Kutaawwan Barataa Qophaaʼuu
KUTAAWWAN mana barumsichaatti dhihaatan hundi karaa hafuuraa guddachuuf carraa sii banu. Garaa guutuudhaan carraaqqii yoo goote, guddina argisiisuunkee sittis taʼe warra kaanitti suutuma suuta mulʼachaa adeema. (1 Xim. 4:15) Manni barumsichaa dandeettiikee caalaatti fooyyeffachaa akka adeemtu si gargaara.
Gumiirratti yommuu kutaa dhiheessitu sodaan sitti dhagaʼamaa? Mana barumsichaatti yeroo muraasaaf kutaa kan dhiheessite yoo taatellee, sodaan sitti dhagaʼamuunsaa hin oolu. Haataʼu malee, sodaa sitti dhagaʼamu hirʼisuuf wantoonni si gargaaran tokko tokko jiru. Mana keessatti sagaleekee dhageessisii dubbisi. Gumiirratti yeroo hunda yaada kenni; babalʼisaa yoo taatemmoo yeroo hunda tajaajilarratti hirmaadhu. Akkas gochuunkee namoota duratti dubbachuu akka dandeessu si gargaara. Kana malees, kutaawwan barataa dursii qophaaʼi, akkasumas sagaleekee ol kaasii shaakali. Kutaakee michoota keetiif akka dhiheessitu yaadadhu. Kutaa kamiyyuu dhiheessuukee dura Yihowaa kadhadhu. Inni tajaajiltootasaa warra isa kadhataniif gammachuudhaan hafuura qulqulluu ni kenna.—Luq. 11:13; Filp. 4:6, 7.
Wanta humna keetii ol taʼe ofirraa hin eegin. Akka gaariitti dubbachuufi barsiisaa buʼa qabeessa taʼuun yeroo gaafata. (Mik. 6:8) Mana barumsichaatti reefuu kan galmeeffamte yoo taate, jalqabumarratti kutaa baayʼee gaarii taʼen dhiheessa jettee hin eegin. Kanaa mannaa, yommuu kutaa dhiheessitu qabxii gorsi irratti sii kennamu qofarratti xiyyeeffadhu. Kitaaba kanarraa mataduree gorsi irratti sii kennamu qayyabadhu. Yoo dandaʼame gilgaala kenname shaakali. Akkas gochuunkee, kutaa sii kenname dhiheessuukee dura qabxii gorsi irratti sii kennamu akka gaariitti hubachuufi guddina argisiisuuf si gargaara.
Kutaa Dubbisaan Dhihaatu Qophaaʼuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?
Namootaaf dubbisuuf qophii gochuun, jechoota barreeffamicharratti argaman dubbisuu caalaa gaafata. Ergaan barreeffamichaa maal akka taʼe sirriitti hubachuuf carraaqqii godhi. Akkuma kutaan sii kennameen yaada kana sammuutti qabachuudhaan kuticha dubbisi. Dubbisnikee yaadasaa sirriitti akka dabarsuufi miira barbaachisu kan argisiisu akka taʼu gochuuf, himoonni hundi ergaa akkamii akka dabarsaniifi ijoon keeyyata hundaa maal akka taʼe hubachuuf yaali. Dandaʼamnaan, jechoonni haaraa sitti taʼan akkamitti akka dubbifaman baruuf namoota kaan gaafadhu. Barumsicha sirriitti hubadhu. Gama kanaan, warri ijoolleesaanii xixinnoo taʼan gargaaruun isaan barbaachisa taʼa.
Kutaankee, kutaa Macaafa Qulqulluurraa ykn Masaraa Eegumsaarraa keeyyata muraasa dubbisuudhaan kan dhihaatudhaa? Barreeffamni dubbistu afaan keetiin kaasseettiidhaan jiraannaan isa dhaggeeffachuudhaan, akkaataa jechoonniifi gaaleewwan itti dubbifaman, akkaataa jechoonni barbaachisaa taʼan itti jabeeffamanii dubbifamaniifi sagaleen itti jijijjiiramu qalbeeffadhu. Yookiin namni akka gaariitti dubbisuu dandaʼu sagaleesaa ol kaasee akka sii dubbisu gaafachuudhaan, akkaataa inni jechootaafi gaaleewwan itti dubbisu, akkaataa jechoota barbaachisaa taʼan jabeessee itti dubbisuufi sagaleesaa itti jijijjiiru qalbeeffadhu. Isa booda wanta dhageesse fakkeessuudhaan dubbisuu yaali.
Kutaakee qophaaʼuu yommuu jalqabdu, mataduree mala haasaa sii kenname ibsu of eeggannoodhaan qayyabadhu. Dandaʼamnaan, kutaa sii kenname sagaleekee ol kaastee erga dubbistee booda barumsicha irra deebiʼii ilaali. Hamma sii dandaʼametti gorsa barumsicharra jiru guutummaatti hojiirra oolchuuf carraaqi.
Leenjiin gama kanaan argattu tajaajilaafis si gargaara. Tajaajilarratti yommuu hirmaattu, warra kaaniif dubbisuuf carraa hedduu argatta. Dubbiin Waaqayyoo jireenya namootaa jijjiiruuf humna waan qabuuf, Macaafa Qulqulluu akka gaariitti dubbisuunkee barbaachisaadha. (Ibr. 4:12) Kutaa tokko ykn lama waan dhiheessiteef dubbisnikoo karaa hundaan gaarii taʼa jettee hin eegin. Phaawulos jaarsa muuxannoo waggaa dheeraa qabuuf, “Caaffata qulqullaaʼaa namootaaf dubbisuutti . . . of kenni!” jechuudhaan gorseera.—1 Xim. 4:13.
Matadureefi Yoomessa Kennamerratti Qophaaʼuu
Kutaan mana barumsichaatti sii kenname yoomessa kan qabu yoo taʼe maal gochuu qabda?
Wantoonni xiyyeeffannaa kennuufii qabdu sadii jiru: (1) mataduree sii kenname, (2) yoomessaafi nama wajjin dhiheessitu, akkasumas (3) mala haasaa akka irratti hojjettuuf sii kennamu.
Qabxiiwwan mataduree sii kennameef taʼan walitti qabachuun si barbaachisa. Haataʼu malee, qorannoo balʼaa gochuukee dura, barumsi dhiheessituufi akkaataan itti dhiheessitu, yoomessa sii kennameefi waaʼee nama waliin dhiheessituu wajjin walitti dhufeenya waan qabuuf, of eeggannoodhaan irratti yaadi. Yoomessa akkamiitti fayyadamta? Nama beektutti akkamitti misiraachicha akka himtu kan argisiisuudha? Moo nama tokko yeroo jalqabaatiif yommuu haasofsiistu kan argisiisudha? Isamoo situ angafadha? Mataduree irratti isa haasofsiistuuf ilaalcha akkamii qabaachuu dandaʼa? Waaʼee dhimma kanaa hammam beeka? Maree kanarraa waaʼee maalii akka hubatu gochuu barbaadda? Deebiin gaaffiiwwan kanaa yaadawwan irratti qophaaʼuu qabdu si hubachiisu.
Yaada mataduree sii kenname balʼisuuf gargaaru eessaa argachuu dandeessa? Kitaaba kana fuula 33 hanga 38rratti, mataduree “Qorannaa Gochuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?” jedhu argatta. Kanaaf boqonnaa kana erga dubbistee booda, barreeffama qorannaa gochuuf si gargaaranitti fayyadami. Yeroo baayʼee yaada barbaaddurra caalu daftee argachuu dandeessa. Dhimma kanarratti odeeffannoo hangamii argachuu akka dandeessu hubachuuf hamma dandeesse dubbisi. Haataʼu malee, yeroo kanatti yoomessakeefi nama wajjin dhiheessitu tilmaama keessa galchi. Qabxiiwwan gaarii taʼanirratti mallattoo godhi.
Qabxiiwwan kutaa keetiif taʼan qindeessitee xumuruukee dura, mala haasaa gorsi irratti sii kennamu dubbisi. Sababii guddaan kutaa kana itti dhiheessitu, mala haasaa gorsi irratti sii kennamu hojiirra oolchuudha.
Kutaakee yeroo sii kennametti xumuruunkee gammachuu siif argamsiisa; yeroo sii kennametti xumuruu baannaan garuu haasaakee akka dhaabdu milikkinni sii kennamuu dandaʼa. Tajaajilarratti garuu, yeroo baayʼee waaʼeen saʼaatii nu hin yaaddessu. Wanti bakki guddaan kennamuufii qabu akka gaariitti barsiisuu yoo taʼeyyuu, yommuu kutaakee qophooftu yeroo sii kenname tilmaama keessa galchi.
Mee Waaʼee Yoomessaa Haa Ilaallu. Yaadawwan fuula 82rratti argaman qoruudhaan, yoomessa tajaajilaafis taʼe barumsicha karaa hojiirra ooluu dandaʼuun dhiheessuuf si gargaaru tokko filadhu. Mana barumsichaa keessatti yeroo muraasaaf kutaa dhiheessaa kan turte taanaan, carraan kun guddina argisiisuufi tajaajilakee fooyyessuuf akka si gargaaru hubadhu.
Ilaaltuun olaanaa Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii yoomessa yoo sii kenne, itti hojjechuuf carraaqqii godhi. Yoomessi hedduun dhugaa baʼuurratti kan xiyyeeffatedha. Yoomessa kanatti fayyadamtee tajaajilarratti dhugaa baatee hin beektu taanaan, babalʼistoota muuxannoo qaban gaafadhu. Dandaʼamnaan yoomessa sii kennametti fayyadamuudhaan, qabxiiwwan kutaakee keessatti argaman nama tajaajilarratti argattee wajjin irratti mariʼadhu. Akkas gochuunkee, kaayyoo leenjichaa hubachuuf si gargaara.
Kutaa Haasaadhaan Dhihaatu
Dhiira cuuphame yoo taate, gumichaaf haasaa gabaabaa akka dhiheessitu ramadamuu dandeessa. Kutaawwan kana yommuu qophooftu, qabxiiwwan buʼuuraa kutaawwan barattootaa hojiin argisiisaan dhihaatanii wajjin wal fakkaatu. Garaagarummaansaanii dhaggeeffattootaafi akkaataa kutichi itti dhihaatudha.
Yeroo baayʼee karaa dhaggeeffattoota fayyaduun barumsicha qophaaʼuun barbaachisaadha. Dhaggeeffattoonni hedduun dhugaa Macaafa Qulqulluu buʼuura taʼan beeku. Mataduree akka dhiheessitu sii kenname akka gaariitti beeku taʼa. Kanaaf, waaʼee matadureekee hangam akka beekan tilmaama keessa galchi. Kutaa dhiheessiturraa faayidaa akka argatan gochuuf yaali. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Mataduree ani dhiheessu, anis taʼe namoonni na dhaggeeffatan dinqisiifannaa Yihowaadhaaf qabnu akka guddifannu kan nu gargaaru akkamitti? Barumsicha keessaa fedha Waaqayyoo akka hubannu wanta nu gargaaru akkamii arganna? Haasaan kun, biyya lafaa isa toʼannaa hawwa fooniitiin qabame keessatti murtoo sirrii akka goonu kan nu gargaaru akkamitti?’ (Efe. 2:3) Gaaffiiwwan kanaaf deebii quubsaa argachuun qorannaa gochuu gaafata. Macaafa Qulqulluurraa yommuu caqastu, caqasicha dubbistee qofa bira hin darbin. Caqasawwan dubbiste ibsuufi caqasawwan kun murtoo tokkorra gaʼuuf kan gargaaran akkamitti akka taʼe ifa gochuu qabda. (HoE. 17:2, 3) Yaada hedduu ibsuuf hin yaalin. Kutaakee karaa yaadachuuf nama hin rakkisneen dhiheessi.
Qophii gochuun, akkaataa itti haasaa dhiheessinuuf xiyyeeffannaa kennuu dabalata. Kun wanta akka salphaatti ilaalamu miti. Haasaakee sagaleekee ol kaasii shaakali. Gorsa malawwan haasaa garaagaraarratti sii kennaman qorachuufi hojiirra oolchuuf carraaquunkee, guddina keetiif gumaacha guddaa qaba. Haasaa dhiheessuuf haaraa taatus taʼuu baattus, dhimma sanatti akka amantuufi karaa miira barumsichaaf taʼu argisiisuun dhiheessuuf akka gaariitti qophaaʼi. Kutaawwan sii kennaman hunda yommuu dhiheessitu, kaayyoonkee dandeettii dubbachuu Waaqayyo sii kennetti fayyadamtee Yihowaa jajuu akka taʼe hin dagatin.—Far. 150:6.