Qayyabannaa 36
Yaada Ijoo Bal’inaan Ibsuu
OBBOLOONNI muuxannoo qaban, yaada ijoo tokkorratti hundaaʼanii haasaa dhiheessuun faayidaa akkamii akka qabu ni hubatu. Yommuu haasaa dhiheessuuf qophaaʼan, yaanni ijoon qabxiiwwan muraasarratti akka xiyyeeffataniifi gadi fageenyaan akka irratti yaadan isaan gargaara. Akkas gochuunsaanii, qabxiiwwan hedduu irra fiiganii dhiheessuu mannaa, karaa dhaggeeffattoota fayyaduun barumsicha qindeessuuf isaan gargaara. Qabxii gurguddaan hundi yaada ijoo haasichaa wajjin kan wal qabateefi yaada ijoo sana caalaatti kan ibsu yoo taʼe, dhaggeeffattoonni qabxiiwwan sana yaadachuufi kaayyoo qabxiiwwan kanaa hubachuu dandaʼu.
Yaanni ijoo haasaakee, mataduree haasichaa jedhamuu dandaʼa; haataʼu malee, matadureen yaada ijoo haasaakee qabxii tokko qofa akka taʼe yoo hubatte haasaa gaarii kennuu dandeessa. Matadureen waaʼee Mootummaa Waaqayyoo, waaʼee Macaafa Qulqulluufi waaʼee duʼaa kaʼuu dubbatu balʼinaan ibsamuu dandaʼa. Matadureewwan kana keessaa yaada ijoo hedduu armaan gaditti argaman baasuun ni dandaʼama: “Mootummaan Waaqayyoo Bulchiinsa Dhugaati,” “Mootummaan Waaqayyoo Lafa Jannata Godha,” “Macaafni Qulqulluun Geggeessaa Hafuura Waaqayyootiin Kan Barreeffamedha,” “Macaafni Qulqulluun Qajeelfama Yeroo Keessa Jiraannuuf Taʼu Qabateera,” “Abdiin Duʼaa Kaʼuu Namoota Gaddan Ni Jajjabeessa,” akkasumas “Abdiin Duʼaa Kaʼuu Ariʼatamni Yommuu Nurra Gaʼu Jabaannee Akka Dhaabannu Nu Gargaara.” Yaadawwan ijoo kana karaa garaagaraa ibsuu dandeenya.
Yesus Kiristos tajaajilasaa isa lafaarratti yaada ijoo ‘Mootummaan Waaqayyoo dhihaateera’ jedhu jabeessee kan ibse siʼa taʼu, yaanni ijoo Macaafa Qulqulluu inni guddaanis kanadha. (Mat. 4:17) Yaanni ijoon kun irra deddeebiʼamee kan dubbatame akkamitti? Waaʼeen Mootummaa kanaa Wangeelota arfan keessatti al 110 caalaa caqasameera. Yesus jecha “mootummaa” jedhu irra deddeebiʼee caqasuu caalaas wanta raawwate qaba. Namoota kan barsiiseefi dinqiiwwan kan raawwate siʼa taʼu, wantoonni kunimmoo inni Ilma Waaqayyoofi Masiihicha isa Mootummaan kun kennamuuf taʼuusaa kan mirkaneessan turan. Yesus, namoonni kaanis karaasaa Mootummaa kana dhaaluuf carraa akka argatan ibseera. Namoonni mirga kana argatan amalawwan akkamii argisiisuu akka qabanis ibseera. Barumsawwan barsiiseefi dinqiiwwan raawwateen Mootummaan Waaqayyoo jireenya namootaa akkamitti akka jijjiiru, akkasumas gargaarsa hafuura Waaqayyootiin hafuurota hamoo baasuudhaan ‘mootummaan Waaqayyoo dhaggeeffattootasaatti akka dhufe’ ifa godheera. (Luq. 11:20) Duuka buutonnisaas waaʼee Mootummaa kanaa dhugaa akka baʼan ajajeera.—Mat. 10:7; 24:14.
Yaada Ijoo Barumsichaaf Taʼutti Fayyadamuu. Yaada ijoo tokko akka Macaafa Qulqulluutti balʼinaan akka ibsitu kan sirraa hin eegamne taʼus, yaanni ijoon haasaakeetiif taʼu jiraachuunsaa barbaachisaadha.
Yaada ijoo haasaakeetiif taʼu situ filata taanaan, jalqaba kaayyoon haasaakee maal akka taʼe yaadi. Qabxiiwwan gurguddaan toorii haasaa irraa dhiheessiturra jiran, yaada ijoo filatte kan deggeran taʼuu qabu.
Yaanni ijoon kan sii kenname yoo taʼemmoo, kallattii kamiin ibsuu akka qabdu hubachuuf barumsicha of eeggannoodhaan qoradhu. Yaanni ijoon hangam barbaachisaa akka taʼeefi akkamitti ibsamuu akka qabu hubachuuf carraaqqii gochuun si barbaachisa. Barumsa yaada ijoo sana balʼisuuf si gargaaru situ filata taanaan, yaanni ijoon sun utuu hin hubatamin akka hin hafne of eeggannoo godhi. Yaanni barumsichaa sii kennameera taanaanimmoo, barumsa kana yaada ijoo wajjin haala walsimuun dhiheessuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe hubadhu. Akkasumas, barumsichi dhaggeeffattootaaf barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼeefi kaayyoon barumsichaa maal akka taʼe yaaduun si barbaachisa. Kana gochuunkee, qabxiiwwan haasaakee keessatti jabeeffamuu qaban murteessuuf si gargaara.
Yaada Ijoo Jabeessuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Yaada ijoo barumsichaa jabeessuuf, yeroo qabxiiwwan si barbaachisan filattuufi qindeessitu buʼuura kaaʼuu qabda. Qabxiiwwan yaada ijoo deggeran qofa yoo filatteefi toorii gaarii akkamitti qopheessuun akka dandaʼamu qajeelfama kenname sirriitti yoo hordofte, yaada ijoo barumsichaa salphaatti jabeessuu dandeessa.
Irra deddeebiʼuun yaada ijoo caalaatti ifa gochuuf gargaaruu dandaʼa. Yaanni ijoo haasaa tokkoo, ceesisa muuziqaa keessatti irra deddeebiʼamee dhagaʼamuu wajjin wal fakkaata. Ceesisni sun yeroo hunda karaa wal fakkaatuun irra deddeebiʼamuu dhiisuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko gaalee tokko ykn lama qofatu irra deddeebiʼama ykn jijjiirama muraasa qofatu ceesisasaarratti godhama taʼa; taʼus namni muuziqaa sana qindeesse ceesisni sun kutaa muuziqichaa keessatti irra deddeebiʼamee akka dhagaʼamu godha. Yaanni ijoo haasaa tokkoos, ceesisa muuziqaa wajjin kan wal fakkaatu taʼuu qaba. Jechoota barbaachisaa taʼaniifi yaada ijoo keessatti argaman irra deebiʼuun, ceesisa darbee darbee muuziqaa keessatti dhagaʼamuu wajjin wal fakkaata. Jechoota wal fakkaatanitti fayyadamuudhaan ykn yaada ijoo karaa adda taʼeen ibsuudhaan qabxii kana karaa garaagaraa irra deddeebiʼuun ni dandaʼama. Akkas gochuun dhaggeeffattoonni yaada ijoo sana dafanii akka hin irraanfanne godha.
Seera buʼuuraa kana yommuu haasaa dhiheessitu qofa utuu hin taʼin, tajaajilarrattis itti fayyadamuu dandeessa. Mareen gootu gabaabaa taʼullee, yaanni ijoon akka gaariitti yoo jabeeffame qabxiinsaa dafee sammuu namaa keessaa hin badu. Macaafa Qulqulluu yommuu qayyabsiisnu, yaada ijoo kan jabeessinu yoo taʼe, barumsichi salphaatti yaadatamuu dandaʼa. Yaada ijoo sirrii taʼe filachuufi yaada sana balʼisuuf carraaqqiin gootu, dandeettii haasaa dhiheessuufi Dubbii Waaqayyoo barsiisuuf qabdu sii guddisa.