Qayyabannaa 37
Qabxiiwwan Gurguddaa Addeessuu
HAASAA tokko keessatti qabxiiwwan gurguddaa kan jedhaman kamfaʼi? Yaadawwan gaggaariin gabaabaatti dubbattee bira darbitu hundi qabxii gurguddaadha jechuu miti. Qabxiiwwan gurguddaa kan jedhaman, yaadawwan barbaachisoo haasaakee balʼinaan ibsuuf gargaaraniifi kaayyoo haasaakee galmaan gaʼuurratti shoora guddaa qabanidha.
Qabxiiwwan gurguddaa addeessuuf wanti gargaaru inni guddaan, qabxiiwwan kana of eeggannoodhaan filachuufi qindeessuudha. Yeroo baayʼee haasaa tokko dhiheessuuf yommuu qorannoo gootu, qabxiiwwan hedduu argachuu dandeessa. Qabxiiwwan itti fayyadamtu filachuuf maaltu si gargaaruu dandaʼaree?
Tokkoffaa, waaʼee dhaggeeffattootakee yaadi. Dhaggeeffattoonnikee barumsa dhiheessitu beekumoo, hin beekan? Baayʼeensaanii dhimma kana ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhutti ni amanuu? Moo, namoonni barumsicha shakkan tokko tokko jiru? Dhimma sana ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu hojiirra oolchuuf yommuu carraaqan qorumsa akkamiitu isaanirra gaʼa? Lammaffaa, kaayyoon barumsa kana itti dhiheessitu ifa sii taʼuu qaba. Yaadawwan olitti ibsaman lamaan sammuutti qabachuudhaan, qabxiiwwan walitti qabatte erga madaaltee booda qabxiiwwan caalaatti barbaachisaa taʼan qofa filadhu.
Tooriin yaada ijoofi qabxiiwwan gurguddaa qabate yoo sii kenname, haasaankee isarratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. Haataʼu malee, qabxiiwwan gurgudda balʼinaan yommuu dhiheessitu yaadawwan armaan olitti kennaman tilmaama keessa kan galchitu yoo taʼe, barumsicha karaa dhaggeeffattoota fayyaduun dhiheessuu dandeessa. Tooriin sii hin kennamne taanaan garuu, qabxiiwwan gurguddaa situ filata.
Qabxiiwwan gurguddaan yoo ifa sii taʼaniifi qabxiiwwan isaan jalatti balʼinaan ibsitu akka gaariitti yoo qindeessite, haasicha dhiheessuun sitti hin ulfaatu. Kana yoo goote, dhaggeeffattoonnis haasicharraa faayidaa akka argatan beekamaadha.
Karaawwan Barumsicha Itti Qindeessuu Dandeessu. Haasaakee karaa garaagaraa qindeessuu dandeessa. Kana yoo hubatte, kaayyoo haasaa keerratti hundaaʼuudhaan haasicha karaa buʼa qabeessa taʼe addaddaatiin qindeessuu dandeessa.
Qabxiiwwan gurguddaa mataduree xixiqqaadhaan hihhiruun, akka barbaa chisummaasaatti sirreeffama gochuuf gargaara. (Qabxiiwwan gurguddaan hundi, dhaggeeffattoonnikee barumsa sana caalaatti akka hubatan ykn kaayyoo haasaakee galmaan gaʼuuf kan gargaaru waan taʼeef barbaachisaadha.) Malli garabiraanimmoo, duraa duuba yerootiin kaaʼuudha. (Fakkeenyaaf, jalqabarratti wanta Bishaan Badiisaa dura raawwatame, achiis wanta Dh.K.B. bara 70tti Yerusaalem baduushee dura raawwatame erga caqasnee booda, wanta bara keenyatti raawwatame caqasuu dandeenya.) Malli sadaffaan, sababiifi buʼaa ykn miidhaa waan tokkoo ibsuudha. (Sababiifi buʼaa ykn miidhaasaa keessaa isa tokko dursuun ni dandaʼama. Fakkeenyaaf buʼaa ykn miidhaa haala yeroo harʼaatti argamu tokko erga caqastee booda, sababiisaa ibsuu dandeessa.) Malli arfaffaanimmoo, wantoota faallaa taʼan walbira qabanii ibsuudha. (Wanta gaariifi gadhee taʼe walbira qabdee ibsuu dandeessa.) Darbee darbee, haasaan tokko mala tokkoo oliin qindeeffamuu dandaʼa.
Isxifaanos sobaan himatamee Yaaʼii warra Yihudootaa duratti yommuu dhihaate, qabxiiwwansaa dura duuba yerootiin qindeessee karaa nama amansiisuun dhiheesseera. Hojii Ergamootaa 7:2-53 yommuu dubbistu, qabxiiwwan inni itti fayyadame itti yaadamanii kan filataman taʼuusaanii qalbeeffadhu. Isxifaanos akkuma haasaasaa jalqabeen, seenaa dhaggeeffattoonnisaa haaluu hin dandeenye dubbachaa akka jiru ibseera. Achiis, Yoseefiin obboloonnisaa yoo isa jibbaniyyuu, Waaqayyo sabasaa oolchuuf akka itti fayyadame dubbateera. Ittaansuudhaanis, Yihudoonni Musee isa Waaqayyo muudeef utuu hin abboomamin hafuusaanii caqase. Dhumarrattis, Yihudoonni Yesus Kiristosiin ajjeesisan, dogoggora abbootiinsaanii raawwatanirra akka deebiʼan ibseera.
Qabxiiwwan Gurguddaa Hin Baayʼisin. Yaada ijoo tokko balʼisuuf kan barbaachisu qabxii muraasa qofadha. Yeroo baayʼee qabxiiwwan gurguddaan shanirra hin caalan. Kan jechuun, kutaankee daqiiqaa 5, daqiiqaa 10, daqiiqaa 30 ykn isaa ol kan fudhatu yoo taʼellee, qabxiiwwan gurguddaan kanarra hin caalan jechuudha. Qabxiiwwan gurguddaa hedduu addeessuuf hin yaalin. Dhaggeeffattoonni, haasaa tokko keessaa yaadatti qabachuu kan dandaʼan qabxiiwwan gurguddaa muraasa qofadha. Haasaansaa yommuu dheerachaa deemu, qabxiiwwan gurguddaanis jabeeffamanii ibsamuufi adda baafamanii kaaʼamuu qabu.
Qabxiiwwan gurguddaa hangamiyyuu yoo fayyadamte, qabxiiwwan hunda sirriitti ibsuu qabda. Dhaggeeffattoonni qabxiiwwan gurguddaa hundarratti akka xiinxalaniifi yaadatti qabachuu akka dandaʼanitti yeroo gaʼaa kenniif.
Haasaakee karaa salphaatti namaa galuun dhiheessi. Haasaa salphaatti namaa galu dhiheessuun, yeroo hunda barumsi dhihaatu baayʼee ykn xinnoo taʼuusaarratti kan hundaaʼe miti. Yaanni dhiheessitu, qabxiiwwan gurguddaa muraasa jalatti kan tarreeffameefi duraa duubaan kan dhihaatu yoo taʼe, haasaakee hordofuufi yaadachuun nama hin rakkisu.
Qabxiiwwan Gurguddaa Addeessi. Qabxiiwwan dhiheessitu sirriitti kan qindeeffaman yoo taʼan, gaʼeen isaan haasaakee keessatti qaban akka gaariitti ifa taʼa.
Karaan qabxii guddaa adda baasuuf gargaaru inni guddaan, ragaawwan, caqasootaafi yaadawwan qabxii guddaa kanarratti xiyyeeffatan kan biraa dhiheessuudha. Qabxiiwwan xixinnoon hundi, yaada ijoo kan ibsan, kan mirkaneessan ykn kan jabeessan taʼuu qabu. Yaanni tokko kan namatti tolu yoo taʼellee, qabxii dhiheessaa jirtuu wajjin walitti dhufeenya hin qabu taanaan itti hin fayyadamin. Qabxiiwwan xixinnoo yommuu ibsitu, qabxiiwwan kun qabxiiwwan gurguddaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qaban ibsi. Dhaggeeffattoonni ofumasaaniitii yaada sana wal qabsiisu jettee hin yaadin. Darbitee darbitee jechoota furtuu taʼaniifi yaada ijoo ibsan ykn qabxiiwwan gurguddaa irra deddeebitee caqasuudhaan, walitti dhufeenya qabxiiwwan gurguddaaniifi xixinnoon qaban ifa gochuu dandeessa.
Obboloonni haasaa dhiheessan tokko tokko qabxiiwwan gurguddaa addeessuu barbaadan lakkoofsaan tarreessanii kaaʼu. Malli kun qabxiiwwan gurguddaa addeessuuf kan gargaaru taʼus, qabxiiwwan kana of eeggannoodhaan filachuufi barumsicha akka gaariitti wal qabsiisanii dhiheessuun barbaachisaadha.
Yaadawwan qabxii gurguddaa jala jiran balʼinaan ibsuukee dura, qabxiiwwan gurguddaa caqasuu barbaadda taʼa. Kunis dhaggeeffattoonni barumsicha hawwiidhaan akka eeggatan gochuufi qabxiiwwan gurguddaa addeessuuf gargaara. Qabxiiwwan sana balʼinaan erga ibsitee booda gabaabaatti irra deebiʼuudhaan, caalaatti addeessuu dandeessa.
Tajaajilarratti. Yaadawwan olitti ibsaman haasaa dhiheessituuf qofa utuu hin taʼin, maree tajaajilarratti gootuufis si gargaaru. Kanaaf tajaajilaaf yommuu qophooftu, dhimma namoota naannookee yaaddessu tokko sammuutti qabadhu. Dhimma kana ilaalchisee Macaafni Qulqulluun abdii akkamii akka kennu ibsuuf, yaada ijoo tokko filadhu. Achiis, qabxiiwwan gurguddaa yaada ijoo kana balʼisuuf si gargaaran lama filachuu dandeessa. Caqasoota qabxiiwwan kana deggeranis filadhu. Sana booda maricha akkam jettee jalqabuu akka dandeessu yaadi. Qophii akkasii gochuunkee, yeroo namootaa wajjin mariʼattu qabxiiwwankee akka barbaachisummaasaatti jijjiiruuf si gargaara. Namni haasofsiistus qabxiiwwan irratti mariʼattan salphaatti akka yaadatu isa gargaara.