LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • th qayyabannaa 14 ful. 17
  • Qabxiiwwan Guguddaa Adda Baasuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qabxiiwwan Guguddaa Adda Baasuu
  • Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qabxiiwwan Gurguddaa Addeessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Toorii Qopheessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Yaada Ijoo Bal’inaan Ibsuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Qabxiilee Ijoo Irra Deebiʼi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
Dabalataan Ilaaluuf
Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
th qayyabannaa 14 ful. 17

QOʼANNAA 14

Qabxiiwwan Guguddaa Adda Baasuu

Caqasa kenname

Ibroota 8:1

YAADA IJOO: Dhaggeeffattoonni haasaa kee akka hordofan gargaari, akkasumas qabxiiwwan guguddaan kaayyoo kee fi yaada ijoo barumsichaa wajjin akkamitti akka wal qabatan ifa godhi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Kaayyoo qabaadhu. Haasaan kee odeeffannoo kennuu, amansiisuu ykn hojiidhaaf kakaasuu keessaa isa kamiif akka qophaaʼe yaadi, achiis haala kanaan qophaaʼi. Qabxiiwwan guguddaan hundi kaayyoo kee galmaan gaʼuuf si gargaaruu isaanii mirkaneessi.

    Gorsa gaarii

    Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Dhaggeeffattoonni koo waaʼee barumsa kanaa gaaffii ykn mormii akkamii qabaachuu dandaʼu? Gaaffii ykn mormii kana duraa duuba akkamiitiin qindeessanii kaasuu dandaʼu?’ Achiis dhaggeeffattoonni kee akka si hordofan, akka hubatanii fi odeeffannoo ati kennitu akka fudhataniif qabxiiwwan kee duraa duuba isaan dhiheessuu dandaʼaniin qindeessi.

  • Yaada ijoo haasaa keetii addeessi. Jechoota ijoo yaada ijoo keetii irra deebitee caqasuudhaan ykn jechoota wal fakkaatanitti fayyadamuudhaan guutummaa haasaa kee keessatti yaada ijoo haasaa keetii caqasi.

  • Qabxiiwwan guguddaan ifaa fi salphaa akka taʼan godhi. Qabxiiwwan guguddaa yaada ijoo barumsa keetii wajjin wal qabatanii fi yeroo siif ramadame keessatti sirriitti barsiisuu dandeessu qofa filadhu. Qabxiiwwan guguddaa hin baayʼisin, qabxiiwwan guguddaa hunda ibsi, gidduu gidduu isaaniitti takka dhaabadhu, akkasumas qabxii guddaa tokko irraa gara isa kaaniitti suuta jedhii ceʼi.

    Gorsa gaarii

    Dhaggeeffattoonni akka si hordofan gargaaruuf qabxiiwwan guguddaa ittiin lixa kee irratti ibsuu ykn akka yaadatan gargaaruuf xumura irratti irra deebiʼuu dandeessa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi