LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 14 ful. 128-ful. 130 key. 4
  • Akkaataa Uumamaatiin Dubbachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akkaataa Uumamaatiin Dubbachuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Haala Maree Fakkaatuun Dubbachuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Bifa Mariitiin Dhiheessuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Kutaawwan Barataa Qophaaʼuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Si’aayina Qabaachuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 14 ful. 128-ful. 130 key. 4

Qayyabannaa 14

Akkaataa Uumamaatiin Dubbachuu

Maal gochuu qabda?

Nama kaan fakkeessitee dubbachuu mannaa, akkuma yeroo kaan dubbattutti dubbadhu.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Yeroo dubbattu kan muddamtu, kan dhiphattuufi kan sodaattu yoo taʼe, dhaggeeffattoonni haasaakee xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuun isaan rakkisuu dandaʼa.

AKKAATAA uumamaa keetiin yaadakee kan ibsitu yoo taʼe, namoonni garaa guutuudhaan si dhaggeeffatu. Namni tokko maaskii fuulasaatti godhatee utuu sitti dubbatee isa amantaa? Maaskiin inni godhate namicha caalaa kan bareedu yoo taʼehoo wanta inni dubbatu ni amantaa? Akka hin amanne beekamaadha. Kanaaf, nama kaan fakkaachuu mannaa akkaataa uumamaa keetiin dubbadhu.

Akkaataa uumamaa ofiitiin dubbachuu jechuun dantaa dhabuu jechuu miti. Caasluga sirrii hin taanetti fayyadamuu, karaa dogoggora taʼeen jechoota waamuufi karaa akka gaariitti hin dhagaʼamneen dubbachuurraa of qusachuun barbaachisaadha. Afaan simbiraatti fayyadamuunis sirrii miti. Yeroo hunda dubbiin keenyaafi amalli keenya namootaaf ulfina akka kenninu kan argisiisu akka taʼuu barbaanna. Namni akkaataa uumamaasaatiin dubbatu haasaansaa kan namaa galu taʼuusaarrayyuu, dinqisiifannaa namootaa argachuuf hin dhiphatu.

Tajaajilarratti. Manaa gara manaatti yommuu tajaajiluuf jettu ykn nama bakka garabiraatti argatteef dhugaa baʼuu yommuu yaaddu sodaan sitti dhagaʼamaa? Hundi keenya kan sodaannu yoo taʼeyyuu, wanti kun namoota tokko tokko baayʼee rakkisa. Dhiphinni, sagaleen keenya akka jijijjiiramu ykn akka hollatu kan nu godhu siʼa taʼu, naasuunimmoo sochii barbaachisaa hin taane akka goonu nu dirqisiisa.

Wantoonni babalʼisaan tokko akka sodaatu isa godhan hedduu taʼuu dandaʼu. Ilaalcha warri kaan isaaf qaban ykn akkaataan dhiheenyaasaa buʼa qabeessa taʼuufi dhiisuusaarratti dhiphata taʼa. Sodaan akkasii kanuma jiru taʼus, dhimma kanaaf baayʼee dhiphachuun rakkina fidu qaba. Tajaajila yeroo jalqabuuf jettu sodaa sitti dhagaʼamu moʼuuf maal gochuu dandeessa? Akka gaariitti qophaaʼuufi garaadhaa Yihowaa kadhachuun barbaachisaadha. (HoE. 4:29) Araara Yihowaan namoonni fayyaa guutuu argatanii barabaraaf Jannata keessa akka jiraataniif godhe yaadi. Waaʼee namoota gargaartuufi namoonni kun misiraachicha dhagaʼuunsaanii hammam barbaachisaa akka taʼes yaadi.

Kana malees, namoonni filannoo gochuuf mirga waan qabaniif ergaa keenya fudhachuu ykn dhiisuu dandaʼu. Yommuu Yesus Israaʼel durii keessatti lallabes haallisaa kanaa wajjin wal fakkaata ture. Hojiin sii kenname lallabuu qofadha. (Mat. 24:14) Namoonni akka isaanitti hin dubbanne yoo si dhowwanillee, achitti argamuunkee qofti akka lallabdetti ilaalama. Yihowaan kaayyoosaa galmaan gaʼuuf akka sitti fayyadamu waan of dhiheessiteef milkaaʼina argatteetta jechuun ni dandaʼama. Nama si dhaggeeffatu yoo argatte akkamitti itti dubbachuu qabda? Namoota kaan gargaaruurratti kan xiyyeeffattu yoo taʼe, karaa namatti toluufi akkaataa uumamaa keetiin dubbachuu dandeessa.

Namootaaf yommuu dhugaa baatu akkaataa uumamaa keetiin kan dubbattu yoo taʼe sodaa malee si dhaggeeffatu. Dhugaa Macaafa Qulqulluu isaanitti himtus fudhachuun itti hin ulfaatu. Atumti dubbachuu mannaa isaanis maricharratti akka hirmaatan godhi. Akka michuutti itti dhihaadhu. Xiyyeeffannaa isaaniif kenni; yaadasaaniis dhaggeeffadhu. Afaanichi ykn aadaansaa nama hin beeknee wajjin yommuu dubbattu ulfina isaaf kennuu kan gaafatu yoo taʼe akkas gochuun barbaachisaadha. Taʼus, yeroo hunda fuula ifaa argisiisuun gaariidha.

Yommuu Waltajjiirraa Dubbattu. Namoota muraasaaf haasaa yommuu dhiheessitu, akkaataa uumamaa keetti fayyadamuudhaan akka nama tokkoo wajjin mariʼattutti dubbachuunkee gaarii taʼa. Dhaggeeffattoonni baayʼee yoo taʼan garuu, sagaleekee ol kaastee dubbachuu akka qabdu beekamaadha. Haasicha guutummaatti sammuutti yoo qabatte ykn yaadannoo keerratti ibsa balʼaa yoo barreessite, jechoota ittiin fayyadamtuuf garmalee dhiphatteetta jechuudha. Jechoota sirrii taʼanitti fayyadamuun barbaachisaa taʼus, waaʼee jechootaa garmalee yoo dhiphatte haasaankee gogaafi miʼaa kan hin qabne taʼa. Akkas taanaan akkaataa uumamaa keetiin dubbatteetta jechuun hin dandaʼamu. Qabxiiwwan dubbattu dursitee qophaaʼuu kan qabdu taʼus, jechoota caalaa yaadasaarratti xiyyeeffadhu.

Walgaʼiirratti yommuu gaafannoon sii godhamus haallisaa kana wajjin wal fakkaata. Akka gaariitti qophaaʼi malee, barreessitee hin dubbisin ykn sammuutti qabatte hin dubbatin. Akkuma yeroo kaan dubbattu godhii karaa namatti toluun sagalee jijijjiiraa dubbadhu.

Malli haasaa gaarii taʼe tokkollee garmalee yoo arbeeffame, dhaggeeffattootatti dhugaa fakkaachuu dhiisu dandaʼa. Fakkeenyaaf, qajeelchitee dubbachuufi jechoota sirriitti waamuu kan qabdu taʼus, haasaankee miʼaa kan hin qabneefi nama akkeessaa kan jirtu fakkaachuu hin qabu. Sochiin qaamaa jabeessitootaafi ibsitoota taʼan sirriitti yoo itti hojjetaman, haasichi kan namatti tolu akka taʼu godhu; sochiiwwan kun gogaafi garmalee kan arbeeffaman yoo taʼan garuu, namoonni xiyyeeffannaadhaan akka si hin dhaggeeffanne godhu. Sagalee gaʼaan barbaachisaa taʼus, garmalee iyyuu hin qabdu. Darbitee darbitee miira hoʼaadhaan dubbachuun gaarii yoo taʼeyyuu iyyitee hin dubbatin. Sagalee jijijjiiruun, akkasumas miira hoʼaafi miira haalasaatiif taʼuun dubbachuunkee barbaachisaa taʼus, xiyyeeffannaa dhaggeeffattootaa ofitti harkisuu ykn isaan yeellaasisuu hin qabdu.

Namoonni tokko tokko yommuu dubbatan akkuma nama haasaa dhiheessuutti yaadasaanii qindeessanii dubbachuu dandaʼu. Warri kaanimmoo haala oduutiin yaadasaanii ibsu. Wanti barbaachisaa taʼe, yeroo hunda akka gaariitti dubbachuufi ulfina Kiristiyaanarraa eegamu argisiisuudha. Akkas yoo goote, sodaa malee dubbachuufi haasaa namatti tolu dhiheessuu dandeessa.

Yommuu Namootaaf Dubbistu. Namootaaf yommuu dubbistu akkaataa uumamaa keetiin dubbachuuf carraaqi. Yeroo kanatti, ijoowwan gurguddaa barumsicha keessatti argaman adda baasuufi akkamitti akka ibsaman hubachuu yaali. Yaadawwan ijoon ifa sii taʼuu baannaan jechoota qofa dubbista jechuudha. Jechoonni haaraan akkamitti akka dubbifaman hubachuu yaali. Bakka sirrii sagaleen itti jijijjiiramuufi jechoota gareedhaan yaada gootuu dabarsan sagaleekee ol kaasii shaakali. Dogoggora malee dubbisuu hamma dandeessutti irra deddeebiʼii shaakali. Dubbisnikee maree miira hoʼaadhaan godhamu hamma fakkaatutti yaada barreeffamichaa dursitee akka gaariitti hubachuu qabda. Akkaataa uumamaatiin dubbachuu jechuun kanadha.

Yeroo baayʼee barreeffamoota keenya warra Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼanirraa namootaaf dubbisna. Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti kutaa dubbisaan dhihaatu dabalatee, tajaajilarrattis taʼe haasaa yommuu dhiheessinu Macaafa Qulqulluurraa caqasa ni dubbisna. Obboloonni dhiiraa, qayyabannaa Masaraa Eegumsaafi Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumiirratti akka dubbisan, obboloonni gaʼumsa qaban tokko tokkommoo, walgaʼii koonyaarratti haasaa dubbisaan dhihaatu akka dhiheessan ni ramadamu. Macaafa Qulqulluus taʼe barreeffamoota kaan yommuu dubbistu, yaadawwan mallattoo waraabbii keessatti argaman karaa sirrii taʼeen dubbisi. Yaanni namoonni garaagaraa dubbatan yoo jiraate, akka namoota sanaa taʼii sagaleekee jijijjiirii dubbisi. Akkaataa uumamaa keetiin dubbachuu qabda malee, nama diraamaa hojjetu fakkaachuu hin qabdu.

Akkaataa uumamaatiin kan dubbattu yoo taʼe, dubbisnikee maree wajjin kan wal fakkaatu taʼa. Akkasumas akka itti amantu karaa argisiisuun kan dhihaate malee, nama akkeessaa kan jirtu hin fakkaatu.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Akkuma yeroo kaaniitti dubbadhu. Yihowaafi namoota waaʼeesaa beekuun isaan barbaachisurratti malee ofirratti hin xiyyeeffatin.

  • Haasaakee yommuu qophooftu yaadasaarratti malee jechootaarratti hin xiyyeeffatin.

  • Haasaa yommuu dhiheessitus taʼe namootaa wajjin yommuu mariʼattu, dantaa akka hin qabne karaa argisiisuun hin dubbatin; akkasumas carraaqqii malawwan haasaa tokko tokkotti hojjechuuf gootuun xiyyeeffannaa namootaa ofitti hin harkisin.

  • Namootaaf dubbisuuf qophii gaarii godhi. Yaada barreeffamichaa sirriitti hubadhuutii miira hoʼaadhaan dubbisi.

GILGAALA: (1) Sagalee utuu hin dhageessisin Miilkiyaas 1:2-14 erga dubbistee booda, seenaa kana keessatti qooda kan fudhatan eenyufaa akka taʼan qalbeeffadhu. Achiis, karaa miirasaa sirriitti mulʼisuun sagaleekee dhageessisii dubbisi. (2) Tajaajila jalqabuukee dura guyyaa sadiif, keeyyata jalqabaa lamaan barumsa kana keessatti argaman, akkasumas mataduree xiqqaa fuula 128⁠rra jiruufi “Tajaajilarratti” jedhu dubbisiitii gorsa kenname hojiirra oolchuuf carraaqi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi