LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 43 ful. 234-ful. 235 key. 3
  • Barreeffama Ramadametti Fayyadamuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barreeffama Ramadametti Fayyadamuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kutaawwan Barataa Qophaaʼuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Haasaawwan Gumiidhaaf Dhihaatan Qophaaʼuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Toorii Qopheessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Qabxiiwwan Gurguddaa Addeessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 43 ful. 234-ful. 235 key. 3

Qayyabannaa 43

Barreeffama Ramadametti Fayyadamuu

Maal gochuu qabda?

Haasaankee mataduree kenname keessaa baʼuu hin qabu; barreeffamni barumsicha irraa dhiheessitu yoo sii ramadamemmoo, caqasaafi qabxiiwwan gurguddaa achirratti argamanitti fayyadami.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Barreeffama nuu ramadamerratti hundoofnee haasaa kan dhiheessinu yoo taʼe, nyaata hafuuraa hojjetaan amanamaaniifi ogeessi qopheessuuf kabaja akka qabnu argisiisna.

MACAAFNI QULQULLUUN, gumii Kiristiyaanaa dhagna namaa wajjin wal fakkeessa. Buusaawwan dhagnaa “hojii adda addaa” kan qaban taʼanis hundinuu nu barbaachisu. Nuyis mirga nuu kenname hunda fudhannee itti hojjechuu qabna. Kana jechuun, yaada nutti tole waan arganneef qofa barumsawwan tokko tokko baayʼee barbaachisaa akka hin taane yaaduu mannaa, kutaa nuu kennamu hunda akka gaariitti qophoofnee dhiheessuu qabna. (Rom. 12:4-8) Hojjetaan amanamaaniifi ogeessi nyaata hafuuraa “yeroodhaan” akka qopheessu itti gaafatamummaan kennameeraaf. (Mat. 24:45) Kanaaf, qajeelfama nuu kenname hordofnee kutaa dhiheessuun keenya, qophii kanaaf kabaja akka qabnu argisiisa. Kunimmoo guutummaan gumichaa hojiisaa rakkina tokko malee akka raawwatu godha.

Qabxiiwwan Haasaakeetti Dabaltu. Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti kutaan yoo sii kenname mataduree sii kennamee keessaa hin baʼin. Yeroo baayʼee barreeffamni kutaa irraa dhiheessitu sii ramadama. Akkas taʼuu baannaan garuu, barreeffamoota garaagaraarraa qabxiiwwan barbaaddu walitti qabachuu dandeessa. Haataʼu malee, yommuu haasaakee qophooftu guutummaan qabiyyee barumsichaa mataduree sii kennamee keessaa baʼuu akka hin qabne hin dagatin. Kana malees, qabxiiwwan haasaakee keessatti itti fayyadamtu yommuu filattu dhaggeeffattootakee tilmaama keessa galchuu qabda.

Barreeffama kutaa irraa dhiheessitu akka gaariitti qayyabadhu; caqasoota achi keessatti argamanis barumsichaa wajjin walqabsiisuu yaali. Achiis, barumsicha karaa dhaggeeffattoota fayyaduun akkamitti dhiheessuu akka dandeessu yaadi. Qabxii gurguddaa haasaakee keessatti itti fayyadamtu lama ykn sadii filadhu. Caqasoota barreeffamicharraa dubbistuufi ibsuu barbaaddus filadhu.

Barreeffamicharraa yaada hammamii dhiheessuu qabda? Qabxiiwwan akka gaariitti dhiheessuu dandeessu qofa filadhu. Odeeffannoo hedduu itti dabaluudhaan haasaankee miʼaa akka dhabu hin godhin. Qabxiiwwan tokko tokko kaayyookee galmaan gaʼuuf si hin gargaaran taanaan, qabxiiwwan kaayyookee galmaan gaʼuuf si gargaaran qofarratti xiyyeeffadhu. Qabxiiwwan hubannaa dhaggeeffattootaa guddisaniifi caalaatti isaan fayyadan qofa filadhu. Barreeffama ramadametti fayyadamuu jechuun, yaada achirratti argamu hundaatti fayyadamuu jechuu utuu hin taʼin achi keessaa utuu hin baʼin dubbachuu jechuudha.

Yommuu haasaa dhiheessitu kaayyoonkee barreeffama sii kenname irra deebiʼuu miti. Qabxiiwwan muraasa ibsuu, balʼinaan ibsuu, fakkeenyaan ibsuufi akkamitti hojiirra oolchuun akka dandaʼamu fakkeenya kennuu qabda. Yaadawwan dabalataa, barreeffama sii kenname bakka buusuuf utuu hin taʼin, qabxii barbaachisaa barreeffamicharratti argamu balʼisuuf itti fayyadami.

Obboloonni barsiisuuf ulaagaa barbaachisu guutan Walgaʼii Tajaajilaarratti kutaa akka dhiheessan ramadamuu dandaʼu. Yeroo kanatti yaada barreeffamicharratti argamutti fayyadamuu malee, yaada garabiraa itti dabaluu akka hin qabne ni hubatu. Obboloota haasaa sabaa dhiheessaniifis tooriin ni kennama. Tooriin kun namni haasa sabaa dhiheessu yaada tokko akka itti dabalu kan isaaf heyyamu taʼus, qabxiiwwan gurguddaa balʼinaan ibsamuu qaban, yaadawwan isaaniin deggeraniifi caqasawwan barumsichaaf buʼuura taʼan ibsa. Barreeffama haasicha akka irraa dhiheessitu sii kenname keessaa utuu hin baʼin akkamitti barsiisuun akka dandaʼamu barachuunkee, barsiisuuf mirga dabalataa akka argattu karaa sii bana.

Leenjiin kun, namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu karaa hafuuraa akka guddatan gargaaruuf si dandeessisa. Kana malees, qabxiiwwan mataduree dhiheessaa jirtuu wajjin walitti dhufeenya hin qabne addeessuudhaan, matadureekee keessaa akka hin baaneefi barumsa dhiheessaa jirturratti xiyyeeffachuuf si gargaara. Yaanni barumsa kanaa sirriitti sii galeera taanaan garuu, ibsa dabalataa baratichaaf barbaachisu kennuu hin qabu jettee hin yaaddu.

KANA GOCHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

  • Qabxiiwwan haasaakee wajjin walitti dhufeenya qaban qofatti fayyadami.

  • Barreeffamni haasaa irraa dhiheessitu yoo sii ramadame, qabxiiwwan gurguddaafi caqasawwan barbaachisaa taʼan achirraa malee bakka garabiraadhaa hin filatin.

GILGAALA: Guyyoota sadiif caqasa guyyaa guyyaa yommuu dubbistu, jecha ykn gaalee mataduree ibsamaa jiru addeessu jala muri. Yaada gabaabaa mataduree ibsamaa jiruu wajjin kallattiidhaan walitti dhufeenya qabu tokko ykn lama jala muri. Achiis, caqasichaafi qabxiiwwan mallattoo itti gooterratti hundaaʼuudhaan waaʼee mataduree sanaa jecha mataa keetiin ibsi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi