LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/11 ful. 3
  • ‘Jaalalli Waaqayyoo Haa Taʼu’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Jaalalli Waaqayyoo Haa Taʼu’
  • Tajaajila Mootummaa—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yaada Garaa Keessan Eegaa
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • ‘Nyaata Yeroosaatti Dhihaatu’
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Dubbiin Waaqayyoo Barsiisuuf Dhimma Baasa
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Dhaggeeffadhaa, Akkasumas Baradhaa
    Tajaajila Mootummaa—2013
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2011
km 8/11 ful. 3

‘Jaalalli Waaqayyoo Haa Taʼu’

1. Matadureen sagantaa walgaʼii aanaa waggaa tajaajila 2012⁠tti godhamuu maalidha? Dhimma kanaaf iddoo guddaa kennuun keenya gaarii kan taʼe maaliifi?

1 Hundi keenya kan uumamnee jaalala Yihowaatiinidha. (Mul. 4:11) Kanaaf, waaʼee fedha Waaqayyoo utuu hin baratin, akkasumas fedhasaa utuu hin raawwatin kaayyoo itti uumamne galmaan gaʼuu hin dandeenyu. ‘Fedha namummaa keenyaafi yaada keenyaa’ ykn ‘wanta warri saba Waaqayyoo hin taʼin hojjechuu jaallatan’ akka goonu keessa keenyaa dhiibbaan waan nurra gaʼuuf, kana gochuun akka yaadamutti salphaa miti. (Efe. 2:3; 1 Phe. 4:3; 2 Phe. 2:10) Gargaarsa Waaqayyoo yoo argachuu baanne, ‘Seexana isa jaalalasaa akka goonuuf kiyyoosaatti nu galchuu barbaaduun’ qabamuu dandeenya. (2 Xim. 2:26) Sagantaan walgaʼii addaa waggaa tajaajilaa 2012⁠tti godhamu, kadhannaa akka fakkeenyaatti ilaalamu isa, “Jaalalli kee . . . haa taʼu!” jedhuufi sadarkaa sadaffaarratti ibsamee wajjin haala walsimuun akka jiraannu nu gargaara.—Mat. 6:9, 10.

2. Gaaffiiwwan saganticharratti deebii argatan kamfaʼi?

2 Gaaffiiwwan Deebii Argatan: Yommuu saganticha dhaggeeffattan gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii argachuuf yaalaa: Wanti sagalee Waaqayyoo dhaggeeffachuu caalaa iddoo guddaa qabu maalidha? Fedhiin Waaqayyo nuuf qabu maal akka taʼe hubachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Namoota hunda gargaaruuf fedhii qabaachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Jireenya gammachiisaa taʼe jiraachuu kan dandeenyu akkamitti? Dargaggootaa, Yihowaadhaaf maal mirkaneessuu isin barbaachisa? Fedhii Waaqayyoo raawwachuun eebba akkamii argamsiisa? Namoota kaan jajjabeessuufi cimsuun ariifachiisaa kan taʼe maaliifi?

3. Qophii hafuuraa kanarraa guutummaatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Walgaʼicharratti argamuufi xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuu keessan mirkaneessaa. Bakka buʼaan Betʼel ykn daawwataan olaanaa haasaa dhiheessuunsaa hin ooluu. Saganticha duraafi booda, isaa wajjin, gaaʼela kan godhate yoo taʼemmoo haadha manaasaa wajjin haasaʼuu ni dandeessu. Yommuu gara manaatti deebitaniis wanta barattan ‘kan dhagaʼee irraanfatu’ hin taʼinaa; kanaa mannaa maatiidhaan saganticha irra deebiʼaa; akkasumas fedhii Waaqayyoo wajjin guutummaatti haala walsimuun akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeessan irratti mariʼadhaa.—Yaq. 1:25.

4. Fedha Waaqayyoo raawwachuuf dursa kennuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

4 Namoonni fedha Yihowaa raawwachuurraa duubatti jechuudhaan fedha mataasaanii duukaa buʼan, yeroo dhihootti ni balleeffamu. (1 Yoh. 2:17) Kanaaf, Yihowaan jireenya keenya keessatti fedha Waaqayyoo raawwachuuf dursa akka kenninu gargaarsa yeroosaatti barbaachisaa taʼe waan nuu qopheesseef isa galateeffanna!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi