Yeroo Nyaata Hafuuraa Soorachuudhaan Itti Gammannu
1 Yihowaan jaalalaan kaka’e tajaajiltootasaatiif nyaata hafuuraa isaan barbaachisu ni kenna. Namoonni baay’een karaa hafuuraa kan beela’an yoo ta’eyyuu, nuyi akka gaariitti sooranna. (Isa. 65:13) Karaa Yihowaan nyaata hafuuraa itti nuu kennu keessaa inni tokko, walga’ii koonyaa waggaatti al tokko goonudha. Guutummaa sagantaa Walga’ii Koonyaa, “Hafuura Qulqulluudhaan Geggeeffamuu” jedhurratti argamuuf qophii gochaa jirtaa? Nyaanni hafuuraa mi’aawaafi nama jabeessu qophaa’eera.
2 Dursii Qophii Godhi: “Yaadni warra dhimmee hojjetuu bu’aa qaba.” (Fak. 21:5) Kanaafuu, guyyaa sadanuu walga’icharratti argamuuf heyyama fudhachuun kan si barbaachisu yoo ta’e, ammuma nama qacaree si hojjechiisutti himi. Bakka bultii hin qabdu yoo ta’e, qophiin akka sii godhamu gaafatteettaa? Kana malees, obbolootakee wajjin bakka walga’iitti nyaachuu akka dandeessuuf, laaqanakee fudhattee dhaquun si barbaachisa. Guyyaa hundumaa dursitee bakka walga’ii ga’uudhaan teessuma qabachuuf, akkasumas kadhannaafi faarfannaa jalqabaarratti hirmaachuuf qophii godhi.
3 Uffannaan keenya qajeelaafi akka ta’utti kan uffatame ta’uu qaba. (1 Xim. 2:9, 10) Walga’iiwwan koonyaa, saba naannoo sana jiraniif dhugaa ba’uuf carraa gaarii nuu banu. Yeroo magaalaa walga’iin itti godhamu keessa jirrutti, karaa ulfina qabuun uffachuufi kaardii qomarratti kaa’atamu godhachuun keenya, warra hin amannerraa adda ta’uu keenya waan argisiisuuf, namoota nu ilaalanirratti dhiibbaa gaarii geessisa.
4 Xiyyeeffannaadhaan Dhaggeeffadhu: Nyaata hafuuraa dhihaatu keessaa tokkollee akka nu darbu akka hin barbaanne beekamaadha. (Fak. 22:17, 18) Caqasni yommuu caqasamu Macaafa Qulqulluu keenya baasnee hordofuufi yaadannoo gabaabaa qabachuun keenya, barumsicharratti xiyyeeffachuufi yaada keenya sassaabbachuuf nu gargaara. Achiis, galgala yaadannoo keenyarraa ijoowwan sagantichaarratti warra kaanii wajjin mari’achuu dandeenya. Waggoota dhihoodhaa asitti dargaggoonni tokko tokko, utuu sagantichi geggeeffamaa jiruu waliin taa’anii akka odeessaniifi moobaayiliidhaan ergaa akka walii ergan hubatameera. Ijoollee xixinnoos ta’e umrii kurnanii keessatti argaman kan qabnu yoo ta’e, nurraa adda ba’anii hiriyootasaanii wajjin akka taa’an gochuu manaa, maatiidhaan waliin taa’uudhaan saganticha hordofuun keenya gaarii ta’uu danda’a.
5 Warra Kaanii Wajjin Haasa’i: Nyaanni mi’aawaan tokko caalaatti kan nama gammachiisu, yeroo michoota ofii wajjin nyaatamudha. (Fak. 15:17) Haaluma wal fakkaatuun, obboloota keenyaa wajjin yeroo dabarsuun keenya gammachuu walga’icharraa argannu nuu dabala. Kanaafuu sa’aatii boqonnaatti dursa fudhannee warra kaanii wajjin wal baruufi waliin haasa’uun keenya gaarii mitii? (Far. 133:1) Dura taa’aan walga’ichaa muuziqaan jalqabamuusaa dura teessuma keenya akka qabannu yommuu nu gaafatu, haasawaa keenya dhaabnee teessuma keenya qabachuudhaan hamma barumsichi jalqabutti eeggachuu qabna.
6 Carraa Argatte Hundaan Dhugaa Ba’i: Yeroo baay’ee walga’iiwwan koonyaa lallabuuf carraa gaarii nuu banu. Hojjettoonni mana nyaataafi namoonni kaan, matadureen kaardii qomarratti kaa’atamerra jiru maal akka ta’e obboloota walga’ii booda gara mana nyaataa dhaqan gaafatu. Kunimmoo maree gochuufi dhugaadhaaf akka gaariitti dhugaa ba’uuf carraa baneera. Namoota gaaffii akkasii gaafatan keessaa tokko tokko walga’iicharratti afeeramanii argamaniiru.
7 Sagantaa kana qopheessuu, bakka walga’ii mijeessuu, dippaartimantoota walga’ichaa gurmeessuufi haasaawwan walga’icharratti dhihaatan qophaa’uurratti sa’aatiin kumaan lakkaa’amu ooleera. Hojiin nyaata hafuuraa kana qopheessuuf hojjetame hundi, Yihowaan sabasaatiif jaalalaan kunuunsa akka godhu kan argisiisudha. Hundi keenya walga’icharratti argamuudhaan hamma dandeenye haa nyaannu. Kana kan goonu yoo ta’e, haala biyya lafaarraa adda ta’een ‘garaa keenyatti gammannee ni faarfanna.’—Isa. 65:14.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Yihowaan karaa hafuuraa wanta tajaajiltootasaatiif barbaachisu kan kennu akkamitti?
2. Walga’ii koonyaatiif dursinee qophii gochuun maalfaa dabalata?
3. Wayyaa akkamii uffachuu qabna?
4. Nuyis taane maatiin keenya saganticharraa guutummaatti akka fayyadamu gochuuf maaltu nu gargaara?
5. Gammachuu walga’icharraa argannu dabalu kan dandeenyu akkamitti?
6. Magaalaa walga’iin koonyaa itti godhamutti akkamitti lallabuun akka danda’amu muuxannoo argatte dubbadhu.
7. Walga’ii koonyaa dhufurratti argamuu kan qabnu maaliifi?