LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/12 ful. 1
  • Yaada Garaa Keessan Eegaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yaada Garaa Keessan Eegaa
  • Tajaajila Mootummaa—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yaada Garaa Si Hin Ceephaane Qabaachuu Kan Dandeessu Akkamitti?
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Waaqayyo Duratti Qalbii Gaarii Qabaachuu
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Qalbii Koo Leenjisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Yaadni Garaa Kee Itti Amanamuu Kan Dandeessu Dhaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2012
km 8/12 ful. 1

Yaada Garaa Keessan Eegaa

1. Matadureen walgaʼii addaa waggaa tajaajilaa 2013 maalidha? Kaayyoon sagantichaahoo maalidha?

1 Guyyaa guyyaatti, haalawwan yaada garaa keenya nu jalaa mancaasuu dandaʼan nu mudatu. Kanaaf sagantaan walgaʼii addaa waggaa tajaajilaa 2013f baʼe mataduree, “Yaada Garaa Keessan Eegaa” jedhuun qophaaʼeera. (1 Xim. 1:19) Sagantaan kun, tokkoon tokkoon keenya akkaataa kennaa dinqisiisaa uumaa keenyarraa arganne kanatti fayyadamaa jirruuf xiyyeeffannaa guddaa akka kenninu nu gargaaruuf kan qophaaʼedha.

2. Walgaʼii addaarratti gaaffiiwwan gurguddaa kamfaatu deebii argata?

2 Wantoota Kanarratti Xiyyeeffadhaa: Sagantaan kun gaaffiiwwan buʼuuraa yaada garaa ilaalchisee kaʼan torbaaf deebii kenna:

• Wanti yaada garaa balaadhaaf saaxiluu dandaʼu maalidha?

• Yaada garaa keenya leenjisuu kan dandeenyu akkamitti?

• Dhiiga namoota hundumaatti gaafatamuurraa ooluun kan dandaʼamu akkamitti?

• Yaanni keenyaafi akkaataan nuti seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra itti oolchinu waaʼee keenya maal ibsa?

• Yaada garaa warra kaanii madeessuurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

• Dargaggootaa, dhiibbaa ejjennoo keessan akka laaffistaniif isaanirra gaʼu moʼuu kan dandeessan akkamitti?

• Namoonni yaada garaasaanii isa hafuura qulqulluutiin geggeeffamu hordofan eebba akkamii argatu?

3. Barumsi walgaʼii addaarratti argannu nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

3 Gargaarsa Yihowaatiin carraaqqii Seexanni yaada garaa keenya mancaasuuf godhu moʼuu ni dandeenya. Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa taʼe, karaa Dubbii Waaqayyoofi jaarmiyaasaa, “Karichi isa kana, isa irra adeemaa!” nuun jechaa jira. (Isa. 30:21) Karaa Yihowaan qajeelfama kana itti nuuf kennaa jiru keessaa tokkommoo walgaʼii addaa kanadha. Kanaaf, guutummaa sagantichaarratti argamuuf qophii godha. Barumsa dhihaatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa; dhuunfaadhaan akkamitti hojiiirra oolchuu akka dandeessanis yaadaa. Waaʼee sagantichaarratti maatiidhaan mariʼadhaa. Qajeelfama walgaʼii kanarraa argannu hojiirra oolchuun keenya, ‘yaada garaa nu hin ceephaane’ qabaannee itti fufuufi gammachuu biyya lafaa isa liphsuu ijaa gidduutti baduun akka hin gowwoomfamne of eeguuf nu gargaara.—1 Phe. 3:16.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi