LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/13 ful. 3-4
  • Dhaggeeffadhaa, Akkasumas Baradhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhaggeeffadhaa, Akkasumas Baradhaa
  • Tajaajila Mootummaa—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Nyaata Hafuuraarratti Argamuuf Qophoofteettaa?
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Yeroo Nyaata Hafuuraa Soorachuudhaan Itti Gammannu
    Tajaajila Mootummaa—2008
  • “Walitti Isaan Qabi!”
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Walgaʼiin Koonyaa Keenya—Dhugaadhaaf Ragaa Cimaa Dhiheessa
    Tajaajila Mootummaa—2012
Tajaajila Mootummaa—2013
km 4/13 ful. 3-4

Dhaggeeffadhaa, Akkasumas Baradhaa

1. Walgaʼii koonyaarratti dhaggeeffachufi barachuuf carraaqqii dabalataa gochuun kan barbaachise maaliifi?

1 Walgaʼiin koonyaa bara 2013 dhiheenyatti jalqaba. Sagantaa haala yeroo ammaatti addunyaarra jiru tilmaama keessa galche qopheessuuf hojiin hedduun hojjetameera. Guyyaa sadanuu walgaʼicharratti argamuuf qophii gootaniittuu? Walgaʼiiwwan gurguddaarratti wanti nama jeequ hedduun jiraachuu waan dandaʼuuf, saganticha xiyyeeffannaadhaan hordofuuf carraaqqii gochuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Walgaʼiin kun walgaʼii gumii caalaa saʼaatii dheeraadhaaf waan geggeeffamuuf, saʼaatii dheeraadhaaf xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuun barbaachisaadha. Kana malees, adeemsiifi wantoonni garabiraan nu dadhabsuu dandaʼu. Dammaqinaan akka dhaggeeffannuufi akka barannu maaltu nu gargaaruu dandaʼa?—Kes. 31:12.

2. Garaa keenya walgaʼii koonyaatiif qopheessuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Walgaʼiin Jalqabamuusaa Dura: Weeb saayitiin keenya inni www.jw.org jedhamu, mataduree haasaawwan hundaafi caqasa haasichaa furtuu taʼe tokko ykn lama dabalatee sagantaa walgaʼii koonyaa hunda qabatee baʼa. Intarneetiitti kan fayyadamnu yoo taʼe, odeeffannoo kana dursinee ilaaluun keenya barumsa dhihaatuuf garaa keenya akka qopheessinu nu gargaara. (Iz. 7:10) Waaqeffannaa Maatii keessanitti fayyadamuudhaan, maatiin keessan walgaʼii kana hawwiidhaan akka eeggatu gochuu dandeessuu?

3. Xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

3 Yeroo Walgaʼichi Geggeeffamutti: Yoo dandaʼame, sagantichi jalqabamuusaa dura mana boolii dhaqaa. Bilbilli isinii bilbilamu ykn ergaan isinii ergamu akka isin hin jeeqneefi isinis ergaa erguuf akka hin qoramnetti moobaayilii keessan cufaa. Bilbilli keessan banaa akka taʼu wanti isin dirqisiisu yoo jiraate, yeroo isinii bilbilamutti sagaleensaa warra kaan akka hin jeeqne godhaa. Yeroo walgaʼichi geggeeffamutti meeshaa elektirooniksiitti kan fayyadamtan yoo taʼe, karaa xiyyeeffannaa warra kaanii hin harkisneen fayyadamaa. Yeroo walgaʼiin godhamutti nyaachuufi dhuguurraa of qusadhaa. (Lal. 3:1) Obboleessa haasaa dhiheessu xiyyeeffannaadhaan ilaalaa. Yommuu caqasni dubbifamu Macaafa Qulqulluu keessan baasaa hordofaa. Yaadannoo gabaabaa qabadhaa.

4. Warri ijoolleensaanii akka dhaggeeffataniifi akka baratan akkamitti isaan leenjisuu dandaʼu?

4 Ijoolleen keenyas akka dhaggeeffataniifi akka baratan barbaanna. Fakkeenyi 29:15, “Mucaan gad-dhiisiitti guddatu garuu, haadha isaa yeellaasisa” jedha. Kanaafuu, warri ijoolleensaanii yeroo walgaʼiin godhamu dubbachuu, ergaa erguufi asiif achi deemuu mannaa xiyyeeffannaadhaan akka hordofan gochuuf, ijoolleesaanii wajjin taaʼuunsaanii gaariidha. Ijoolleen xixinnoo taʼuusaaniitiin kan kaʼe wanta jedhamu guutummaatti hubachuu baatanillee, akka hin mugneefi adabatanii akka taaʼan leenjii argachuu dandaʼu.

5. Wanta baranne irra deebinee irratti mariʼachuun faayidaa kan qabu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

5 Walgaʼicha Booda: Yeroodhaan manatti galaa. Boqonnaa gaʼaa argachuu akka dandeessanitti yeroodhaan rafaa. Wanta dhageessanirratti mariʼachuun keessan wanta sana daftanii akka hin irraanfanne isin gargaara. Kanaafuu, galgala galgala daqiiqaa muraasaaf maatiidhaan saganticharratti mariʼachuun keessan gaariidha. Hiriyoota keessanii wajjin gara mana nyaataa kan dhaqxan yoo taʼe, yaadannoo keessan qabattanii deemuudhaan yaada isin gammachiise tokko ykn lama maaliif itti hin himtan? Walgaʼicha booda yommuu gara manaatti deebitan, wanta barattan akkamitti maatiidhaan hojiirra oolchuu akka dandeessan Waaqeffannaa Maatiirratti yeroo muraasa ramaddanii irratti mariʼachuu dandeessu. Torban torbaniin wanta haaraa baʼe tokko qayyabachuuf yeroo ramaduus ni dandeessu.

6. Walgaʼii koonyaarratti argamuun qofti gaʼaadhaa? Ibsi.

6 Nyaanni dhihaate yoo nyaatameefi yoo daakame malee waamichi faayidaa hin qabaatu. Nyaata hafuuraa walgaʼii koonyaarratti dhihaatu ilaalchisees haallisaa kanaa wajjin tokkodha. Sagantaa hundarratti argamuudhaan, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuudhaan, akkasumas wanta baranne hojiirra oolchuudhaan walgaʼicharraa guutummaatti haa fayyadamnu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi