Dubbiin Waaqayyoo Barsiisuuf Dhimma Baasa
1. Matadureen walga’ii aanaa 2014 maal kan jedhudha? Walga’ii kanarratti gaaffii kamtu deebii argata?
1 “Barsiisaan” keenya Yihowaan, uumama cufa keessatti barsiisaa hunda caaludha. (Isa. 30:20, 21) Garuu, Yihowaan kan nu barsiisu akkamitti? Kitaabasaa isa kitaabota hundarra caalu, jechuunis Macaafa Qulqulluu isa hafuurasaatiin barreeffame nuu kenneera. Barumsi Waaqayyoo karaa qaamaa, sammuu, miiraafi hafuuraa nu gargaaruu kan danda’u akkamitti? Gaaffiin kun, walga’ii aanaa 2014rratti deebii argata. Matadureen walga’ichaa, inni “Dubbiin Waaqayyoo Barsiisuuf Dhimma Baasa” jedhu, 2 Ximotewos 3:16rratti kan hundaa’edha.
2. Yaanni ijoo ta’e deebii gaaffiiwwan kamiif kennamuun addeeffama?
2 Yaadawwan Ijoo Kanaaf Xiyyeeffannaa Kennaa: Yaanni ijoo sagantichaa deebii gaaffiiwwan armaan gadiitiif kennamuun addeeffama:
• Barumsi Waaqayyoo jireenya keenyarratti jijjiirama akkamii fida? (Isa. 48:17, 18)
• Yeroo guutuu Yihowaa tajaajiluuf jecha haala keenyarratti jijjiirama yoo goone, waa’ee maalii mirkanaa’oo ta’uu dandeenya? (Mil. 3:10)
• ‘Barsiisni orma ta’e’ ennaa nu mudatu maal gochuu qabna? (Ibr. 13:9)
• ‘Akkaataa Yesus itti barsiise’ hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Mat. 7:28, 29)
• Barsiisonni gumii keessaa, ofis barsiisuu kan qaban maaliifi? (Rom. 2:21)
• Dubbiin Waaqayyoo maaliif dhimma baasa? (2 Xim. 3:16)
• Saboonni ‘sochoofamuunsaanii’ namootarratti dhiibbaa kan geessisu akkamitti? (Hag. 2:6, 7)
• Yihowaan nurratti amanannaa akkamii qaba? (Efe. 5:1)
• Barumsa Yihowaatiin jiraachuuf carraaqqii gochuu kan qabnu maaliifi? (Luq. 13:24)
3. Sagantaa yeroosaatti dhihaate kanarratti argamuuniifi xiyyeeffannaadhaan hordofuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
3 Phaawulos, yaada matadureen sagantaa kanaa irratti hundaa’e barreessuusaa dura, guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaa ta’e akka dhufu ibseera. “Namoonni hamoonni, warri ija namaa gowwoomsanis isa gadhee irraa gara isa caalaa gadheetti gad in adeemu; namoota in wallaalchisu ofii isaaniitiis in wallaalchifamu.” (2 Xim. 3:13) Akka hin gowwoomfamne yoo barbaanne, barumsa Waaqayyoo dhaggeeffachuufi hojiirra oolchuun keenya baay’ee barbaachisaadha! Kanaafuu, sagantaa yeroosaatti dhihaate kanarratti argamuufi xiyyeeffannaadhaan hordofuuf haa murteessinu.