LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/12 ful. 2
  • Yaada Keessan Eeggadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yaada Keessan Eeggadhaa
  • Tajaajila Mootummaa—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Walga’iin Aanaa Hariiroo Waaqayyoo Wajjin Qabnu Eeguuf Nu Gargaara
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Yaada Garaa Keessan Eegaa
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Qophii Kiristiyaanotaaf Godhame
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Dubbiin Waaqayyoo Barsiisuuf Dhimma Baasa
    Tajaajila Mootummaa—2013
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2012
km 8/12 ful. 2

Yaada Keessan Eeggadhaa

1. Matadureen walgaʼii aanaa tajaajila waggaa 2013 maalidha? Kaayyoonsaahoo maalidha?

1 Yesus, bartoonnisaa, garaasaanii, jireenyasaaniifi yaadasaanii guutuudhaan Yihowaa akka jaallatan isaan gorseera. (Mat. 22:37, 38) Walgaʼiiwwan gurguddaan waggaa kanaa kan qophaaʼan, keessa namummaa keenyaa akka cimsannu nu gargaaruufidha. Matadureen walgaʼii koonyaa keenyaa “Yaada kee Baʼeessa Godhii Eeggadhu!” kan jedhu taʼa. Matadureen walgaʼii addaa tajaajila waggaa 2013s, “Yaada Garaa Keessan Eeggadhaa” jedha. Walgaʼiin aanaa ittaansuudhaan godhamu immoo, Maatewos 22:37⁠rratti kan hundaaʼeefi “Yaada Keessan Eeggadhaa” kan jedhudha. Sagantaan kun, tokkoon tokkoon keenya yaanni keenya caalaatti Yihowaa gammachiisaa jiraachuufi dhiisuusaa qoruuf akka nu gargaaru yaadamee kan qophaaʼedha.

2. Walgaʼii aanaarratti gaaffiiwwan kamiif deebii arganna?

2 Wanta Walgaʼicharratti Dhihaatu: Walgaʼii aanaa yommuu dhaggeeffannu, gaaffiiwwan yaada ijoo taʼan armaan gadiitiif deebii arganna:

• Akka ‘yaada namootaatti’ yaaduurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

• Namoonni hin amane haguuggii sammuusaanii jaamse akka baafatan akkamitti isaan gargaaruu dandeenya?

• Yaada akkamii qabaachuu barbaanna?

• Akka gaariitti xiinxaluun faayidaawwan maalii qaba?

• Yihowaan yaada keenya akka sirreessu akkamitti heyyamuu dandeenya?

• Abbootiin manaa, haadhotiin manaa, warriifi ijoolleen gammachuu maatiisaaniitiif gumaacha gochuu kan dandaʼan akkamitti?

• Guyyaa Yihowaatiif qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti?

• Yaada keenya hojiidhaaf qopheessuu jechuun maal jechuudha?

• Namoonni wanta baratan hojiirra oolchan faayidaa akkamii argatu?

3. Guyyaa lamaanuu walgaʼii aanaarratti argamuun, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuniifi wanta baranne hojiirra oolchuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

3 Seexanni sammuu keenya mancaasuu waan barbaaduuf lola nurratti baneera. (2 Qor. 11:3) Kanaaf, sammuu keenya eeguufi yaada keenya toʼachuu qabna. Yaada Kiristos calaqqisiisuufi dhiibbaa addunyaan seera malee jiraatu nurraan gaʼuun mormuu keenya itti fufuu qabna. (1 Qor. 2:16) Kanaaf walgaʼii aanaarratti guyyaa lamaanuu argamuuf qophii godhaa. Xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa. Akkasumas barumsa barbaachisaa nuuf kennamu hojiirra oolchuun keenya, yaanni keenya hojii Mootummichaa hinaaffaadhaan raawwachuuf akka qophaaʼu gochuuf nu gargaara.—1 Phe. 1:13.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi