LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 4 ful. 93-ful. 96 key. 3
  • Si’aayina Qabaachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Si’aayina Qabaachuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Akkaataa Uumamaatiin Dubbachuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Kutaawwan Barataa Qophaaʼuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Jechoota Ijoo Bakka Sirrii Ta’eti Jabeessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Jechoota Sirriitti Dubbachuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 4 ful. 93-ful. 96 key. 3

Qayyabannaa 4

Si’aayina Qabaachuu

Maal gochuu qabda?

Yeroo dubbattu karaa nama galuun yaadakee ibsi; yommuu dubbistummoo karaa namaa galuun dubbisi. Namni siʼaayinaan dubbatu, dubbiinsaa hin ciccitu ykn garmalee hin harkifamu, akkasumas hin giingaʼu ykn yaada dubbatu dhabee hin rakkatu.

Barbaachisaa kan ta’e maaiiifi?

Namni haasaa dhiheessu siʼaayina hin qabu taanaan, yaanni dhaggeeffattootaa hiramuu dandaʼa; akkasumas yaada dogoggoraa kan dabarsu taʼuusaarrayyuu dubbiinsaa kan nama hin amansiisne taʼa.

SAGALEEKEE ol kaastee yommuu dubbistu jechoota tokko tokkorratti ni guggufattaa? Yommuu haasaa dhiheessituhoo yeroo baayʼee jechoota dubbachuu barbaadde argachuun si rakkisaa? Taanaan, siʼaayinaan dubbachuuf ni rakkatta jechuudha. Namni siʼaayinaan dubbachuufi dubbisuu dandaʼu, rakkina tokko malee jechoota argachuufi yaadasaa ibsuu dandaʼa. Akkas jechuun garuu utuu walirraa hin kutin, ariitiidhaan ykn utuu itti hin yaadin dubbata jechuu miti. Kanaa mannaa haasaansaa kan namaatti toluufi kan nama gammachiisu taʼa. Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii keessatti siʼaayinaan dubbachuudhaaf xiyyeeffannaan addaa ni kennama.

Wantoonni siʼaayinaan akka hin dubbanne gufuu sitti taʼan addaddaa jiraachuu dandaʼu. Yaadawwan armaan gaditti caqasaman keessaa qabxiin xiyyeeffannaa addaa kennuufii qabdu jiraa? (1) Namootaaf yeroo dubbistu jechoota haaraa sitti taʼan tokko tokkoon lakkaaʼaa dubbista taʼa. (2) Ammaa amma dhaabachaa kan dubbistu yoo taʼe yaannisaa kan wal hin qabanne taʼa. (3) Qophii gochuu dhiisuunis rakkina akkasii uumuu dandaʼa. (4) Rakkinni guddaan namoota duratti siʼaayinaan akka hin dubbanne gufuu sitti taʼu garabiraanimmoo, qabxiiwwankee sirriitti utuu hin qindeessin hafuukee taʼuu dandaʼa. (5) Namni tokko jechoota hedduu hin beeku taanaan, jechoota dubbachuu barbaadu argachuuf yommuu yaalu rakkinni akkasii uumamuu dandaʼa. (6) Jechoota hedduu jabeessanii dubbisuunis rakkina akkasii fiduu dandaʼa. (7) Seera caaslugaa utuu hin beekin hafuun, siʼaayinaan dubbachuun rakkisaa akka taʼu gochuu dandaʼa.

Siʼaayinaan hin dubbattu yoo taʼe, dhaggeeffattoonni Galma Mootummaa dhiisanii baʼuu baatanis, yaanisaanii baduu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes, wanti ati dubbattu hedduunsaa faayidaa kan hin argamsiisne taʼuu dandaʼa.

Karaa garabiraammoo, haasaan dhaggeeffattoota hojiidhaaf kakaasuufi jajjabeessuu dandaʼa jettee yaadde, akka isaan hin yeellaasisneefi hin mufachiisne of eeggannoo gochuu qabda. Akkaataa guddinaakeefi kan dhaggeeffattootakee gidduu garaagarummaan jiraachuu waan dandaʼuuf, dhaggeeffattoonni akka ati namootaaf hin yaanneefi garaadhaa dubbachaa hin jirre yoo itti dhagaʼame, kaayyoonkee galmasaarra utuu hin gaʼin hafuu dandaʼa. Phaawulos ergamaan, haasaa dhiheessuudhaan muuxannoo kan qabu taʼullee, karaa sirrii hin taaneen xiyyeeffannaa namootaa ofitti harkisuurraa fagaachuuf jecha, “dadhabbii, sodaadhaa fi romʼa baayʼeedhaan” namoota Qorontositti dubbachuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu.—1 Qor. 2:3.

Barsiifata Irraa Fagaachuu Qabnu. Namoonni hedduun haasaasaanii gidduutti sagalee “ii-ii” jedhu dhageessisu. Warri kaanimmoo, yaada tokko jalqabuusaanii dura giddu gidduutti jechoota, “amma,” “mee” ykn “sii galee?” jedhan irra deddeebiʼanii dubbatu. Tarii jechoota akkasii hammam irra deddeebitee akka dubbattu hin beektu taʼa. Yommuu dubbattu, namni tokko jechoota ati irra deddeebitee waamtu innis irra deebiʼee akka waamu gochuu dandeessa. Jechoota kana hangam irra deddeebitee akka dubbatte yommuu hubattu si dinqisiisuunsaa hin oolu.

Namoonni tokko tokko wanta dubbataniifi wanta dubbisan irra deddeebiʼu. Kana jechuun, hima tokko jalqabanii utuu hin xumurin, duubatti deebiʼuudhaan yaada dubbatan ykn dubbisan keessaa muraasasaa irra deebiʼu.

Kaanimmoo, saffisa gaʼaa taʼeen kan dubbatan yoo taʼeyyuu, yaada jalqaban utuu hin xumurin isa kaanitti ceʼu. Namni tokko rakkina tokko malee kan dubbatu taʼullee, dafee yaada garabiraatti kan ceʼu yoo taʼe haasaansaa siʼaayina dhabuu dandaʼa.

Fooyyessuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Utuu dubbachaa jirtuu jechoota dubbachuu barbaaddu argachuun si rakkisa taanaan, jechoota hedduu beekuuf carraaqqii gochuun si barbaachisa. Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! ykn barreeffamoota garabiraa yommuu dubbistu jechoota haaraa sitti taʼan qalbeeffadhu. Hiikni jechoota kanaa maal akka taʼe hubachuuf galmee jechootaa erga ilaaltee booda, jechoota kana keessaa tokko tokko warra kanaan dura beektutti dabalii itti fayyadami. Galmee jechootaa hin argattu taanaan, namni afaanicha sirriitti beeku akka si gargaaru gaafadhu.

Yeroo hunda sagaleekee ol kaastee dubbisuunkee fooyyaʼiinsa akka gootu si gargaaruu dandaʼa. Jechoota si rakkisan sagaleekee ol kaasuudhaan irra deddeebiʼii shaakali.

Siʼaayinaan dubbisuuf, jechoonni akkamitti qindaaʼanii hima akka ijaaran hubachuun barbaachisaadha. Yaada nama barreeffamicha qopheessee sirriitti dabarsuuf, jechoota hedduu gareedhaan dubbisuun barbaachisaadha. Jechoota gareedhaan dubbifamuu qaban qalbeeffadhu. Barbaachisaa yoo taʼe mallattoo itti godhi. Kaayyoonkee jechoota sirriitti dubbisuu qofa utuu hin taʼin, yaadasaa sirriitti dabarsuudha. Hima tokko sirriitti dubbisuukee erga hubattee booda, akkuma kanaan guutummaa keeyyatichaa akka gaariitti qayyabachuukee itti fufi. Yaannisaa duraa duuba akkamiitiin akka ibsamu hubadhu. Achiis sagaleekee ol kaasii dubbisuu shaakali. Utuu hin guggufatin, akkasumas iddoosaa malee utuu hin dhaabatin, sirriitti dubbisuu hanga dandeessutti keeyyaticha irra deddeebiʼii dubbisi. Achiis keeyyata ittaanutti darbi.

Sana booda saffisa ittiin dubbistu dabali. Jechoonni akkamitti qindaaʼanii hima akka ijaaran yoo hubatte, al takkaatti jechoota hedduu ilaaluufi jecha ittaanu dursitee tilmaamuu dandeessa. Kunis dubbisakee fooyyessuuf baayʼee si gargaara.

Barreeffama tokko utuu hin qophaaʼin dubbisuu amaleeffachuun faayidaa guddaa qaba. Fakkeenyaaf dursitee utuu hin qophaaʼin caqasa guyyaa guyyaafi yaada caqasicharratti kenname sagaleekee ol kaasii dubbisuu shaakali. Jechoota qofa qofaatti ilaaluu mannaa, jechoota yaada guutuu dabarsan gareedhaan ilaali.

Namootaa wajjin siʼaayinaan haasaʼuuf, itti yaadii dubbadhu. Yeroo hunda kana gochuu shaakali. Ergaa dabarsuu barbaaddeefi duraa duuba akkamiitiin dubbachuu akka barbaadde erga irratti yaaddee booda dubbadhu. Hin jarjarin. Gidduutti utuu hin dhaabatin ykn yaada garabiraatti utuu hin ceʼin al takkaatti yaada guutuu dabarsuu yaali. Himoota gaggabaaboofi salphaa taʼanitti fayyadamuunkee gaarii taʼuu dandaʼa.

Wanta dubbachuu barbaadde sirriitti beekta taanaan, jechoonni rakkina tokko malee sii dhufuu dandaʼu. Yeroo baayʼee jechoota itti fayyadamtu dursitee filachuun si hin barbaachisu. Yaannisaa qofti ifa akka siif taʼu erga gootee booda, utuu dubbachaa jirtuu waaʼee jechoota itti aansitee dubbattuu yaaduunkee shaakala gaarii sii taʼuu dandaʼa. Jechoota itti fayyadamturratti utuu hin taʼin yaada dubbatturratti qofa kan xiyyeeffattu yoo taʼe, jechoonni rakkina tokko malee waan sii dhufaniif, salphaatti yaadakee ibsuu dandeessa. Yaada dubbatturratti utuu hin taʼin, jechoota itti fayyamturratti xiyyeeffatta taanaan garuu, haasaankee kan wal hin qabanne taʼa. Shaakala gochuukee yoo itti fufte, dandeettii barbaachisaa siʼaayina qabaachuuf si gargaaru guddifachuu dandeessa.

Museen, Yihowaa bakka buʼuudhaan gara saba Israaʼeliifi gara Faraʼon mootii Gibxiitti yommuu ergame, gaʼumsa akka hin qabne itti dhagaʼamee ture. Maaliif? Siʼaayinaan dubbachuun waan isa rakkisuuf taʼuu dandaʼa. (Baʼu. 4:10; 6:12) Museen itti gaafatamummaa kana fudhachuu diduuf sababii dhiheessuyyuu, Yihowaan yaadasaa utuu hin fudhatin hafeera. Yihowaan, Aaron bakka Musee buʼee akka dubbatu kan isa erge taʼuusaarrayyuu, Museenis akka dubbatu isa gargaareera. Museen, namoota dhuunfaa ykn namoota muraasaaf qofa utuu hin taʼin, guutummaa saba Israaʼelitti yeroo baayʼee akka gaariitti dubbachuu dandaʼeera. (Kes. 1:1-3; 5:1; 29:2; 31:1, 2, 30; 33:1) Atis Yihowaatti amanamuudhaan hamma dandeessu carraaqqii yoo goote, dubbii keetiin Yihowaadhaaf ulfina fiduu dandeessa.

RAKKOO GIINGA’UUN FIDU MO’UU

Sababiiwwan namni tokko akka giingaʼu godhan hedduun jiru. Yaaliiwwan fayyaa namoota tokko tokkoof buʼaa argamsiisan, namoota kaaniif garuu faayidaa kan hin qabne taʼuu dandaʼu. Haataʼu malee, fooyyaʼiinsa argisiisuudhaan gammachuu argachuuf, abdii utuu hin kutin shaakaluun barbaachisaadha.

Walgaʼiirratti yaada kennuu yommuu yaaddu, sodaafi dhiphinni sitti dhagaʼamaa? Taanaan Yihowaan akka si gargaaru kadhadhu. (Filp. 4:6, 7) Yihowaadhaaf ulfina fiduufi namoota gargaaruurratti xiyyeeffadhu. Rakkoon kun guutummaatti baduu dandaʼa jettee yaaduu mannaa, wantoota rakkoo kana moʼuuf si gargaaranirratti xiyyeeffadhu. Eebbi Yihowaafi jajjabinni obbolootarraa argattu, wanta caalu hojjechuuf si kakasa.

Manni Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii, muuxannoo namoota hedduu duratti dubbachuuf si dandeessisu akka argattu si gargaara. Namoota sii yaadaniifi guddina akka argisiistu barbaadan duratti akka gaariitti dubbachuu akka dandeessu yommuu hubattu jajjabina argatta. Kunimmoo yeroo garabiraattis ija jabinaan haasaa dhiheessuuf si gargaara.

Haasaa dhiheessuuf jetta taanaan akka gaariitti qophaaʼi. Yaannikee guutummaatti haasicharratti akka xiyyeeffatu godhi. Miira haasichaaf barbaachisuun dubbadhu. Utuu dubbachaa jirtuu giingaʼuu yoo jalqabde, hanga sii dandaʼametti sagaleekee gadi qabuudhaan haasaakee suuta jedhii dhiheessi. Ribuu mangaagaakee gadhiisii dubbadhu. Himoota gaggabaabaatti fayyadami. Yommuu dubbattu barsiifatawwan “ii” jedhuufi kan kana fakkaatan hirʼisuu yaali.

Namoonni rakkoo giingaʼuu qaban tokko tokko jechoota isaan rakkisan erga hubatanii booda, jechoota garabiraa hiika wal fakkaatu qabanitti fayyadamuudhaan rakkoo kana moʼuu dandaʼaniiru. Warri kaanimmoo, jechoota sirriitti waamuuf isaan rakkisan kophaatti baasuudhaan irra deddeebiʼanii shaakaluunsaanii isaan gargaareera.

Yommuu namootaa wajjin dubbattu ni giingofta taanaan, abdii kutattee hin dhiisin. Hanga haasaakee itti fufuu dandeessutti, namni sun dubbachuusaa akka itti fufu gochuu dandeessa. Barbaachisaa taanaan yaadakee barreessiif ykn barreeffama tokko itti argisiisi.

KANA GOCHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

  • Barruuleefi kitaabota yommuu dubbistu jechoota haaraa yoo argatte mallattoo itti godhi, hiikasaanii hubadhu, achiis itti fayyadami.

  • Guyyaa guyyaadhaan yoo xinnaate daqiiqaa shanii hanga kudhaniitti sagaleekee ol kaasii dubbisuu shaakali.

  • Kutaawwan dubbisaan dhihaatan akka gaariitti qophaaʼi. Jechoota gareedhaan taʼanii yaada guutuu dabarsan takkaatti ilaali. Yaannisaa duraa duuba akkamiitiin akka ibsamu hubadhu.

  • Maree namootaa wajjin gooturratti, dursitee yaaduufi dubbiikee utuu gargar hin kutiin yaada guutuu dubbachuu baradhu.

GILGAALA: Abboota Firdii 7:1-25 ilaaluudhaan, keeyyaticha tokko tokkoon qayyabadhu. Yaada akkamii akka dabarsu sirriitti hubadhu. Jechoonni haaraan yoo si mudatan galmee jechootaa ilaali. Maqaawwan hunda sagaleekee ol kaastee dubbisuudhaan shaakali. Achiis keeyyaticha sagaleekee ol kaasii sirriitti dubbisi. Sirriitti akka dubbiste yommuu sitti dhagaʼamu, keeyyata ittaanutti darbi. Achiis guutummaa boqonnichaa dubbisi. Sana booda, xinnoo saffisakee dabaluudhaan irra deebiʼii dubbisi. Bakka barbaachisaa taʼetti, caalaatti saffisakee dabaluudhaan irra deebiʼii dubbisi; haataʼu malee, dubbisnikee hanga guggufatutti ariitiidhaan hin dubbisin.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi