LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 28 ful. 179-ful. 180 key. 8
  • Haala Maree Fakkaatuun Dubbachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Haala Maree Fakkaatuun Dubbachuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Akkaataa Uumamaatiin Dubbachuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Bifa Mariitiin Dhiheessuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Si’aayina Qabaachuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Dubbii ‘Ijaarsaaf Tolu’ Dubbadhaa
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 28 ful. 179-ful. 180 key. 8

Qayyabannaa 28

Haala Maree Fakkaatuun Dubbachuu

Maal gochuu qabda?

Dhaggeeffattoota tilmaama keessa galchuudhaan akkuma yeroo kaaniitti dubbadhu.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Akkuma yeroo kaaniitti dubbachuunkee, dhaggeeffattoonni garaadhaa akka si dhaggeeffataniifi wanta dubbattu akka fudhatan isaan gargaara.

YEROO baayʼee namoonni michootasaanii wajjin sodaa malee haasaʼu. Maalan dubbadha jedhanii hin dhiphatan. Namoonni tokko tokko sodaa malee namaa wajjin kan haasaʼan siʼa taʼu, warri kaan garuu yaadasaanii ibsanii hin dubbatan. Namni tokko akkaataa uumamaasaatiin dubbachuunsaa nama gammachiisa.

Haataʼu malee, nama hin beeknee wajjin yommuu dubbattu, akka hiriyaa keetti akka itti hin dubbanne of eeggannoo godhi. Aadaa tokko tokko keessatti, nama hin beeknee wajjin yommuu haasoftu jechoonni jalqabarratti itti fayyadamtu ulfina kan argisiisan taʼuu qabu. Maree keessan itti fufaa yommuu adeemtan garuu, akka nama kanaan dura beektuutti waliin haasaʼuun gaarii taʼa.

Yommuu haasaa dhiheessitus of eeggannoo gochuu qabda. Akkaataan haasaakee dantaa akka hin qabne kan argisiisu yoo taʼe, ulfina namoonni walgaʼichaaf qaban kan hirʼisu taʼuusaarrayyuu, ergaasaa akka laayyootti akka ilaalan gochuu dandaʼa. Afaan tokko tokko keessatti nama guddaa, barsiisaa, abbaa taayitaa, akkasumas abbaa ykn haadhaa wajjin yommuu dubbattu, ibsawwan ulfina argisiisan tokko tokkotti fayyadamuun si barbaachisa. (Jechoota Hojii Ergamootaa 7:2⁠fi 13:16⁠rratti argaman qalbeeffadhu.) Hiriyaa gaaʼelaakee ykn michuukee wajjin yommuu dubbattummoo jechoota garabiraatti fayyadamta. Yommuu haasaa dhiheessinu akkaataan itti dubbannu namootaaf ulfina akka kenninu kan argisiisu taʼus, seera afaaniitiif garmalee dhiphachuun barbaachisaa miti.

Haataʼu malee, sababiiwwan akkaataan dubbii nama tokkoo gogaa akka taʼu godhan jiraachuu dandaʼu. Isaan keessaa tokko akkaataa himni ykn gaaleen sun itti ijaaramedha. Wanti barreeffameefi wanti afaaniin dubbatamu garaagarummaa waan qabuuf, namni haasaa dhiheessu wanta barreeffame kallattiidhaan dhiheessuuf kan carraaqu yoo taʼe haasaansaa gogaafi kan namaa hin galle taʼa. Yeroo baayʼee, haasicha qophaaʼuuf yommuu qorannaa gootu barreeffama garaagaraatti akka fayyadamtu beekamaadha. Haasicha kan dhiheessitu toorii sii kennamerraa taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, jecha tooricharratti argamu guutummaatti kan fayyadamtu ykn yommuu haasaa dhiheessitu kallattiidhaan kan dubbistu yoo taʼe, haasaakee haala maree fakkaatuun dhiheessuu hin dandeessu. Haasaakee haala maree fakkaatuun dhiheessuu yoo barbaadde, yaadasaa jecha keetiin dubbadhu; hima hubachuuf nama hin rakkisnetti fayyadami.

Sababiin inni kaanimmoo saffisa ittiin dubbannudha. Yommuu dubbattu walirraa fageenyi jechoota gidduu jiruufi saffisnikee wal qixxee yoo taʼe haasichi gogaa taʼa. Yommuu namootaa wajjin dubbannu, saffisa keenya jijijjiiraafi giddu gidduutti takka turaa dubbanna.

Namoota hedduudhaaf yeroo haasaa dhiheessitu garuu, xiyyeeffannaadhaan akka si dhaggeeffatan gochuuf haala maree fakkaatuun dubbachuudhaan alattis sagaleekee dabaluufi miira hoʼaadhaan dubbachuu qabda.

Haala maree fakkaatuun dubbachuun tajaajilarratti waan si gargaaruuf, akka gaariitti namootaa wajjin dubbachuudhaan dandeettii kana guddifachuu qabda. Kana gochuuf barumsa sadarkaa olaanaa barachuun si hin barbaachisu. Taʼus, namoonni wanta dubbattu kabajaan akka dhaggeeffatan gochuuf, akka gaariitti dubbachuuf dandeettiikee guddifachuu qabda. Kana yaadatti qabachuudhaan, maree namootaa wajjin gooturratti wanti fooyyessuu qabdu jiraachuufi dhiisuusaa baruuf qabxii armaan gadii qalbeeffadhu.

  1. Akkaataa dubbii namoota seera Waaqayyootiif ulfina hin kennineefi seera caaslugaa hin eegnee wajjin wal si fakkeessutti fayyadamuurraa of qusadhu. Gorsa Qolosaayis 3:8⁠rratti argamuu wajjin haala walsimuun jechoota nama yeellaasisanitti hin fayyadamin. Akkaataa dubbii namoota biratti fudhatama qabanitti fayyadamuun garuu dogoggora hin qabu. Akkaataan dubbii akkasii guutummaatti seera afaanichaa kan eege taʼuu baatus, fudhatama qabaachuu dandaʼa.

  2. Yeroo hunda yaada garaagaraa ibsuuf, jechootaafi gaaleewwan wal fakkaatanitti hin fayyadamin. Kanaa mannaa, jechoota yaada dubbachuu barbaadde akka gaariitti ibsanitti fayyadami.

  3. Utuu hin barbaachisin yaada dubbatte irra hin deddeebiʼin; kana gochuufimmoo dursitee wanta dubbachuu barbaadderratti yaaduu qaba.

  4. Yaada baayʼisuudhaan qabxiin barbaachisaa taʼe akka dhokatu hin godhin. Qabxii namoonni akka yaadatan barbaaddu, hima salphaatti namaa galuu dandaʼuun dubbachuu amaleeffadhu.

  5. Karaa namootaaf ulfina akka kennitu argisiisuun dubbadhu.

DANDEETTII KANA GODDIFACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Jalqaba dhaggeeffattootaaf ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabdu yaadi. Akka michoota keetti isaan ilaaluu qabda malee, nama dantaa hin qabne fakkaachuu hin qabdu. Dhaggeeffattootaaf ulfina akka kennitu karaa argisiisuun dubbadhu.

  • Jecha keetiin dubbadhu. Wanta barreeffamee jiru kallattiidhaan dubbachuuf hin yaalin. Jechoota gaggabaabootti fayyadami; saffisa ittiin dubbattu jijijjiiri.

  • Yaadasaa dabarsuurratti xiyyeeffadhu. Garaa keetii dubbadhu. Wanti barbaachisaan barumsicha malee, xiyyeeffannaa namootaa hawwachuu miti.

  • Akkaataa itti namootaa wajjin dubbatu fooyyeeffadhu. Dabaree dabareedhaan yaadawwan fuula kanarratti caqasaman hojiirra oolchi.

GILGAALA: Akkaataa itti dubbattu gamaaggami. Guyyaa guyyaadhaan yaada tokkorratti qofa xiyyeeffachuudhaan, qabxiiwwan shanan olitti caqasaman hojiirra oolchi. Yoo dogoggorte, yaadasaa sammuukee keessatti sirreeffachuuf yaalii godhi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi