii torban kanaa yommuu qophooftu, jechoota muraasa hiikasaanii hin beekne filadhu. Hiikasaanii galmee jechootaarraa ilaali ykn nama afaanicha akka gaariitti beeku gaafadhu.

Jechoota dabalataa ani itti fayyadamuu barbaadu

Jechoota hedduufi sirrii yaadakoo ibsuuf na gargaaran Jechoota haasaankoo humna, miiraafi miʼaa akka qabaatu godhan

․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․

․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․

․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․

․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․

․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․

․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․

․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․

․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․

․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi